9
Saa'ol Mootii Te'iisaaf Filame
Gosa Beniyaaminii keessaa nami beekkamaan ka maqaan isaa, «Qiish» jedhamu tokko jiraayyu; inni ilma Abii'elii, akaakoo Xiroorii, abuuboo Bikoraatii, abutturoo Afiiya'aa ti. Qiish ilma miidhagaa, ka maqaan isaa «Saa'ol» jedhamu tokko qabaayyu; Israa'el keessa nami isa caalaa miidhagu hin jiru. Inni gurmuu ifiitii ol kolbaa mara caalaa dheerata.
Abbaa Saa'olii Qiish duraa harreeleen baddeertuun, inni ilma ifii Saa'oliin, «Tajaajiltoota keessaa tokko fudhadhuutii, dhaqii harreelee badde san barbaadi» jedhe. Saa'olii fi tajaajilaan sun ka'anee lafa koobittii Efreemiitii fi lafa Shaaliishaa keessa deddeebi'anee barbaadane; garuu hin dhaggine; karaa lafa Sha'aliimii keessa dabaranee barbaadane; garuu hin dhaggine. Achiin duuba karaa lafa Beniyaaminii keessa dabaranee barbaadane; garuu achille'etti hin dhaggine. Isaan lafa Zuufii yennaa geyane, Saa'ol tajaajilaa isa woliin jiruun, «Abbaan kiyya marroo harreele'ee yaaduu lakkisee, marroo teennaaf waan yaaddowuuf, koy deebinaa!» jedhe.
Tajaajilaan sun deebisee, «Kunoo, nami Waaqaa tokko qachaa kana keessa jira; wonni inni dubbate marti waan teetuuf, inni nama ulfinna qabu; inni karaa nuuti harreelee tana barbaannu nu'uuf hin hima fa te'a, koy gara isaa dhandhaa!» jedheen.
Achiin duuba Saa'ol tajaajilaa ifiitiin, «Gara isaa yoo dhandhe, namichaaf maan kennina ree? Qalqalluu keessa sagaleen hin jirtu; waan nama Waaqaatiif kenninu tokkolle hin qannu; waan dhibii maan qanna ree?» jedhe.
Tajaajilaan sun deebisee Saa'oliin, «Kunoo, ani meetii gara giraama sadii qaba; akka inni karaa nuuti harreelee tana barbaannu nu'uuf himu, ani meetii tana nama Waaqaatiif hin kenna» jedhe.
Bara durii Israa'el keessatti nami tokko woy Waaqa gaafatiisaaf yoo dhaqu, «Kowa'a gara nama mudhii dhagguu dhandha» jedhaayyu; ka adha, «Raagicha» jedhamu, dur «Abbaa mudhi'ii» jedhamaayyu. 10 Saa'olille tajaajilaa ifiitiin, «Dansaa jette; koy, hin dhandhaa» jedhe; maarre isaan gara qachaa nami Waaqaa keessa jiru sanii dhaqane.
11 Isaan gara qacha'aa koobatti adoo ol bayiisatti jiranuu, ijoollee durraa ta bisaan woraabbatiisa dhaxxu takka dhagganee, «Nami mudhii dhaggu as jiraa?» jedhanee isaan gaafatane.
12 Isaan deebisanee, «Ee, hin jira; kunoo, inni isinumaan dura jira, ariifadha'aa dhaqqaba'a. Kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa waan dhikeessituuf, inni amma as gara qachaa kanaa dhufe. 13 Isin yennuma qachaa seentane, inni nyaatiisaaf gara addee Waaqonfanna'aa ol adoo hin bayin isa hin dhaggitan. Ciincaa dhikaate inni waan eebbisuuf, adoo inni hin dhufin kolbaan hin nyaattu; achiin duuba worri affeerame hin nyaata. Yennuma tana waan isa dhaggitanuuf, ol baya'a» jedhanee deebisane. 14 Maarre Saa'olii fi tajaajilaan isaa gara qacha'aa ol bayane. Isaan gara qacha'aa adoo seeniisatti jiranuu, Saamu'el gara addee waaqonfanna'aa ol bayiisaaf karaa isaan jiranu dhufe.
15 Saa'ol adoo hin dhufin guyyaa tokkoon dura Mootiin Waan Maraa, waan kana Saamu'elitti mudhisee, 16 «Boru yennaa tana biyya Beniyaaminiitii nama tokko gara keeti hin erga; kolbaa tiyya Israa'el irratti akka inni bulchaa te'u isa muudi; inni kolbaa tiyya harka worra Filisxeemotaa jalaa hin baasa; iyyi isaanii gara kiyya waan dhaqqaddeef, kunoo, ani kolbaa tiyya ilaaleera» jedhe.
17 Saamu'el yennaa Saa'ol dhagge, Mootiin Waan Maraa isaan, «Nami ani waan isaa sitti hime sun kunoo isa kana; inni kolbaa tiyya hin bulcha» jedhe. 18 Achiin duuba Saa'ol karaa seensuma karraatiin gara Saamu'elii dhikaatee, «Manni nama mudhii dhagguu eessa? Maganne'e natti himi» jedhee gaafate.
19 Saamu'el deebisee, Saa'oliin, «Nami mudhii dhagguu ana; isin adha na woliin waan nyaattanuuf, gara addee waaqonfanna'aa naan dura ol baya'a; waan gadhaa keeti keessa jiru mara sitti himee, ganama si geegessa. 20 Harreeleen teeti ta guyyaa sadiin dura badde waan mudhatteertuuf hin yaadin; halchaan kolbaa Israa'elii marti eennuuf ree? Si'ii fi maatii abbaa keetii maraafii motii ree?» jedheen.
21 Saa'ol deebisee, «Ani gosa Israa'elii keessaa gosa diqqoo sanyii Beniyaaminiitii motii ree? Sanyiin tiyya sanyii Beniyaaminii mara keessaa diqqo'oo motii ree? Ati maaf waan akkasii natti dubbatta ree?» jedhe.
22 Achiin duuba Saamu'el, Saa'olii fi dargaggeessa tajaajilaa isaa san gara kolloo jilaa geessee, keessumoota soddoma waamamane caalaa addee ulfinnaa isaan teessise. 23 Saamu'el tajaajilaa ittoo qopheessu waamee, «Foon ani si'iin, ‹Adda baasii keyi› jedhee sitti kenne san fidi» jedheen. 24 Maarre tajaajilaan ittoo qopheessu sun foon lukaa akkuma jiruun fidee Saa'ol dura keye; Saamu'el, «Kunoo, ani haga keessumoota waameen jalqabee qooda si'iif maffameeru waan te'eef nyaadhu» jedheen. Maarre Saa'ol guyyaa san Saamu'el woliin nyaate. 25 Addee waaqonfanna'aatii gara qacha'aa gad yennaa bu'ane, Saamu'el heellichoo manaa irratti Saa'ol woliin dubbate. 26 Achiin duuba Saamu'el ganama ka'ee, heellichoo manaa gubba'aa Saa'ol waamee, «Waan si geegessuuf ka'i!» jedheen. Saa'olille ka'ee Saamu'el woliin kara'atti gad bayane. 27 Isaan gara qacha'aa gad bu'iisatti adoo jiranuu, Saamu'el Saa'oliin, «Tajaajilaan kun nu'uun dura dabaree akka deemu itti himi; yennaa inni dabaree deeme, ani waan Waaqi jedhe waan sitti himuuf, ati diqqoo asuma turi» jedhe.