28
Filisxeemoti Lolaaf Qophowane
Bara san Filisxeemoti Israa'el loliisaaf loltoota ifii wolitti qabatane. Akiishi Daawitiin, «Atii fi namooti keetille na woliin akka duultanu beeki» jedhe.
Daawitille, «Ani tajaajilaan keeti waan godhuu dande'u, atinuu dhaggu'uu jirta» jedheen.
Akiishi deebisee, «Guddoo dansa'a! Ani haga jiruu tiyyaa eeddicha kiyya si tolfadha» jedheen.
Saa'ol Worra Ekeraa Dubbisu Dubbisiifate
Saamu'el du'ee Israa'elooti marti isaaf boottee qachaa isaa Raamaa keessatti isa awwaalane. Bara san Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa balleesseeraayyu.
Filisxeemoti wolitti qabamanee dhufanee adaala qachaa «Shuneem» jedhamutti qubatane. Saa'olille Israa'eloota mara wolitti qabatee gaara Giilbo'aa irra qubate. Saa'ol loltoota Filisxeemotaa yennaa dhagge, guddoo sodaatee, gadhaan isaa sheephise. Inni Mootii Waan Maraa yennaa gaafate, Mootiin Waan Maraa ammoo oojju'uun yookiin Uriimiin yookiin karaa raagotaalle'een deebii isaaf hin kennine. Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Dhaqee isii akka gaafadhu, dubartii ekeraa dubbittu naa barbaada'a» jedhe.
Isaanille deebisanee, «Kunoo, dubartiin ekeraa dubbittu takka Endoor keessa jirti» jedhaneen.
Maarre Saa'ol woyaa dhibii uffatee, ifi wollaalchisee, nama lama woliin halkan gara dubartittii sanii dhaqee, «Maganne'e, ekeraa dubbisiitii nama ani sitti himadhu naaf kaasi!» jedheen.
Dubartittiin ammoo deebittee, «Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa akka balleesse atinuu hin beetta. Na ijjeesiisaaf, tiyyoo na dura maaf keetta ree?» jetteen.
10 Saa'ol, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, waan kanaan ati hin adabantu» jedhee maqaa Mootii Waan Maraatiin kakate.
11 Achiin duuba dubartittiin, «Eennu si'iif kaasa?» jettee isa gaafatte.
Innille deebisee, «Saamu'el naaf kaasi!» jedheen. 12 Dubartittiin yennaa Saamu'el dhaggite, qoonqoo guddo'oon iyyitee Saa'oliin, «Ati Saa'olii motii? Maaf na sodde?» jetteen.
13 Mootichi isi'iin, «Hin sodaatin! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhe.
Dubartittiin deebittee Saa'oliin, «Ayyaanni tokko tokko lafa keessaa ol bayuun dhagga» jette.
14 Innille, «Inni maan fakkaata?» jedhee isii gaafate.
Isiin deebittee, «Jaarsi tokko geellaa uffatee ol bayiisatti jira» jetteen.
Achiin duuba Saa'ol akka inni Saamu'el te'e beekee ulfinna isaatiif fuulaan lafatti gad gombifame.
15 Achiin duuba Saamu'el, Saa'oliin, «Ati maaf du'a keessaa kaasiisaan na rakkitta?» jedhe;
Saa'ol deebisee, «Ani rakkinna guddaa keessa jira; Filisxeemoti na loliisatti jirti; Mootiin Waan Maraalle na lakkisee, raagotaan yookiin oojju'uun deebii naaf kennuu dideera. Tanaaf maan akka godhu akka natti hintuuf, si waammadhe» jedheen.
16 Saamu'elille, «Mootiin Waan Maraa si irraa fagaatee eega diina keeti sitti te'e, maaf na gaafattaa ree? 17 Mootiin Waan Maraa waan natti dubbate muummessiisatti jira. Inni mootummaa teeti si harkaa fuudhee, jaala keeti Daawitiif kenneera. 18 Ati Mootii Waan Maraatiif waan hin ajajaminiif, aarii isaa ta akka ibiddaa bobeettu sanille Amaaleqoota irratti ati waan hin muummessiniif, Mootiin Waan Maraa adha tana si irratti godheera. 19 Ammalle, Mootiin Waan Maraa si'ii fi Israa'elootalle harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna; boru atii fi ilmaan teeti na bira hin dhuttan; Mootiin Waan Maraa loltoota Israa'eliille harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna» jedhe.
20 Dubbii saamu'el dubbateen, Saa'ol sodaatee yennuma san akkuma hojjaa ifiitiin lafatti jige. Guyyaa sanii fi halkan san mara waan tokkolle hin nyaanneeyyu; tanaaf hunna dhabe. 21 Dubartittiin gara Saa'olii dhuttee, akka inni guddoo bararaqe yennaa dhaggite, «Kunoo, ani tajaajiltuun teeti si'iif ajajameera. Lubbuu tiyya harkatti qabadhee waan ati natti hinte muummesseera. 22 Amma maganne'e, waan ani tajaajiltuun teeti sitti himu dhage'i; nyaattee jabeenna dhaggattee akka deentuuf sagalee si'iif hin qopheessa» jetteen.
23 Inni, «Hin nyaadhu» jedhee didate. Te'uu malee tajaajiltooti isaa dubartittii woliin guddoo waan isa kadhataneef, dubbii isaanii dhage'ee, lafaa ka'ee taqee irra tee'e. 24 Dubartittiin jibicha cooma mana keessaa waan qadduuf, ariiti'iin qaltee, bullaa fuutee sukkuuntee daabboo uukoo hin qanne bilcheessite. 25 Achiin duuba Saa'olii fi tajaajiltoota isaatiif dhikeessitee, isaanille nyaatane. Achiin duuba isaan halkanuma san ka'anee deemane.