Wangeela
Luqaas
1
Seensa
1:1‑4 kwi – Hoj 1:1
Namoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru; kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti. Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera. Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf.
Dhalachuu Yohannis Cuuphaa
Bara Heroodis mootii Yihuudaa turetti ramaddii lubummaa Abiyaa keessaa luba Zakkaariyaas jedhamu tokkotu ture; niitiin isaa Elsaabeexis sanyii Aroon. Lamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeeltota turan. Garuu Elsaabeex waan dhabduu turteef ijoollee hin qaban ture; lamaan isaanii iyyuu dulloomanii turan.
Zakkaariyaasis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Waaqaa duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu, akkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame. 10 Yeroo ixaanni aarfamuttis* 1:10 Yeroo itti aarsaan galgalaa dhiʼeeffamuu dha. Yeroon isaas guyyaa keessaa gara saʼaatii sagalii ti. namoonni baayʼeen alatti kadhachaa turan.
11 Ergamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate. 12 Zakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate. 13 Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi. 14 Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu; 15 inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu; 1:15 Kun dirqama addaa kan namni kakuu Naazirummaa of irraa qabu tokko guutuu qabuu dha. utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama. 16 Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa. 17 Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.”
18 Zakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate.
19 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera. 20 Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.”
21 Uummannis yeroo sana sababii Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture. 22 Garuu Zakkaariyaas yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye.
23 Innis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe. 24 Ergasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane. 25 Isheenis, “Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe” jette.
Dhalachuu Yesuus
26 Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; 27 innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee 1:27 Kaadhima qabaachuun akka bartee Yihuudootaatti akkuma nama wal fuudheetti cimaa dha. Intalli kaadhimamte tokko nama biraa wajjin ciisuun garuu akkuma ejjaatti ilaalama. Walii galtee kaadhimaa diiguunis niitii ofii yookaan dhirsa ofii hiikuu wajjin tokkuma. dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture. 28 Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, “Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira” jedhe.
29 Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde. 30 Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. 31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta. 32 Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.”
34 Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte.
35 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama. 36 Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. 37 Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.”
38 Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.
Maariyaam Elsaabeexin Dubbisuu Dhaqxe
39 Yeroo sana Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara magaalaa baddaa biyya Yihuudaa tokkoo dhaqxe. 40 Isheenis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabeexin nagaa gaafatte. 41 Elsaabeexis yommuu nagaa Maariyaam dhageessetti mucaan sun gadameessa ishee keessa uʼutaale. Elsaabeexis Hafuura Qulqulluudhaan ni guutamte. 42 Isheenis sagalee ishee ol fudhattee iyyitee akkana jette; “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan ati deessus eebbifamaa dha. 43 Garuu akka haati Gooftaa koo gara koo dhuftuuf arjummaan akkanaa akkamitti naa godhame? 44 Kunoo, akkuma sagaleen nagaa keetii gurra koo seeneen ulfi gadameessa koo keessa jiru gammachuun utaaleera. 45 Wanni Gooftaan isheetti dubbate akka raawwatamu kan amante isheen eebbifamtuu dha!”
Faarfannaa Maariyaam
46 Maariyaamis akkana jette:
“Lubbuun koo Gooftaadhaaf ulfina kenniti;
47 hafuurri koos fayyisaa koo Waaqatti ni gammada;
48 inni salphina garbittii isaa argeeraatii.
Kunoo ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu eebbifamtuu naan jedha;
49 Inni humna qabeessi sun
waan guddaa naa godheeraatii;
maqaan isaa qulqulluu dha.
50 Araarri isaas warra isa sodaataniif
dhalootaa hamma dhalootaatti itti fufa.
51 Inni irree isaatiin hojiiwwan gurguddaa hojjeteera;
of tuultotas yaada garaa isaaniitiin bittinneesseera.
52 Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera;
gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera.
53 Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera;
sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera.
54 Inni araara qabeessa taʼuu isaa
yaadachaa garbicha isaa Israaʼelin gargaareera;
55 kunis akkuma inni abbootii keenyaaf,
Abrahaamii fi sanyii isaatiif bara baraan waadaa galetti.”
56 Maariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite.
Dhalachuu Yohannis Cuuphaa
57 Elsaabeexi yeroon daʼumsa ishee geenyaan ilma deesse. 58 Olloonni isheetii fi firoonni ishee akka Gooftaan araara guddaa isheef godhe dhagaʼanii ishee wajjin gammadan.
59 Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan. 60 Haati isaa garuu, “Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba” jette.
61 Isaanis, “Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru” jedhaniin.
62 Namoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan. 63 Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, “Maqaan isaa Yohannis” jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan. 64 Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe. 65 Olloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame. 66 Warri kana dhagaʼan hundinuus, “Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?” jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii.
Faarfannaa Zakkaariyaas
67 Zakkaariyaas abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate:
68 “Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan,
Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
69 Inni mana garbicha isaa mana Daawit keessatti
gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera;
70 akkuma afaan raajota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti
71 diinota keenya jalaa,
harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee
72 araara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf,
kakuu isaa qulqulluu,
73 inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate yaadachuudhaaf,
74 harka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf,
akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf,
75 akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan,
fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe.
 
 
76 “Yaa mucaa ko, ati raajii Waaqa Waan Hundaa Olii ni jedhamta;
ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii;
77 kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa
saba isaatiif kennituuf;
78 sababii araara Waaqa keenyaa kan gara laafinaan guutame
kan bariin fayyinaa samii irraa ittiin nuu bariʼuu,
79 warra dukkana keessa,
gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf;
miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf.”
80 Mucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate.

*1:10 1:10 Yeroo itti aarsaan galgalaa dhiʼeeffamuu dha. Yeroon isaas guyyaa keessaa gara saʼaatii sagalii ti.

1:15 1:15 Kun dirqama addaa kan namni kakuu Naazirummaa of irraa qabu tokko guutuu qabuu dha.

1:27 1:27 Kaadhima qabaachuun akka bartee Yihuudootaatti akkuma nama wal fuudheetti cimaa dha. Intalli kaadhimamte tokko nama biraa wajjin ciisuun garuu akkuma ejjaatti ilaalama. Walii galtee kaadhimaa diiguunis niitii ofii yookaan dhirsa ofii hiikuu wajjin tokkuma.