26
Eeddota Karra Galma Waaqaa
Worri karra Galma Waaqaa eeguu ka asii gad jiru: Fira Qoraahotaa, ilmaan Asaafii keessaa tokko Meshelemiyaa ilma Qoree ti.
Meshelemiyaan ilmaan torba uumate; angafichi Zakaariyaas; lammeessoon Yidiiya'el, sadeessoon Zabaadiyaa, arfeessoon Yatnii'el, shaneessoon Elaam, jayeessoon Yihohaanaan, torbeessoon Elyo'enaayi.
Obed-Edoomille ilmaan uumate: Angafichi Shemaa'iyaa, lammeessoon Yihozaabaad, sadeessoon Yo'aa, arfeessoon Saakaar, shaneessoon Nataani'el, jayeessoon Amii'el, torbeessoon Yisaakor, saddeetessoon Phe'ultaayi. Kanaan Waaqi isa eebbise.
Ilmi angafichi Obed-Edoomii Shemaa'iyaalle ilmaan jaa uumate; isaan dandeettii guddoo waan qabanuuf, sooreyyii maatii abbootii ifii te'ane. Ilmaan Shemaa'iyaa: Otnii, Refaa'el, Obed, Elzaabaad, Eliihuu fi Semaakiya'a; obboleeyyan Elzaabaadii Eliihuunii fi Semaakiyaan dhiira gootota te'ane. Isaan marti sanyii Obed-Edoomii ti; isaan, ilmaan isaaniitii fi firri isaanii marti worra dandeettii huji'ii qabu; sanyiin isaa wolumatti namoota jaatamii lama. Meshelaam ilmaanii fi fira dandeettii qabanu namoota kudhanii saddeeti qabaayyu. 10 Sanyii Meraarii keessaa, Hosaah ilmaan afur uumate; isaan keessaa Shiimri sooressa; inni angafa te'uu dhabulle, abbaan isaa akka inni sooressa te'u godhe. 11 Lammeessoon Hilqiiyaa, sadeessoon Xabaliyaa, arfeessoon Zakaariyaas; ilmaan Hosaahiitii fi firri isaa wolumatti namoota kudhanii sad.
12 Eeddoti karraa tun akkuma Lewwoota dhibii Galma Mootii Waan Maraa keessa hujanuu, sooreyyii ifii jalatti ramadamanee, hujii Galma Mootii Waan Maraa hujiisaaf badoo qabaniiyyu. 13 Jaarsa, ijoollee adoo hin jedhin akka maatii abbootii ifiititti, karra tam akka eeganuuf hixaa buufatane. 14 Hixaan karra karaa aduun baatuu Shelemiif bu'e. Achiin duuba hixaan karra gara kaabaa ilma isaa ka namatti gorsiisa beeku Zakaariyaasiif, 15 hixaan karra kibbaa Obed-Edoomiif, hixaan mana meyaa ilmaan isaatiif, 16 hixaan karra gara aduun seentuutii fi karra Sheleketii ta karaa ol bayanu irraa, Shuphiimii fi Hosaahiif bu'e. Eeddotille badoo bado'oon eegane. 17 Guyyaa guyya'aan karra karaa aduun baatuu Lewwooti jaa, karra gara kaabaa Lewwooti afur, karra gara kibbaa Lewwooti afur, karra mana meyaa tokko tokko Lewwooti lama lama, 18 karaa gara badhinna dalleya keessaa gara aduun seentuu irratti Lewwooti afur, badhinna dalleya keessaa ka karaa aduun seentuu sanille Lewwoota lamatti eegaayyu. 19 Sanyii Qoraahiitii fi Meraarii keessaa eeddota karraa worri te'ane isaan kana.
Hujii Galma Waaqaa Ta Dhibii
20 Lewwoota dhibii keessaa Akiyaan itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaatii fi mana meya kennaa Waaqaaf adda baafamee ti. 21 Fira Gershoonii, ilmaan La'adaanii keessaa ka maatii La'adaanii irratti sooressa te'e Yehii'el, 22 Ilmaan Yehii'elii: Zetaamii fi obboleessi isaa Yo'el itti gaafatantoota qabeenna Galma Waaqaa ti. 23 Sanyii Amraamii, sanyii Yizhaarii, sanyii Kebrooniitii fi sanyii Uzii'elii keessaa namooti hujii tanatti hirmaataneeraniiyyu.
24 Sanyii Gershoomii ilma Muuse'ee keessaa Shubaa'el, itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaa te'e. 25 Inni karaa obboleessa Gershoomii Elii'ezeriitiin Shelomootiif fira aantii isaa ti; Elii'ezer Rehaabiyaa uumate; Rehaabiyaan Yeshaa'iyaa uumate; Yishaa'iyaan Yoraam uumate; Yoraam Ziikri uumate; Ziikri Shelomoot uumate. 26 Shelomootii fi firri isaa meya Daawitiin mootichi, sooreyyiin maati'ii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaatii fi ajajjooti hunna woraanaa dhibiin kennansa Waaqaaf adda baye mara irratti itti gaafatantoota. 27 Isaan meya yennaa duulaa saamame irraa, Galma Waaqaa haaressiisaaf adda baasane. 28 Meyi tajaajila Galma Waaqaatiif adda baafamee fi kennansi Saamu'eliin mudhii dhagguu fi ilmi Qiishii Saa'ol, ilmi Neerii Abneerii fi Yo'aab ka Zeruyaan deette fa'a fidane, Shelomootii fi fira isaatitti itti gaafatantoota itti te'ane.
Hujii Lewwoota Dhibi'ii
29 Sanyii Yizhaarii keessaa Qayinaanii fi ilmaan isaa, hujii Galma Waaqaatiin alaatitti kolbaa Israa'elii irratti qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'ane.
30 Sanyii Kebroonii keessaa Hashabiiyaa fi firri isaa namooti kum tokkoo fi dhibbi torbaa, hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa ta laga Yordaanosii irraa karaa aduun seentu jirtu irratti itti gaafatamumma'aan ramadamane. 31 Akka hidda dhaloota maatii isaaniititti sanyii Kebroonii keessaa, Yeriiyaan sooressa te'e. Daawiti mootii te'ee woggaa afurtameesso'ootitti yennaa galmeen qorqoramee sanyii Kebroonii keessaa loltooti goototi biyya Giil'aadii qachaa Yaazer keessatti dhaggamane. 32 Yeriiyaan firoota dandeettii qabanuu fi sooreyyii maati'ii ka te'ane namoota kuma lamaa fi dhibba torba qabaayyu; mootichi Daawiti akka isaan kutaa biyya Ruubenii, kutaa biyya Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee keessatti hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa hujanu itti gaafatantoota godhe.