15
Saanduqa Gondooro'oo Gara Yerusaalemii Geessane
Daawiti qachaa ifii keessatti mana ijaarrateen duuba, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif addee qopheessee, dunkaanii dhaabeef. Achiin duuba Daawiti, «Mootiin Waan Maraa, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa akka ba'atanuuf, haga bara baraa isa akka tajaajilanu, Lewwoota waan filateef, isaan malee nami tokkolle Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa hin ba'atu» jedhe. Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san, gara addee inni isi'iif qopheessee akka fidanuuf Israa'eloota mara Yerusaalemitti wolitti qabe. Inni sanyii Aaroniitii fi Lewwootalle wolitti qabe. Worri inni wolitti qabe, sanyii Qehaatii keessaa sooressa Urii'elii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi diddama, sanyii Meraarii keessaa sooressa Asaaya'aa fi firoota isaa nama dhibba lamaa fi diddama, sanyii Gershoomii keessaa sooressa Yo'elii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi soddoma, sanyii Eliizaafaanii keessaa sooressa Shemaa'iyaa fi firoota isaa nama dhibba lama, sanyii Kebroonii keessaa sooressa Elii'elii fi firoota isaa nama saddeettama, 10 sanyii Uzii'elii keessaa sooressa Aminaadaabii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi kudhanii lama.
11 Achiin duuba Daawiti hayyoota lama Zaadoqii fi Abiyaataar, akkasuma Lewwoota jaa Urii'el, Asaayaa, Yo'el, Shemaa'iyaa, Elii'elii fi Aminaadaab waamee, 12 «Isin sooressitoota maatii Lewwootaa ti. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, gara addee ani isi'iif qopheessee fidiisaaf, ifii fi fira keessanille woyyoonsa'a. 13 Yennaa qaraa isin Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo hin ba'anne; nuutille akka ajaja isaatitti isa hin barbaanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna aarii ifii nu irratti bobeesse» jedhee dubbate. 14 Maarre hayyootii fi Lewwooti, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii fidiisaaf, ifi woyyoonsane. 15 Muuseen akka jecha Mootii Waan Maraatitti akkuma ajaje, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqaa san danqara'aan gurmuu ifii irratti ba'atane.
16 Daawiti itti dabalee sooressitooti Lewwootaa, namoota meya faaru'uutiin, maseenqo'oon, kiraara guddichaan, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun, faaruu nama gammachiittu akka faarfatanu fira ifii keessaa akka filanu ajaje. 17 Maarre worri Lewwootaa ilma Yo'elii Hemaan, fira isaa keessaa ilma Berekiiya'aa Asaafii fi ilma Qushaaya'aa Etaan filatane. 18 Isaan wolille'een sadarkaa lammeesso'ootitti fira isaanii ka filamane Zakaariyaas, Ya'aasi'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Unii, Eliiyaab, Benaayaa, Ma'aseyaa, Matiitiyaa, Eliifelehuu, Miiqneyaa, Obed-Edoomii fi Yeyi'el worra karra eegu godhane. 19 Worri faarfatu Hemaan, Asaafii fi Etaan worra sibiila sageettu'uu wolitti dhowanee qilillisiisan. 20 Zakaariyaas, Azii'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Uniin, Eliiyaab, Ma'aseyaanii fi Benaayaan, maseenqoo akka qoonqoo dubartootaa ta ol qabataneetitti dhowan. 21 Matiitiyaan, Eliifelehuun, Miiqneyaan, Obed-Edoom, Yeyi'elii fi Azaziiyaan kiraara guddicha dhowan. 22 Qayinaaniin Lewwichi sooressa faarsitootaa itti gaafatamaa faaru'uu ti; inni beekkicha faaru'uu ti.
23 Berekiiyaanii fi Elqaanaan eeddota karra Saanduqa Gondooro'oo ti. 24 Hayyooti Shebaniyaan, Yoshaafaax, Nataani'el, Amaasaayi, Zakaariyaas, Benaayaanii fi Elii'ezer Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tultullaa afuufan. Obed-Edoomii fi Yehiiyaan eeddota karra Saanduqa Gondooro'oo ti.
25 Maarre Daawiti, jaarsoleen Israa'eliitii fi ajajjooti kumaa, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomiitii fidiisaaf gammada gudda'aan dhaqane. 26 Waaqi Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'atane san waan qarqaareef, isaan korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba ciincaa dhikeessane. 27 Daawiti gaafas akkuma Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atanuu, akka faarsitootaatii fi akka Qayinaanii itti gaafatamaa faarsitootaa, woyaa quncee talba'aa dansaa irraa hujante uffateeraayyu; itti dabaleelle woyaa dirata qomaa ta quncee talba'aa irraa hujate uffateeraayyu. 28 Maarre Israa'elooti marti ilillisaa, gaafa korbeeyyii hoole'eetii fi tultullaa afuufaa, sibiila wolitti dhowaa qilillisiisaa, kiraara guddichaa fi maseenqoo dhowaa, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa fidane. 29 Yennaa Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara qachaa Daawitii gale, intalti Saa'olii Mikaal foddaa manaatiin gad ilaaltee, mootichi Daawiti firinxiixee sirbuun yennaa dhaggite, gadhaa ifii keessatti isa tuffatte.