12
Saamu'el Nageya Dhaame
Saamu'el Israa'eloota maraan, «Kunoo, ani waan isin jettane mara isiniif dhage'ee mootii isiniif mootonseera; kunoo, nama mootii te'ee isin sooressu dhaggattaneertan; ani dulloomee arrii baaseera; kunoo, ijoolleen tiyyalle isin woliin jirti. Ani bara dargaggummaa tiyyaatiin jalqabee haga adhaa isin sooresseera. Kunoo, isin dura dhaabbadheera; Mootii Waan Maraatii fi mootii inni muude duratti dhugaa na irratti baya'a. Ani qotiyyoo eennuu fudhadheera? Harree eennuu fudhadheera? Eennu sobeera? Eennu cunqurseera? Dhaggee akka hin dhagginee isi'iin te'iisaaf, eennu irraa beesee safu'uu fudhadheera? Na irratti dhugaa baya'aatii, anille adde'etti isiniif hin deebisa» jedhe.
Isaanille, «Ati nu hin sonne yookiin nu hin cunqursine yookiin nama tokko irralle'ee waan tokkolle hin fudhanne» jedhanee deebisane. Saamu'el isaaniin, «Harka kiyya keessatti waan tokkolle akka isin hin dhaggin, Mootiin Waan Maraatii fi mootiin inni muude adha isin irratti dhugaa hin bayan» jedhe. Isaanille, «Ee, Mootiin Waan Maraa dhugaa-baya'a» jedhane.
Achiin duuba Saamu'el kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa ka Muuse'ee fi Aaron muudee, abbootii teessan ta duriille biyya Gibxi'ii keessaa baase. Tanaaf ani hujii balchumma'aa ta Mootiin Waan Maraa isinii fi abbootii teessaniifille huje maraaf, Mootii Waan Maraa duratti waan isin ifi eeggachiisuuf, isin as dhaabbadha'a! Yaaqoob maatii ifii woliin biyya Gibxi'iititti yennaa gale, worri Gibxi'ii isaan cunqursee, isaan Mootiin Waan Maraa akka isaan qarqaaruuf gara isaa iyyane; Mootiin Waan Maraalle Muuse'ee fi Aaron worra abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'iitii baasanee addee tana akka qubatanu godhane isaaniif erge. Isaan ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa ifii dedhane; tanaaf, inni harka ajajaa loltoota Hazoorii Siisera'aatitti, harka Filisxeemotaatii fi harka mootii Mo'aabiititti dabarsee isaan kenne; isaanille abbootii teessan ta durii injifatane. 10 Abbootiin teessan ta duriille, ‹Nuuti cubbuu hunyeera; Mootii Waan Maraa lakkinnee, waaqota dharaa Ba'aalii fi Ashitaaroti tajaajilleerra; akka nuuti si tajaajilluuf, amma ammoo harka diinota keennaa jalaa nu baasi› jedhanee gara Mootii Waan Maraa iyyane. 11 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Yiruub-Ba'aal, Bedaan, Yifta'aa fi ana Saamu'el isiniif ergee, harka diinota adaala keessan jiranuu jalaa isin baase; isinille nageyaan leetane. 12 Mootiin Amoonii Nahaashi isin loliisaaf akka dhufiisatti jiru yennaa dhaggitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan mootii keessan adoo te'eeruu, isin anaan, ‹Waawwo'o, mootii nu bulchu barbaanna› jettane.
13 «Mootii isin filattane, ka isin gaafattane kunoo ti! Mootiin Waan Maraa isiniif mootonseera. 14 Isin Mootii Waan Maraa sodaattanee, isa tajaajiltanee, isaaf ajajantanee, ajaja isaa irratti yoo ka'uu dhaddane, isinii fi mootiin keessan ka isin bulchu, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan yoo hordottane, wonni dansaan isiniif hin teeti. 15 Ammoo Mootii Waan Maraatiif ajajamiisa dhaddanee, ajajaa isaa irralle'etti yoo kaatane, inni akkuma abbootii teessan ta durii adabe isinille hin adaba. 16 Tanaaf, jabaadha'aa dhaabbadha'aatii, waan guddoo Mootiin Waan Maraa ila teessan duratti godhu ilaala'a. 17 Amma yennaan ta qamadii haammattanuu motii? Mootiin Waan maraa mandiisu'uu fi bokkeya akka fidu ani gara isaa hin daadimadha; isin mootiin akka isiniif mootomu gaafatiisaan, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu akka hujane, yennaa san hin hubattan» jedhe.
18 Maarre Saamu'el gara Mootii Waan Maraa daadimate; guyyuma san Mootiin Waan Maraa mandiisu'uu fi bokkeya fide; kolbaan marti Mootii Waan maraatii fi Saamu'el guddoo sodaatane. 19 Kolbaan marti Saamu'eliin, «Cubbuu teenna mara irratti, mootiin akka nu'uuf mootomu gaafatiisaan cubbuu teenna mara irratti hammeenna kana waan hunyeef, akka hin duuneef nu tajaajiltoota teetiif gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii daadimadhu!» jedhane.
20 Saamu'elille deebisee kolba'aan, «Hin sodaatina'a! Isin hujii hantuu tana mara hujjaneertan. Te'ulle Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaan waaqonfadha'a malee, isa irraa gara dhibii hin deebi'ina'a. 21 Isaan waan woy hin baane waan te'aneef, waan duwwaa bu'aa hin qanne yookiin ka isin baasuu hin dandeenne hin waaqonfatina'a. 22 Mootiin Waan Maraa isin kolbaa ifii tolfatiisaaf waan jaalateef, marroo maqaa guddaa ifiitiif jedhee isin hin lakkisu. 23 Ani karaa dansa'aa fi waan qajeelaa isin barsiisa malee, marroo teessaniif daadimatiisa lakkisiisaan Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujiis kiyya na irraa fagaatuu ti. 24 Isin Mootii Waan Maraa qofa sodaadha'aatii gadhaa tokkochaa fi addatamumma'aan isa tajaajila'a. Waan guddoo inni isiniif godhelle hin dedhina'a! 25 Hujii hantuu hujiisa yoo hin lakkisin ammoo, isinii fi mootiin keessanille ijjumaa hin baddan» jedhe.