4
Akka Fedha Waaqaa Le'uu
Eega Kiristoos nafa ifiitiin rakkate, isinille akka nama meya woraanaa hidhatee yaada kanaan jabaadha'a; sababille nami nafa ifiitiin rakkatu cubbuu dhiiseera. Haganaa achi bara le'ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te'in akka fedhii Waaqaa le'uu qaba. Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudoota hin te'in huju: baalagumma'aan, halchaa baddu'uun, machi'iin, akka malee nyaataa caaqu'uun, akka malee uniisaa fi waaqonfannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu'uun dabarsitane hin geya. Amma lansooti teessan ta durii waan isin isaan woliin samaamuruu dhaddaneef maadeffatanee, isin arrassan. Isaan ammoo waan godhane kanaaf, Waaqa worra jiruu fi du'etti muriisaaf qophoweef, deebii mataa ifii hin kennan. Tanaaf Oduun Gammadaa worra du'anelle'eef lallabante; akka kanaan akkuma nama maratti murante nafa isaaniititti hin muranti; ayyaanaan ammoo akka Waaqi jiraatutti jiraatan.
Muummeen waan maraa dhikaatteerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te'a'a.
Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha'a. Adoo hin gungumin keessummummaa wol fudhadha'a. 10 Akka toowataa addatamaa kennansa Waaqaa ka adda addaa hujii irra oolchu tokkoo, tokko tokkoon keessan kennansa adda addaa ka Waaqa irraa fudhataneen wol tajaajila'a. 11 Nami lallabu akka Jecha Waaqaatitti lallabuu ti; ka tajaajilu hunna Waaqi isaaf kenneen tajaajiluu ti; maarre Waaqi waan duudi'iin karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateeffama. Isaaf ulfinnii fi hunni baraa haga bara baraatitti te'u! Ameen.
Yennaa Rakko'oo Ossatuu
12 Obboleeyyan tiyya! Rakkoon jadduun ta akka ibiddaa guddu haga isin ilaaliisaaf yoo isin dhaqqadde, wonni teetee hin beenne akka isin irra dhaqqaddeetitti hin baaseffatina'a. 13 Addee akkasii yennaa Kiristoos ulfinna ifiitiin mudhatu gammadi keessan guddaa akka te'u, rakkoo isaa worra qoodamu waan teetaneef gammada'a. 14 Maqaa Kiristoosiitiif yoo arraffantane, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Waaqaa waan isin irratti foorfatuuf isin worra badhaadhe. 15 Isin keessaa nami rakkoo fudhatu tokko, nama ijjeesee yookiin hatee yookiin yakkee yookiin waan isa hin galchine keessa galiisaan rakkoo hin fudhatin. 16 Kiristaana waan te'eef nami rakkinna fudhatu yoo jiraate, marroo maqaa Kiristoosiitiif Waaqa galateeffatuu ti malee, hin fokkifatin.
17 Guyyaan muraan jalqabantu geetteerti; muraan tun worra mana Waaqaa keessa jiru irratti jalqabanti. Eega muraan nu irratti jalqabantu teete, muummeen worra Oduu Gammadaa ta Waaqaatiif hin ajajannee maan te'itti ree? 18 Barreeffam Woyyichi,
«Nami balchaanuu eega rakko'oon fayyu teete,
nami Waaqa malee jiraatuu fi
cubbamaan attam te'uu jira ree?» jedha.
19 Maarre worri akka fedha Waaqaatitti rakkatu, ifi Abbaa dadaa addatama'atti magannee kennatee, waan dansaa ittuma hujuu ti.