5
Akka Dhugeeffattoota Itti Qabatanu
1 Jaarsa akka abba'aatitti gorsi malee hin xixin; dargaggageeyyii dhiiraa ammoo akka obboleeyyaniititti qabadhu; 2 jaartii akka haadhaatitti, dubartii ka'ima akka obboleettii tiru'uu yaada qullu'uun qabadhu.
3 Dubartii dhugumaan haadha hiyyeessaa teete kabaji. 4 Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba'aaf, akko'oo fi akaakoo ifiitille'eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji'iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti. 5 Haati hiyyeessaa takka, ta nama isii qarqaaru hin qanne, addii ifii Waaqatti godhatee halkanii fi guyyaa qarqaarsa isaa gaafataa daadimataa leeti. 6 Haati hiyyeessaa takka ta gammada lafaa callaa jaalattu, aduma jirtuu duuteerti. 7 Nami tokkolle waan ittiin isaan komatu akka hin qabaanne, gorsa kana isaaniif kenni. 8 Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama'a.
9 Haadha hiyyeessaa ta woggaan isi'ii jaatamaa gadi te'e, galmee haadhotiin hiyyeessaa itti galmeeffantutti hin galmeessin. Isiin sunuu ta dhirsa tokko qofa heerumteertu te'uu qaddi. 10 Akkasuma ijoollee guddisiisaan, keessummaa fudhatiisaan, miila kolbaa Waaqaa dhiqiisaan, worra rakkate qarqaariisaan, hujii dansaa mara hujiisaa fi ifi kenniisaan ta gurra dansaa qaddu te'uu qaddi.
11 Haadhotii hiyyeessaa ta ka'ima teete ammoo, galmee san keessa hin galchin; sababille halchaan foonii yennaa itti hammaatte, Kiristoos irraa deebi'anee heerumuu barbaaddan. 12 Maarre isaan waadaa Kiristoosiif matooma galane diiganee muraa ifi irratti fidatan. 13 Ammalle isaan hujii malee tee'uu fi mana kanaa kaan labiisa baratan; tana qofa adoo hin te'in, nama hamataa dubbii namaa keessa galaa, waan dubbatu'uu hin malle ka dubbatanu te'an. 14 Tanaaf diinni hantuu nu'u irratti dubbatuuf karaa akka hin dhagganne, haati hiyyeessaa ka'intittiin heerumtee ijoollee deettee, mana ifii akka bulfattu gorsa. 15 Isaan keessaa gariin tanaan qaraa Seexana hordofiisaaf karaa dhugeeffanna'aa irraa goraneeran. 16 Dubartiin dhugeeffatte takka ammoo, haadha hiyyeessaa maatii ifii keessaa yoo qabaatte, akka isaan wolde'a Kiristaanaatitti ba'aa hin teene qarqaartuuti; wolde'i Kiristaanaa ammoo, dubartoota abbaan manaa irraa du'e, ta ijjumaa qarqaarsa hin qanne qarqaaruu ti.
17 Jaarsolee wolde'a kiristaanaa akka dansaa sooressitu, keessumattuu ta jabaattee lalladdee barsiittuuf, ulfinna gudda'atti male. 18 Barreeffam Woyyichi, «Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin», akkasuma, «Hojjata'aaf mindaan kennamuu qaba» jedha.Mat. 10:10; Luq. 10:7 19 Dhugaa baatota lama yookiin sad yoo qabaate malee, himata jaarsa tokko irratti dhiyaatu hin fudhatin. 20 Worri dhibiin akka sodaatu, worra cubbuu huju addee nami mara jirutti xixi.
21 Waan gootu mara namuufuu adoo hin golin, yookiin adoo wol hin caalchisin gorsa kiyya akka muummessitu Waaqa duratti, Yesuus Kiristoosii fi ergantoota Waaqaa ta fooyante duratti si ajaja. 22 Namoota tajaajila Waaqaatiif muudiisaaf ariifattee harka irra hin keyin. Cubbuu worra dhibi'ii keessa hin galin; mataa keeti qulqullumma'aan eegi.
23 Gadhaa keetii fi dhibee deddeebitee sitti kaatuuf, daadhii woyni'ii diqqoo uni malee haganaa achi bisaan callaa hin unin. 24 Cubbuun worra gari'ii ifa teete waan mudhattuuf, dursitee muraa isaanii akeetti; cubbuun worra gari'ii ammoo duuba irra mudhatti. 25 Akkasuma hujiin dansaan ifa teetee mudhatti, ta hin mudhannelle dhokattee hin hattu.