Ergaa Yohaannis Erge
Ta Qaraa
Seensa
Ergaan Yohaannisii ta qaraa yaada jajjaba lama qaddi. Isaanille worri dubbifatu Waaqaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin tokkummaa akka qabaatu jajjabeessiisaa fi tokkummaa tana balleessiisaaf ka dande'u barumsa dharaa irraa akka fagaatanu ifi eegachisiisa. Yennaa san barumsi dharaa ka burqu biyya lafaa tana woliin qunnamtii godhamuun waan te'eef Ilmi Waaqaa Yesuus ijjumaa nama te'iisaaf yookiin amala namumma'aa qabaatiisaaf hin dande'u ka jedhu. Barsiisoti sun «Fayyinna jechuun le'ii biyya lafaatiif yaaduu irraa bilisa bayiisa» jedhan; kana wolille'een, «Amala dansumma'aa fi nama dhibi'iif jaalala mudhisuun fayyinna woliin ijjumaa qunnamtii hin qabu» jedhan.
Barreessaan barumsa kana mormiisaan Yesuus Kiristoos nama guutu'u, worri Yesuusitti dhugeessuu fi worri Waaqa jaalatu maraa wol wolille jaalachuu qaba jedhee gorseera.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa1:1-4
Ifaa fi Dukkana1:5—2:29
Ijoollee Waaqaatii fi Ijoollee Durriisaa3:1-24
Dhuga'aa fi Dhara4:1-6
Dirqama Jaalalaa4:7-21
Dhugeeffannaa Injifattu5:1-21
1
Jecha Jiru'uu
1 Marroo jecha jiru'uu ka jalqabaa jalqabee jiruu, ka gurra keennaan dhageenne, ka ila teennaan dhaggine, ka ilaallee fi ka harka keennaan qaqqannee isiniif barreessina.Yoh. 1:1 2 Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu'utti mudhifante tana isinitti hinna. 3 Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin. 4 Gammadi keenna guutuu akka te'uuf tana barreessina.
Waaqi Ifa
5 Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, «Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu» ta jettu tana. 6 Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu. 7 Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.Yoh. 13:34 8 Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu. 9 Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama'aa fi qajeelaa*Qajeelaa: Sirrii waan te'eef cubbuu teenna nu'uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle'ee nu hin qulleessa. 10 Nuuti cubbuu hunyee hin jirru yoo jenne, Waaqa dharaamessa goona; jechi isaalle nu keessa hin jiru.