20
Daawiti Qachaa Raabaa Qabate
1 Ji'a furmaataa yennaa moototi duultu, Yo'aab loltoota fuudhee deeme. Inni lafa Amoonotaa balleessee, gara qachaa Raabaalle dhaqee marsee, lolee balleesse. Daawiti ammoo, qachaa Yerusaalemii keessatti hafe. 2 Daawiti kallacha waaqa dharaa Miilkomii ka worqii dhakaa gatii guddo'ootiin hujame, ka gara kiiloogiraama soddomii afurii fudhatee, mataa ifii irra keyate. Inni boojuu bacaa qachaa san keessaa fudhate. 3 Namoota qachaa san keessa jiranu gad baasee magaazi'iin, qotto'oo fi agara'aan akka hujanu godhe; Daawiti waan kana worra qachaa Amoonotaa keessa le'anu mara hujisiiseen duuba, loltoota ifii mara woliin gara Yerusaalemii deebi'e. 4 Achiin duuba Israa'elooti worra Filisxeemotaa woliin Gezeritti wol lolane. Yennaa san nami lafa Hushaa Siibekaayi sanyii Refaa'otaa keessaa namicha, «Siiphaayi» jedhamu tokko ijjeese; Worri Filisxeemotaalle injifatamane.
5 Ammalle lola worra Filisxeemotaa woliin wol lolane ka dhibii keessatti, ilmi Yaa'iirii Elhaanaan, obboleessa Goliyaadii Gaatichaa ka, «Laahim» jedhamu ka eboo somey isi'ii haga muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowu san itti maruu geettu qabu ijjeese. 6 Akkasuma lola Gaatii ka dhibii keessatti nama akka malee furdatu, ka sanyii Refaa'otaa te'e, ka harka ifii tokko tokkoo fi miilla ifii tokko tokkooyyuu irraa quba jaa jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu.
7 Yennaa inni Israa'elootatti murge, ilmi Shime'ee Yonaataan obboleessi Daawitii isa ijjeese.
8 Isaan kun worra sanyii Refaa'ota ka Gaati keessaa, ka Daawitii fi loltooti isaa ijjeesane.