16
Qarqaarsa Kolbaa Waaqaatiif Guurame
Amma marroo qarqaarsa kolbaa Waaqaa ilaalchisee, waan ani wolde'a kiristaana Galaatiya'aatii hime, isinille godha'a.Rom. 15:25-26 Ani yennaa dhufu beesee akka hin guurre, torbaan torbaaniinuu guyyaa dilbataa nami tokko tokkonuu, haguma galii ifiititti baasii addaan baasee keyuu ti. Ani yennaa dhufu, worra isin filattaneef xalayaa geegessa'aa kennee, kennansa isin kennitane gara Yerusaalemii akka geessanuuf hin erga. Akka ani dhaquuf barbaachisaa yoo teete ammoo, isaan na woliin hin dhaqan.
Karoora Phawuloosii
Ani karaa Meqedooniya'aatiin dhaqiisaaf waan hedeef, biyya Meqedooniya'aa keessa tareen duuba, gara keessan hin dhufa. Qarqaarsa addee ani dhaqu maraaf naa te'u akka naaf gootanu, ani isin bira hin tura fa'a te'a. Ani ganna guutuulle isin bira turuu dande'a fa'a. Amma yennaa taru isin dubbisuu hin barbaadu; yoo Goottaan jedhe, yennaa diqqoo dheertuu isin bira akka turu hin addadha.
Haga guyyaa jila Phenxeqosxe'eetitti ammoo, qachaa Efesoonii keessa hin tura. Balbalti badhoon bu'aa qabeettiin naaf bananteerti. Worri ana mormu ammoo heddu'u.
10 Ximootewoos gara keessan yennaa dhufe, akka inni sodaa malee isin woliin tee'u akka gootanu hubadha'a; sababille inni akkuma kiyya hujii Gootta'aa hujaara.1 Qor. 4:17 11 Nami tokkolle isa hin tuffatin; ammoo akka inni nageyaan gara kiyya deebi'u isa gargaara'a. Deebi'iisa isaa obboleeyyan woliin eegiisatti jirra.
12 Marroo obboleessa keenna Apholoosiille, akka inni obboleeyyan dhibii woliin dhufee isin ilaaluuf, guddoo isa magannifadhe. Inni ammoo amma dhufiisa hin barbaadu; te'uu malee yoo itti tolte hin dhufa.
Gorsaa Fi Nageya Muumme'ee
13 Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a. 14 Waan hujjanu mara jaalalaan huja'a.
15 Obboleeyyan tiyya! Isxifaanosii fi maatiin isaa lafa Akaayya'aa keessatti kiristaana jalqabaa akka te'anee fi dhugeeffattoota tajaajiliisaaf akka ifi kennane hin beettan.1 Qor. 1:16 16 Namoota akkasiitii fi worra isaan woliin hujaa dadhabanuuf akka ajajantanuuf isin kadhadha'a.
17 Dhutti Isxifaanosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiitteerti. Sababille waan isin na woliin as hin jiraatiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran. 18 Isaan gadhaa kiyyaa fi keessan gabbi tolchaneeran. Worra akkasii kana yaadadha'a.
19 Wolde'ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila'aa fi Phirsikaan, wolde'a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta'aatiin nageya isinii dhaaman.HuE. 18:2 20 Dhugeeffattooti asi jiranu duudiin nageya isinii dhaaman.
Sunqata woyyichaan nageya wol fuudha'a.
21 Nageya kana ani Phawuloos harkuma kiyyaan isinii barreesse.
22 Ka Goottaa hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame te'uu ti! Goottaa keenna koottu!*Goottaa keenna koottu: Afaan Aramaykiitiin, «Maaranaataa» jedhama
23 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuusii isin woliin jiraatu.
24 Jaalalli kiyya karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin duudii woliin jiraatu. Ameen.

16:1 Rom. 15:25-26

16:10 1 Qor. 4:17

16:15 1 Qor. 1:16

16:19 HuE. 18:2

*16:22 Goottaa keenna koottu: Afaan Aramaykiitiin, «Maaranaataa» jedhama