22
Achiin duuba Daawiti, «Galmi Mootii Waan Maraa ka Waaqaa as hin te'a; addeen kennansa gubamu Israa'el itti dhikeessitulle as hin teeti» jedhe.
Qophii Ijaarsa Galma Waaqaa
Maarre Daawiti alagaa lafa Israa'elii keessa le'anu mara akka wolitti qabamanu ajaje; worra wolitti qabamane san keessaa ijaarsa Galma Waaqaatiif namoota dhakaa bocanee qopheessanu file. Inni sibiila bacaa ka misimaaraa, ka saanqaa karraatii fi ka maaxafa'aa, akkasuma sageettuu bacaa hagana hin jedhanne qopheessee, muka hindheensaalle ka laakkossi isaa hagana hin jedhanne, ka worri Xiiroosiitii fi Sidoonii gara isaa fide qopheesse. Daawiti, «Ilmi kiyya Solomoon dargaggeessa; muuxannoolle hin qabu; Galmi Mootii Waan Maraatiif ijaaramu miidhagaa, gosa biyya adda addaa duralle'etti beekkama'aa fi lafa maratti ka ulfinna qabu te'uu qaba. Tanaaf, ani waan barbaachisu hin qopheessa» jedhe. Maarre Daawiti du'a ifiitiin dura waan ijaarsaaf barbaachisu bacaa qopheesse.
Achiin duuba ilma ifii Solomoon waamee, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka ijaaru ajaje. Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Ilma kiyya, ani maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaatiif Galma ijaariisaaf yaadeeraayyu. Ammoo jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, ‹Ati duula bacaa duultee, fuula kiyya duratti lafa irratti dhiiga namoota heddu'uu waan dhangalaatteef, ati maqaa kiyyaaf Galma hin ijaartu. Kunoo, ilma nageyaatii fi fooraa si'iif hin kenna. Ani diinota adaala isaa jiranu mara irraa isa hin foorfachiisa. Bara mootummaa isaa keessa ani nageyaa fi foora kolbaa Israa'eliitiif waan kennuuf, maqaan isaa Solomoon hin jedhama. 10 Inni maqaa kiyyaaf Galma hin ijaara. Inni ilma naaf hin te'a; anille abbaa isaaf hin te'a; barcumaa mootummaa isaalle Israa'el keessatti haga bara baraa hin jabeessa› jedhe.
11 «Amma, ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Galma isaa akka ijaartuuf akkuma dubbatetti, inni sii muummessuu ti. 12 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa Israa'elii irratti yennaa mootii si godhu, akka ajaja isaatitti akka ati isaan bulchituuf, innummaan qarumma'aa fi hubantii si'iif kennuu ti. 13 Ati seerata fi seera, Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kolbaa Israa'elii ajaje jabeessitee yoo eegatte, wonni ati hujju marti siif hin teeti. Jabaadhuu, jajjabaadhu. Hin sodaatin; hin nayinille'e. 14 Ani ijaarsa Galma Mootii Waan Maraatiif rakkinna gudda'aan worqii kiiloogiraama miliyoonii sadii fi kuma dhibba afurii fi shantama, sageettuu kiiloogiraama kuma soddomii afurii fi dhibba shanii fi sibiila dhibii ka kiiloogiraam isaa hagana hin jedhanne, akkasuma mukaa fi dhakaalle qopheesseera. Atille itti ede'i. 15 Ati hojjattoota bacaa: ka dhakaa bocanu, ka dhakaa muranu, ka muka bocanu qadda; akkasuma ogeeyyii hujii gara garaa 16 ka hujii worqi'ii, meeti'iitii fi sageettu'uu bacaa qadda. Amma ka'iitii huji! Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti» jedhe.
17 Daawiti ammalle sooreyyiin Israa'elii marti ilma isaa Solomoon akka qarqaartu ajajee, 18 «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin jiraa motii ree? Inni karaa maraan isin foorfachiisee motii ree? Inni worra biyya tana keessa le'anu harka kiyyatti dabarsee waan kenneef, isaan Mootii Waan Maraatii fi kolbaa isaatiin bulan. 19 Amma gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan barbaada'a. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraatii fi meya tajaajila Waaqaatiif adda baafame mara, gara Galma maqaa ka Mootii Waan Maraatiif ijaaramee fiddanee keessa akka keettanuuf, Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqaa ijaara'a» jedhe.