7
Namooti qachaa Kiriiyat-Ya'ariimii dhufanee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san fudhatanee, gara mana Abinaadaabii ka kooba irra jiruu geessane. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san akka eeguuf ilma isaa Ele'azaar woyyoonsane.
Saamu'el Israa'el Irratti Abbaa Mura'aa te'e
Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa Kiriiyat-Ya'ariim keessa yennaa dheertuu, gara woggaa diddamaa ture. Kolbaan Israa'elii marti yennaa tana gara Mootii Waan Maraa iyyite.
Saamu'el kolbaa Israa'eliitiin, «Isin gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, waaqota ormaa fi waaqa dharaa Ashitaaroti odduu teessanii balleessa'a; gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii waan Maraa deebi'a'aatii isa qofa tajaajila'a; innille harka Filisxeemotaa jalaa isin hin baasa» jedhe. Maarre Israa'elooti waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti balleessanee Mootii Waan Maraa qofa tajaajilane.
Achiin duuba Saamu'el, «Israa'eloota mara Miispha'atti wolitti qaba'a; ani achitti marroo teessaniif gara Mootii Waan Maraa hin daadimadha» jedhe. Maarre isaan Miispha'atti wolitti qabamanee, bisaan woraabanee Mootii Waan Maraa duratti dhangalaasane; guyyuma san laamanee, «Nuuti Mootii Waan Maraa yakkineerra» jedhanee cubbuu ifii faaci'atane. Saamu'elille Miispha'atti Israa'elootatti mure.
Worri Filisxeemotaa akka Israa'elooti Miispha'atti wolitti qabamane yennaa dhage'ane, mootoleen Filisxeemotaa isaan loliisaaf dhaqane; Israa'elootille tana dhage'anee worra Filisxeemotaa sodaatanee, Saamu'eliin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna harka worra Filisxeemotaa jalaa akka nu baasuuf, marroo teennaaf gara isaa daadimatiisa hin lakkisin» jedhane. Maarre Saamu'el buruusoo korbeessa hoole'ee ka hin gu'in fuudhee kennansa duuduma gubamu godhee Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. Saamu'el marroo Israa'elootaatiif gara Mootii Waan Maraa daadimatee, Mootiin Waan Maraalle deebii isaaf kenne. 10 Saamu'el kennansa gubamu dhikeessiisatti adoo jiruu, worri Filisxeemotaa Israa'eloota loliisaaf dhufanee itti dhikaatane; te'uu malee guyyaa san Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa worra Filisxeemotaa irratti mandi'ee isaan joonjessee, isaanille raafamanee Israa'eloota duraa baqatane. 11 Israa'elootille Miispha'aa bayanee worra Filisxeemotaa ijjeesaa haga addee Bet-kaar jalaatitti isaan ari'ane.
12 Achiin duuba Saamu'el dhakaa tokko fuudhee Miispha'aa fi Sheen wodhakka'atti dhaabee, «Mootiin Waan Maraa haga ammaa nu qarqaareera» jedhee, maqaa isaa, «Ebeen-Ezer» jedhee moggaase. «Ebeen-Ezer» jechuun, «Dhakaa qarqaarsaa» jechu'u. 13 Maarre worri Filisxeemotaa waan injifatamaneef, bara Saamu'el jiru mara worri Filisxeemotaa deebi'anee lafa Israa'elii akka hin lolle, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa dhoogge. 14 Qachooti worri Filisxeemotaa Israa'eloota irraa fudhatane, Eqroonii haga Gaatiititti gara Israa'elii deebi'ane; Israa'el lafa ifii mara harka worra Filisxeemotaa jalaa baafatte; Israa'elootaa fi Amoorota wodhakkaalle'etti nageenni bu'e.
15 Saamu'el bara jiruu ifii mara Israa'elitti mure. 16 Inni wogguma wogga'atti Bet'el, Giilgalii fi Miisphaa keessa deddeemee, namoota addee tanaa maraaf muraa kenne. 17 Achiin duuba inni gara mana ifii ka Raamaa keessa jiruu deebi'ee, achille'etti Israa'elootaaf muraa kenne. Addee ciinca'aalle Mootii Waan Maraatiif achitti ijaare.