17
Gondooroo Mootiin Waan Maraa Daawiti Woliin Godhate
Daawiti mana mootummaa ifii keessa qubateen duuba, inni raagicha Naataaniin, «Kunoo, ani mana muka hindheensaatiin ijaarame keessa le'a; Saanduqi Gondooro'oo Mootii Waan Maraa ammoo dunkaanii jala jira» jedhe.
Naataanille deebisee Daawitiin, «Waaqi si woliin waan jiruuf, waan gadhaan keeti yaade mara godhi» jedhe.
Halkanuma san jechi Mootii Waan Maraa gara Naataanii dhufee, «Dhaqiitii tajaajilaa kiyya Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: mana ani keessa le'u ka naaf ijaaru si'ii moti. Ani bara Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baaseen jalqabee haga ammaatitti, dunkaanii takkaa irraa gara dunkaanii taaniititti, addee quttumaa takka irraa gara addee quttumaa taanitti deeme malee, mana keessa hin leene. Israa'eloota mara woliin lafa dhaqe maratti, abbootii mura'aa ta Israa'elii worra ani kolbaa tiyya akka eeganuuf ajaje keessaa tokkolle'een: muka hindheensaatiin maaf mana naa ijaaruu didde? jedhee beekaa?
« ‹Tanaaf, amma ati garbicha kiyya Daawitiin: Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade: Ati kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf, adoo ati hoolee tissituu tika keessaa si fudhadhe. Lafa ati dhaxxe maratti si woliin jiraayyu; diinota keeti maralle fuula keeti duraa balleesse. Ammalle akka maqaa namoota gugurdaa biyya lafaa keessaa akka maqaa tokkochaa maqaa keeti hin godha. Kolbaa tiyya Israa'eliif addee hin kenna; isaan hin sarbamanu; biyya ifii keessa hin le'an. Haganaa achi namooti hamooleen akka yennaa durii san isaan hin cunqursanu. 10 Yennaa ani abbootii mura'aa kolbaa tiyya Israa'eliif kaaseen jalqabanee, ka isaan cunqursane, deebi'ane isaan hin cunqursanu; diinolee teeti mara gad hin deebisa. Mootiin Waan Maraa mootummaa sanyii teetii jabeessee akka dhaabu ani sitti hima. 11 Barri keeti geyee duutee, abbootii teeti biratti yennaa awwaalantu, sanyii teeti keessaa ilma keeti tokkocha addee teetitti mootii hin godha; mootummaa isaalle hin jabeessa. 12 Inni mana naaf hin ijaara; anille barcumaa mootummaa isaa haga bara baraa hin jabeessa. 13 Ani abbaa isaa hin te'a; inni ilma kiyya hin te'a. Mooticha si'iin duraa irraa jaalala kiyya ka bara baraa akka kaase, ilma keeti irraa jaalala kiyya ka bara baraa hin kaasu. 14 Inni kolbaa tiyya irratti, mootummaa tiyya irralle'etti bara baraan jabaatee akka dhaabbatu hin godha; barcumaan mootummaa isaalle bara baraan jabaatee hin jiraata› jedhi» jedhe.
15 Naataan dubbii mudhi'ii tana mara Daawititti hime.
Daadimata Daawitii
16 Achiin duuba Daawitiin mootichi ol seenee Mootii Waan Maraa dura tee'ee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ati as ka na geessitte, anii fi maatiin tiyya eennu? 17 Ee Waaqa, tun si duratti akka hin geennee laakkottee, sanyiin tajaajilaa keetii gara duraa maan te'uu akka jirtu dubbatteerta. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ati akka waan ani nama mara caalaa ulfinna qabuutitti na ilaalteerta. 18 Ati ana tajaajilaa keeti hin beetta; marroo ulfinna ati ana tajaajilaa keetiif kenniteef tana caalaa maan jechuu dande'a ree? 19 Ee Mootii Waan Maraa, tajaajilaa keetiif jettee akka fedha keetiititti, waan guddoo tana gooteerta; waadaa guddaa kana maralle beessitteerta. 20 Ee Mootii Waan Maraa, akkuma nuuti gurra keennaan dhageenne ka akka keetii tokkolle hin jiru; si malee Waaqi dhibiin hin jiru. 21 Kolbaan ati teeti godhatiisaaf wodatte kolbaa Israa'elii malee, kolbaan dhibiin hin jirtu; kolbaa teeti ta Gibxi'ii baatte tana duraa gosa biyya adda addaa ariitee baattee, hujii teeti guddo'oo fi sodaachittu'uun maqaa keeti akka beekkamu goote. 22 Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa Israa'elii haga bara baraa teeti godhattee, Waaqa isaanii teete.
23 «Ammalle, ee Mootii Waan Maraa, marroo ana tajaajilaa keetiitii fi marroo sanyii tiyyaatiifille waadaan galte haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti; akkuma dubbatte tolchi. 24 Guddinni maqaa keetii kunille haga bara baraa akka beekkamu waadaan ati galte kun jabaatee dhaabbatuu ti. Yennaa san namooti, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii dhugumaan Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan. Sanyiin ana tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti. 25 Ee Waaqa kiyya, ati sanyii ana tajaajilaa keetii haga bara baraa jabaattee akka dhaabbattu, mudhi'iin waan natti dubbatteef, ani tajaajilaan keeti gara keeti daadimatiisaaf, jajjabeenna dhaggadheera. 26 Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa; ati ana tajaajilaa keetiif waadaa dansaa kana galteerta. 27 Ati sanyii ana tajaajilaa keetii, haga bara baraa fuula keeti duratti eebbisiisaaf jaalatteerta. Ee Mootii Waan Maraa, ati waan isii eebbitteef, isiin haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe.