2
Qophii Ijaarsa Galma Waaqaa
Solomoon maqaa Mootii Waan Maraatiif Galmi akka ijaaramu, manni mootumma'aa ka isaalle akka ijaaramu murteesse. Inni namoota ba'aa ba'atanu kuma torbaatama, namoota kooba irraa dhakaa bocanu kuma saddeettama, namooti kum sadii fi dhibbi jaa ammoo hujii akka toowatanu godhe.
Solomoon gara Hiiraamii mootii biyya Xiiroosii ergaa ergee, «Abbaan kiyya Daawiti mana mootumma'aa akka ijaarratuuf muka hindheensaa akkuma ergiteef, analle'eef ergi. Ani Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqa kiyyaa ka hixaanni foolee dansa'aa keessatti aarfamu, ka daabboon Waaqaaf woyyoontu yennaa mara keessatti isa dura keyantu, galgalaa fi ganama kennansi gubamu itti dhikeeffamu, guyyaa Sanbataatii fi baatii ji'aatitti, yennaa jila Mootii Waan Maraa ta beekkanteetitti waan kana keessatti dhikeessanu, ijaariisaaf murteeffadheera. Kun kolbaa Israa'eliitiif seerata haga bara baraa ti. Waaqi keenna waaqota dhibii mara waan caaluuf, Galmi ani isaaf ijaaru gudda'a. Te'uu malee ol-gubba'aa fi ol-gubbaan olii eega isa qabatuu hin dandeenneeyyuu, eentu Galma isaaf ijaaruu dande'a ree? Addee kennansa isa duratti dhikeessanuuf qofa isaaf ijaara malee, ka Galma isaaf ijaaruu dande'u ani eennu ree? Maarre amma nama ogeessa worqii, meetii, sageettu'uu fi hujii sibiila dhibi'iille, woyaa dhiillee, woyaa bifa cuquliisaa dhowuu beeku naaf ergi. Akkasuma nama Yihuda'aa fi Yerusaalem keessa tee'ee, namoota ogeeyyii abbaan kiyya Daawiti qopheesse woliin meya adda addaa irratti woy qiriixee bifa itti baasee hujuu dande'u naaf ergi. Namooti keeti gaara Libaanonii irraa muka muriisa waan qabanuuf, Libaanon irraa muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi muka sandali'ii naaf ergi; namooti kiyyalle namoota keeti woliin hin hujan. Galmi Waaqaa ka ani ijaaraaru kun gudda'aa fi miidhagaa te'uu waan qabuuf, falaxaan hedduun naaf qophowuu ti. 10 Ani tajaajiltoota teeti ta muka murtuuf, bullaa qamadi'ii kuntaala dhibba afurii fi afurtama, garbuu kuntaala dhibba afurii fi afurtama, akkasuma daadhii woyni'iille litirii kuma dhibba afur, zayitii ejersaa litirii kuma dhibba afur hin erga» jedhe.
11 Achiin duuba mootichi Xiiroosii Hiiraam xalaya'aan Solomooniif deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jaalatuuf, akka ati mootii isaanii teetu si godhe» jedhe. 12 Hiiraam itti dabaleelle, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ka ol-gubba'aa fi lafa dade leellifamuu ti! Inni ilma qaroo malaamessaa fi hubantii guddoo qabu ka Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifiille ijaaratu mooticha Daawitiif kenneera. 13 Ani amma ka hujii harkaatiin dandeettii qabu Huraam si'iif hin erga. 14 Haati isaa dubartii sanyii Daanii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii ti. Inni hujii worqi'iitii fi meeti'ii, hujii sageettu'uutii fi sibiilaa, hujii dhaka'aatii fi mukaa, akkasuma woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiille'ee fi diintuu quncee talba'aa irraa hujiisa beeka. Inni waan akka hujuuf gaafatame mara dhaka'aa fi muka irratti qiriixuu hin dande'a. Inni namoota keeti ka hujii harkaa hujuu beekanuu fi namoota goottaa kiyya, abbaa keeti Daawitii woliin hujuu hin dande'a.
15 «Amma goottaa kiyya qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii ta waadaa galte san ergi. 16 Nuutille muka haga ati barbaaddu gaara Libaanonii irraa murree wolitti hiinee, abbaayaa irra haga Yophe'ee siif hin ergina; atille achii gara Yerusaalemii fudhatuu hin dandeetta» jedhe.
17 Achiin duuba Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti dur laakkossiise, namoota alagaa biyya isaa keessa jiranu mara laakkossiise; namooti sunille kuma dhibba tokkoo fi kuma shantamii sadii fi dhibba jaa. 18 Isaan keessaa namooti kum torbaatam ba'aa akka ba'atanu, namooti kum saddeettami gaara irraa dhakaa akka bocanu, namooti kum sadii fi dhibbi jaa, hujii akka toowatanu godhe.