2
Ilmaan Israa'elii
1 Ilmaan Yaaqoobii ka «Israa'el» jedhamee, ka asii gad jiranu: Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon, 2 Daan, Yoseef, Beniyaamin, Niftaalem, Gaadii fi Asheer.
Yihudaa
3 Ilmaan Yihuda'aa: Eer, Onaanii fi Shela'a. Isaan sadiin kana, dubartii biyya Kana'aanii ta, «Baat-Shuwaa» jedhantu irraa uumate; ilmi Yihuda'aa angafichi Eer Mootii Waan Maraa duratti nama hamaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa isa ijjeese. 4 Taamaar haati manaa ta ilma isaa ammoo Faaresii fi Zaaraa isaaf deette; Yihudaan wolumatti ilmaan shan qabaayyu. 5 Ilmaan Faaresii: Hezronii fi Hamul. 6 Ilmaan Zaara'aa: Ziimri, Etaan, Hemaan, Kalkoolii fi Darda'a. Isaan wolumatti nama shan. 7 Ilmi Karmii: Akaan ka waan ijjumaa balleeffamu'uu male hatee fudhatiisaan, Israa'el irratti rakkinna fide.
8 Ilmi Etaaniille Azaariya'a.
Hidda Dhaloota Maatii Mooticha Daawitii
9 Ilmaan Hezron uumate: Yeraami'el, Raamii fi Kaaleb. 10 Raam Aminaadaab uumate; Aminaadaabille sooressa kolbaa Yihuda'aa Nahasoon uumate. 11 Nahasoon Salmoon uumate: Salmoon Bo'az uumate. 12 Bo'az Obed uumate; Obed Isey uumate.
13 Isey ilmaan torba uumate; angafichi Eliiyaab, ka lammeesso'oo Abinaadaab, ka sadeesso'oo Shimi'aa, 14 ka arfeesso'oo Nataani'el, ka shaneesso'oo Raadaayi, 15 ka jayeesso'oo Ozeem, ka torbeesso'oo Daawiti. 16 Obboleeyyan isaanii ta durraa Zeruya'aa fi Abigaayil.
Ilmaan Zeruya'aa sadiin: Abiishaayi, Yo'aabii fi Asaa'el. 17 Abigaayil Amaasaa deette; abbaan isaa «Yeter» ka jedhamu nama sanyii Ishimaa'elii ti.
Sanyii Kaalebii Ilma Hezronii
18 Ilmi Hezronii Kaaleb haadha manaa ifii Azuba'aa fi Yerii'ot irraa ilmaan uumate; ilmaan Azubaan isaaf deette: Yesher, Shobaabii fi Ardoon. 19 Azubaan duuteen duuba, Kaaleb Efraat fuudhe; isiin ilma maqaan isaa, «Huur» jedhame isaaf deette. 20 Huur, Ur uumate; Ur, Bazaali'el uumate.
21 Achiin duuba Hezron yennaa woggaa jaatama guute, intala Maakiirii abbaa Giil'aadii fuudhee, isiin ilma maqaan isaa, «Seguub» jedhame isaaf deette. 22 Seguubille Yaa'iir uumate; Yaa'iir lafa Giil'aadii keessaa qachoota diddamii sad qabaayyu. 23 Geshuurii fi Aaram ammoo Hawoot-Yaa'iir, Qenaatii fi olloota adaala isi'ii woliin qachoota jaatama irraa fudhatane. Isaan kun martinuu ka sanyii Maakiirii abbaa Giil'aadii ti. 24 Hezron Kaaleb-Efraata'atti du'een duuba, haati manaa isaa Abiiyaan ilma isaa Ashuur abbaa biyya Teqo'aa isaaf deette.
Sanyii Yeraami'elii Ilma Hezronii
25 Ilmi angafichi Hezronii Yeraami'el ilmaan jaa qabaayyu; ilmi isaa angafichi Raam; ka isatti aananu Bunaa, Oreen, Ozeemii fi Ahiiya'a. 26 Yeraami'el haadha manaa dhibii ta, «Ataaraa» jedhantu qabaayyu; isiin haadha Onaamii ti. 27 Ilmaan Raamii ka ilma angaficha Yeraami'elii: Maa'aaz, Yaamiinii fi Eker. 28 Ilmaan Onaamii: Shaamaayii fi Yaada'a. Ilmaan Shaamaayii: Naadaabii fi Abiishur. 29 Maqaan haadha manaa Abiishurii Abiihaayil. Isiin Ahibaanii fi Moliid isaaf deette. 30 Ilmaan Naadaabii: Seleedii fi Aphaayim. Seleed ijoollee adoo hin uumatin du'e. 31 Aphaayim Yishii uumate. Yishiin Sheshaanin uumate. Sheshaan Ahilaayin uumate. 32 Ilmaan Yaadaa obboleessa Shaamaayii: Yeterii fi Yonaataan. Yeter ijoollee adoo hin uumatin du'e. 33 Ilmaan Yonaataanii: Pheletii fi Zaaza'a. Isaan kun sanyii Yeraami'elii ti.
34 Sheshaan ijoollee durraa qofa qaba malee, ilmaan hin qabu; garuu nama biyya Gibxi'ii ka maqaan isaa, «Yarhaa» jedhamu garbicha tokko qabaayyu. 35 Maarre Sheshaan intala ifii garbicha ifii Yarhaa heerumsiise; isiin Ataayin isaaf deette. 36 Aataayi, Naataan uumate. Naataan Zaabaad uumate. 37 Zaabaad, Eflaali uumate. Eflaal, Obed uumate. 38 Obed, Yehuu uumate. Yehuun, Azaariyaa uumate. 39 Azaariyaan, Helez uumate. Helez, El'aasaa uumate. 40 El'aasaan, Siismaay uumate. Siismaay, Shaalum uumate. 41 Shaalum, Yeqaamiyaa uumate. Yeqaamiyaan, Eliishaamaa uumate.
Sanyii Kaalebii Ta Dhibii
42 Ilma angaficha Kaalebii, obboleessa Yeraami'elii, maqaan isaa Mesha'a. Meshaan, Ziif uumate. Ziif, Mareshaa uumate. Mareshaan, Kebroon uumate. 43 Ilmaan Kebroonii: Qoraahi, Taaphuwaa, Reqemii fi Shema'a. 44 Shemaan, Raaham uumate. Raaham, Yorqe'aam uumate. Reqem, Shaamaay uumate. 45 Shaamaay, Maa'on uumate. Maa'on, Betzuur uumate.
46 Kaaleb gursumeettii, «Efaa» jedhantu takka qabaayyu. Isiin Haaraan, Moza'aa fi Gaazez isaaf deette. Haaraanille ilma, «Gaazez» jedhamu uumate.
47 Ilmaan Yaahidaayii: Regem, Yotaam, Geshaan, Phelet, Efa'aa fi Sha'aaf. 48 Gursumeettiin Kaalebii ta dhibiin ta «Ma'aan» jedhantu: Sheberii fi Tirhaanaa isaaf deette. 49 Isiin dhuma irratti ilmaan lama: Abbaa qachaa Madmaanaatii Sha'aaf fi abbaa qachaa Makbenaatii fi Giibe'aa Shewaa isaaf deette. Kaaleb intala, «Aksaa» jedhantulle qabaayyu. 50 Isaan kun sanyiin Kaalebii ti.
Kaaleb haadha manaa ifii Efraataa irraa ilma isi'ii angaficha Huur uumate. Ilmaan Huurii keessaa Shobaal, Kiriiyat-Ya'ariim uumate. 51 Salmoon, Betlihem uumate; Haareef, Betgaader uumate. 52 Sanyiin Shobaalii abbaa Kiriiyat-Ya'ariimii: Haro'ehiti, gamisa gosa Menuhoototaa ti 53 Gosi Kiriiyat-Ya'ariimii keessa leetu: Yetroota, Phutoota, Shumaatotaa fi Miishirota; Zoraatotaa fi Eshtaaloti gosuma worra kanaa ti.
54 Sanyiin Salma'aa: Betlihem, Netofaatota, Atrot-Bet-Yo'aab, gamisa gosa Maanaheetotaa, Zoraatotaa, 55 gosa barreessitootaa worra qachaa Yaabezii keessa le'u: Tiraasitoota, Shime'aatotaa fi Sukaatota; isaan kun Qenoota worra Hemaatii ka gosa Rekaabii ti.