13
Jaalala Dhugicha
Afaan namootaatii fi ergantoota Waaqaatille'een dubbadhee, jaalala qabaachuu yoo dhabe, ani akka bilbila iyyuu yookiin akka sibiila qilillisuu ti. Raaga dubbatiisaaf kennaa qabaadhee, dhossaa duudii beekee, beekkumsa duudii qabaadhee, dhugeeffannaa guddoo ta gaara adde'ee buqqittu qabaadhee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, ani womaa moti.Mat. 17:20; 21:21; Mar. 11:23 Waan qabu mara hiyyeeyyi'iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf*Woraabbiin durii durii gariin, «Ifi jajiisaaf» jedhan dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu.
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja'a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu'aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. Jaalalli dhuga'atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
Jaalalli ijjumaa hin badu; ammoo raaga dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; afaan haareyaan dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; beekkumsalle yoo te'e, hin hafa. Sababille wonni nuuti beennu gamisa; raagi nuuti dubbannulle gamisa. 10 Wonni mijuu teete yennaa dhuttu, wonni gamisa teete hin baddi.
11 Ani yennaa ijoolle'ee akka ijoolle'ee dubbadhe; akka ijoolle'ee yaadadhe; akka ijoolle'ee herrege; amma ammoo, guddadheen duuba amala ijoollumma'aa lakkiseera. 12 Wonni amma nuuti dhagginu akka daaw'itii keessatti caararra'aan dhagginuu ti; yennaa san ilumaan hin dhaggina. Wonni ani amma beeku gamisa; yennaa san qixxee Waaqi na beekutti, beekkumsa guutuu hin qabaadha.
13 Yoona dhugeeffannaan, addi'ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala.

13:2 Mat. 17:20; 21:21; Mar. 11:23

*13:3 Woraabbiin durii durii gariin, «Ifi jajiisaaf» jedhan