3
Ulaagaa Sooreyyii Wolde'a Kiristaanaa
Nami tokko sooressaa*Sooressa: Toowataa Wolde'a kiristaanaa te'iisaaf yoo barbaade, hujii kabajantuu halcha jechi jedhu dhuga'a. Sooressaan wolde'a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le'u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande'u, nama hin machoonne, nama hunnaan hin lolle, nama qajeelaa, nama moromaa hin jaalanne, nama beesee hin jaalanne, nama maatii ifii sirri'itti bulfatu, nama ijoolleen ulfinnaan isaaf ajajantu te'uu qaba. Nami tokko maatii ifii bulfatiisa yoo hin dandeenne, attam dande'ee wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa bulchiisaaf dande'a ree? Kijibaan afuufamee, muraa tanaan qara Seexanatti muranteetti akka hin jinne, nama dhikoo dhugeeffate hin te'in. Maqaa isaa badee tiyyoo Seexanaa keessatti akka hin jinne, nama alaa biratti gurra dansaa qabaachuu qaba.Tit. 1:6-9
Ulaagaa Qarqaartota Wolde'a Kiristaanaa
Akkasuma qarqaartotiQarqaartoti: Diyaaqonooti wolde'a kiristaanaalle worra ulfinna qabu malee, worra arraba lama dubbatu, worra unii fakkansu, worra qarshi'iif joljolu te'uu hin qabanu; wodanaa qullu'uun dhossaa dhugeeffannaa dhuga'aa jabeessanee qabatuu qaban. 10 Isaan dursanee ilaallatamanuu ti; achiin duuba ka komii hin qanne yoo te'ane qarqaartota wolde'a kiristaanaa te'anee tajaajilanuu ti. 11 Akkasuma niitoti qarqaartotaalle ta kabajjaa qaddu, ta hin hamanne, ta hagatti leetu, ta waan maraan addatantu te'uu qaddi. 12 Qarqaartichi wolde'a Kiristaanaa tokko ka niitii takkaa qofa qabu te'ee, ijoolle'ee fi maatii ifii akka dansaa ka bulfatu te'uu qaba. 13 Qarqaartoti wolde'a kiristaanaa, worri hujii dansaa hujanu ulfinna guddaa dhaggatanee, marroo dhugeeffannaa ifii ta Yesuus Kiristoositti qabanuun jabeenna guddaa dhaggatan.
Dhossaa Guddoo Dhugeeffanna'aa
14 Ani dafee gara keeti akka dhufu addii qaba, haga sanitti ammoo gorsa kana si'iif barreessaara. 15 Ammoo yoo ani ture, mana worra Waaqaa keessatti nami amala attamii qabaachuu akka male akka beettuuf kun si gargaara; manni kunille utuba'aa fi hundee dhugaa wolde'a kiristaanaa ka Waaqa jiraata'aa ti. 16 Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo'oo; tanaaf,
«Inni foon uffatee mudhateera;
dhugaa akka te'e Ayyaanaan mirkaneeffameera.
Ergantoota Waaqaatitti mudhateera;
kolbaa biyya lafaatiif lallabameera.
Biyya lafaa duudi'itti dhugeeffatameera;
ulfinnaan gara ol-gubba'aa fudhatameera» jedhamee himameera.

*3:1 Sooressa: Toowataa

3:7 Tit. 1:6-9

3:8 Qarqaartoti: Diyaaqonooti