6
Sanyii Lewwi'ii
Ilmaan Lewwi'ii: Gershoon, Qehaatii fi Meraar. Ilmaan Qehaatii: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.
Ijoolleen Amraamii: Aaron, Muuse'ee fi Miiryaam. Ilmaan Aaronii: Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar.
Ele'azaar Fiinehaas uumate; Fiinehaas Abiishuwaa uumate; Abiishuwaan Buki uumate; Buki Uzi uumate; Uzi Zeraayaa uumate; Zeraayaan Meraayoot uumate; Meraayoot Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate; Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Ahimaaz uumate; Ahimaaz Azaariyaa uumate; Azaariyaan Yohaannaa uumate; 10 Yohaannaan Azaariyaa uumate; Azaariyaan kun ka hayyicha te'ee, Galma Waaqaa ka Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajile. 11 Azaariyaan Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate; 12 Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Shaalum uumate; 13 Shaalum Hilqiiyaa uumate; Hilqiiyaan Azaariyaa uumate; 14 Azaariyaan Seraayaa uumate; Seraayaan Yozaadaaq uumate; 15 Yennaa Mootiin Waan Maraa, kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii harka Nebukadnezaariititti akka booji'antu godhe, Yozaadaaqille isaan woliin booji'amee deeme.
16 Ilmaan Lewwi'ii: Gershoom, Qehaatii fi Meraar. 17 Maqaan ilmaan Gershoomii: Liibnii fi Shime'i. 18 Ilmaan Qehaatii: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.
19 Ilmaan Meraarii: Maahilii fi Mushi. Firri Lewwootaa akka fira abbootii isaaniititti ka asii gad jiranu. 20 Fira Gershoomii: Gershoom Liibni uumate; Liibni Yaahaat uumate; Yaahaat Ziimaa uumate; 21 Ziimaan Yo'aa uumate; Yo'aan Iddo uumate; Iddo Zeraa uumate; Zeraan Ye'ateraayi uumate.
22 Sanyii Qehaatii: Qehaat, Aminaadaab uumate; Aminaadaab, Qoraahi uumate; Qoraahi, Asiir uumate; 23 Asiir, Elqaanaa uumate; Elqaanaan, Ebiyaasaaf uumate; Ebiyaasaaf, Asiir uumate; 24 Asiir, Tahaat uumate; Tahaat, Urii'el uumate; Urii'el, Uziyaa uumate; Uziyaan, Shaawul uumate.
25 Ilmaan Elqaanaa Amaasaayii fi Ahiimoot. 26 Ahiimoot Elqaanaa uumate; Elqaanaan Sofaayi uumate; Sofaayi Naahaat uumate; 27 Naahaat El'aab uumate; El'aab Yerohaam uumate; Yerohaam Elqaanaa uumate. 28 Ilmaan Saamu'elii, angafichi Yo'el, ka lammeesso'oo Abiiya'a.
29 Meraar Maahil uumate; Maahil Liibni uumate; Liibni Shime'i uumate; Shime'i Uzaa uumate; 30 Uzaan Shime'aa uumate; Shime'aan Hagiiyaa uumate; Hagiiyaan Asaayaa uumate.
Faarsitoota Galma Waaqaa
31 Saanduqi Gondooro'oo Galma Waaqaatitti galeen duuba, namooti mootichi Daawiti Galma Waaqaa keessatti itti gaafatantoota faarsitootaa akka te'anu godhe asii gad jiran. 32 Isaan haga bara Solomoon Yerusaalemitti Galma Waaqaa ijaareetitti, akkuma ajaja isaaniif kennameetitti, balbala Dunkaanii Woldeenna'aa duratti faaru'uun tajaajilane.
33 Namooti ilmaan ifii woliin tajaajilane asii gad jiran: Fira Qehaatii keessaa, faarfataa Hemaan; inni ilma Yo'elii ti; Yo'el ka Saamu'elii, 34 Saamu'el ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Yerohaamii, Yerohaam ka Elii'elii, Elii'el ka To'aa, 35 To'a ka Zuufii, Zuuf ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Mahaatii, Mahaat ka Amaasaayii, 36 Amaasaayi ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Yo'elii, Yo'el ka Azaariya'aa, Azaariyaan ka Sefaaniya'aa, 37 Sefaaniyaan ka Tahaatii, Tahaat ka Asiirii, Asiir ka Ebiyaasaafii, Ebiyaasaaf ka Qoraahii, 38 Qoraahi ka Yizhaarii, Yizhaar ka Qehaatii, Qehaat ka Lewwi'ii, Lewwiin ka Israa'elii*Israa'el: Dur maqaan isaa Yaaqoob. ti.
39 Obboleessi isaa Asaaf, gara midda isaatiin dhaabbatee tajaajilaayyu. Asaaf ilma Berekiiya'aa ti; Berekiiyaan ka Shime'aa, 40 Shime'aan ka Mikaa'elii, Mikaa'el ka Ba'aseya'aa, Ba'aseya'aan ka Malkiiya'aa, 41 Malkiiyaan ka Etnii, Etni ka Zera'aa, Zeraan ka Adaaya'aa, 42 Adaayaan ka Eyitaanii, Eyitaan ka Ziima'aa, Ziimaan ka Shime'ii, 43 Shime'i ka Yaahaatii, Yaahaat ka Gershoomii, Geshoom ka Lewwi'ii ti.
44 Fira Meraarii keessaa worri gara bita'aatiin isaan woliin jiru: Etaanii ilma Qiishii ti. Qiish ka Abdii, Abdi ka Maluukii, 45 Maluuk ka Hashabiiya'aa, Hashabiiyaan ka Amaasiya'aa, Amaasiyaan ka Hilqiiya'aa, 46 Hiiqiiyaan ka Amzii, Amzi ka Baanii, Baan ka Shaamerii, 47 Shaamer ka Maahilii, Maahil ka Mushii, Mushi ka Meraarii, Meraar ka Lewwi'ii ti.
48 Lewwooti dhibiin, dunkaanii dhugaa bayaa ta Galma Waaqaa keessa hujii dhibii mara akka hujanu ramadamane.
Sanyii Aaronii
49 Tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen akkuma ajajetti Aaronii fi sanyiin isaa, Israa'eliif gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, hujii Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti hujantu maraaf, kennansa addee ciinca'aa irratti gubamuu fi kennansa addee hixaanni itti aarfamu irratti dhikaatuufille itti gaafatantoota te'ane. 50 Hiddi dhaloota sanyii Aaronii ta asii gad jirtu: Aaron Ele'azaar uumate; Ele'azaar Fiinehaas uumate; Fiinehaas Abiishuwaa uumate; 51 Abiishuwaan Buki uumate; Buki Uzi uumate; Uzi Zeraayaa uumate; 52 Zeraayaan Meraayoot uumate; Meraayoot Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate; 53 Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Ahimaaz uumate.
Lafa Lewwooti Qubatane
54 Hixaan qaraa, sanyii Aaronii keessaa fira Qehaatiitiif waan bu'eef, latti isaaniif kennante ta asii gad jirtu: 55 Kutaa lafa fira Yihuda'aa keessaa qachaan Kebrooniitii fi latti tikaa ta adaala qachaa Kebroonii marti isaaniif kennante. 56 Latti ficha'aa ta adaala qachaa Kebrooniitii fi ollaan adaala qachaa Kebroonii ilma Yofune'ee Kaalebiif kennante. 57 Sanyiin Aaronii akka itti baqatanuuf qachooti isaaniif kenname: Kebroon, Liibnaa, Yaatiir, Eshtemo'aa, 58 Hiilen, Deebir, 59 Aashaanii fi Bet-Shemeshi lafa tikaa ta adaala isaanii woliin. 60 Qooda lafa fira Beniyaaminii keessalle'ee qachooti: Gebaa, Alemetii fi Anaatoti lafa tikaa ta adaala isaanii woliin isaaniif kennamane. Qachooti fira isaanii wolumatti qachoota kudhanii sad. 61 Fira Qehaatii worra hafeefille, qooda lafa gamisa fira Minaase'ee keessaa qachooti kudhan kennamaneef.
62 Fira Gershoomiitiif akka maatii maatii isaaniititti, kutaa lafa fira Yisaakorii, lafa fira Asheerii, lafa fira Niftaalemii keessaa, lafa gamisa fira Minaase'ee ta Baashaan keessaa keessalle'ee, qachooti kudhanii sad kennamaneef. 63 Fira Meraariitiifille akka maatii maatii isaaniititti lafa Ruubenii, lafa Gaadiitii fi lafa Zebuloonii keessaa qachooti kudhanii lama kennamaneef. 64 Akka kanaan kolbaan Israa'elii qachootaa fi lafa tikaa ta adaala qachoota sanii jirtu Lewwootaaf kennane. 65 Qachoota gosa Yihuda'aa, gosa Shimi'ooniitii fi gosa Beniyaamii keessaa ka maqaan dhowame kana hixaa buusiisaan isaaniif kennane.
66 Fira Qehaatii keessaa gariin, kutaa lafa gosa Efreem keessaa qachootaa fi lafa tikaa ta adaala qachoota sanii fudhataneeraniiyyu. 67 Isaan lafa koobittii Efreemii keessaa qachoota nami nama ijjeese itti baqatu Sheekem, Gezer, 68 Yaaqmi'aam, Bet-Horoon, 69 Ayalon, Gaat-Rimoon, lafa tikaa ta adaala isaanii mara woliin isaaniif kennamane.
70 Lafa gamisa gosa Minaase'ee keessaa, qachaa Aaneriitii fi qachaa Biile'aamii, lafa tikaa ta adaala qachoota sanii woliin fira Qehaatii worra hafeef kennane. 71 Gosi Gershoomii, kutaa lafa gamisa gosa Minaase'ee keessaa qachoota: Golaan ka Baashaan keessaatii fi Eshtaarot lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. 72 Lafa gosa Yisaakorii keessalle'ee qachoota; Qedeesh, Daaberaat, 73 Raamootii fi Aanem, lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. 74 Lafa gosa Asheerii keessaa qachoota: Maashaal, Abdoon, 75 Huqooqii fi Rehoob lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. 76 Lafa fira Niftaalemii keessalle'ee qachoota: Qedeeshii ka Galiilaa keessaa, Haamonii fi Kiriiyat-Aayim lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.
77 Gosi Meraarii worri hafe, lafa gosa Zebuloonii keessaa qachoota: Rimoonii fi, Taabor lafa tikaa ta adaala isaanii woliin, 78 laga Yordaanosiitiin gamaa, Yerikoo irraa karaa aduun baatuun, lafa gosa Ruubenii keessaa, qachoota goomolee keessaa Bezer, Yaahizaa, 79 Qedemootii fi Mefaat lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane. 80 Lafa gosa Gaadii ka Giil'aad keessatti dhaggamanu keessalle'ee qachoota: Raamoot, Mahanaayim, 81 Heshiboonii fi Yaazer lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.

*6:38 Israa'el: Dur maqaan isaa Yaaqoob.