6
Dubbii Solomoon Eebba Galma Waaqaa Irratti Dubbate
1 Achiin duuba mootichi Solomoon, «Ee Mootii Waan Maraa, ati, ‹Duumensa ciggaa dukkanowaa keessa jiraadha› jetteerta.
2 «Ani galma guddaa miidhagaa ati haga bara baraa keessa leetu si'iif ijaareera» jedhe.
3 Achiin duuba wolde'i Israa'elii marti adoo achi dhaabbatiisatti jiranuu mootichi gara isaanii garagalee isaan eebbise. 4 Inni, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii leellifamuu ti! Inni waan afaan ifiitiin abbaa kiyya Daawitiif waadaa gale muummesseera; inni abbaa kiyya Daawitiin, 5 ‹Kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa haga baasee, qachaa gosa Israa'elii keessaa addee ulfinna maqaa kiyyaatiif Galmi kiyya itti ijaaramu, nama kolbaa tiyya Israa'elii sooressulle namuuyyuu ani hin filanne. 6 Amma ammoo ani maqaa kiyyaaf Yerusaalem filadheera; ati Daawiti kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf si filadheera› jedheera.
7 «Abbaan kiyya Daawiti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma ijaariisaaf gadhaa keessatti yaadateeraayyu. 8 Mootiin Waan Maraa ammoo abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ati maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaariisaaf yaadatiis keeti dansa'a. 9 Te'uu malee ilmuma keeti ka ati uumatutti maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaara malee si'ii moti› jedhe. 10 Amma Mootiin Waan Maraa waadaa gale san muummesseera. Ani akkuma inni waadaa gale san addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra tee'ee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma Waaqaa ijaareera. 11 Saanduqa Gondooro'oo ta Gondooroon Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii woliin gondoorate keessa jirtu achi keessa keyeera» jedhe.
Daadimata Solomoonii
12 Achiin duuba Solomoon addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, wolde'a Israa'elii duratti, harka ifii diriirse. 13 Inni waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta dheerinni isi'ii ciqilee shanii, badhinni isi'ii ciqilee sadii, hojjaan isi'iille ciqilee sadii sageettuu irraa hujisiisee, odduu badhinna dalleya keessaa ka gara alaa keessa keye. Achiin duuba waan san irra dhaabbatee, wolde'a Israa'elii mara duratti jilbiiffatee, harka ifii gara ol-gubba'aa badhisee, 14 «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, ol-gubbaa keessa yookiin biyya lafaa irra Waaqi akka keetii hin jiru; ati tajaajiltoota teeti ta gadhaa tokkochaan fuula keeti dura deddeebi'anuuf Gondooro'oo fi jaalala keeti ka bara baraa hin eedda. 15 Ati tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte muummessiteerta; waan dur afaan keetiin dubbatte adha kunoo harka keetiin muummessiteerta. 16 Amma, Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, waan tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiin, ‹Akkuma ati fuula kiyya dura deddeebite, sanyiin teetille waan gootu maraan akka ajaja kiyyaatitti yoo deddeebite, nami isaan keessaa mootii te'ee barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra fuula kiyya dura tee'u hin dhabamu› jettee waadaa galte san naaf eegi. 17 Amma, ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, jecha tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte san muummessi.
18 «Ee Waaqa, ati dhugumaan biyya lafaa irra namoota woliin leetaa ree? Ol-gubba'aa fi ol-gubbaan oliituu si fuudhuu hin dandeettu; Galmi ani ijaare kun fa'a attam attam diqqaatu ree! 19 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya, daadimataa fi gaaffii mararti'ii ta ana tajaajilaa keetii dhage'i; iyyaa fi daadimata ani tajaajilaan keeti fuula keeti duratti dhikeeffadhu naa caqasi. 20 Ilti teeti halkanii fi guyyaa gara Galma akka maqaan keeti keessa jiraatu goote kanaa ilaaltuu ti. Daadimata ani tajaajilaan keeti gara Galma kanaa fuula galee daadimadhu naaf dhage'i. 21 Daadimata ani tajaajilaan keetii fi kolbaan teeti Israa'elii gara addee tanaa fuula gallee daadimannu, ol-gubbaa bultoo teeti irraa nuu dhage'iitii, nuu araaram.
22 «Nami tokko nama dhibii irratti cubbuu hujee, cubbuu huje saniif gara Galma kanaa dhufee, gara addee ciinca'aa teetii dhikaatee akka kakatuuf yoo gaafatame, 23 ol-gubbaa irraa dhage'iitii muraa kenni; tajaajiltoota teetiif muraa yennaa kennitu ka yakkeef akkuma yakkaa isaatitti mataa isaatitti deebis; balchichaalle balchummaa isaa mudhisiisaan akkuma balchummaa isaatitti isaaf kaffali.
24 «Kolbaan teeti Israa'el waan si yakkiteef, diinota ifiitiin yoo injifatante, gaabbitee, gara keeti deebitee, Galma kana keessatti fuula keeti duratti daadimataa maqaa keeti yoo waammatte, 25 ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu kolbaa teeti Israa'elii araaramiitii, gara lafa isaanii fi abbootii isaaniitiif kennitee isaan deebisi.
26 «Isaan waan si yakkaneef ol-gubbaan cufantee, bokkeenni roobiisa yennaa dhabu, sababa cubbuu isaaniitiif, ati waan isaan rakkitteef, isaan gara addee tanaa fuula galanee yoo daadimatane, maqaa keeti yoo waammatane, cubbuu ifii irraa yoo deebi'ane, 27 ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu tajaajiltoota teeti kolbaa Israa'elii araaram. Karaa qajeelaa irra akka deemanu isaan barsiisi; lafa kolbaa teetiif dhaala gootee kennite irralle'etti bokkeya roobisiisi.
28 «Yennaa beelti yookiin balaan lafa irratti bu'u shantoon, oolaan, awwaannisii fi korophiis midhaan balleessu yookiin yennaa diinni qachaa isaanii keessatti isaan marsee badiin yookiin dhukkubi adda addaa dhufu, 29 kolbaa teeti Israa'el mara keessaa yookiin isaan keessaa nami tokko rakkinnii fi dhukkubbiin isaa itti dhage'antee, harka ifii gara Galma kanaa diriirsee daadimatee yoo gaafate, 30 ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa dhage'iitii isaaniif araarami; gadhaa namaa ka beeku si qofa waan teeteef, nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kenni. 31 Achiin duuba isaan lafa ati abbootii teennaaf kennite keessa bara le'anu mara si hin sodaatan; karaa keetille hin deeman.
32 «Akkasuma ormi tokko ka kolbaa teeti Israa'el keessaa hin te'in, marroo maqaa keeti gudda'aa, marroo irree teeti jaddu'uutii fi harka keeti ka diriiree dhage'ee biyya fago'ootii dhufee, gara Galma kanaa fuula galee yoo daadimate, 33 ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa isaaf dhage'i. Kolbaan lafa irraa marti akkuma kolbaa teeti Israa'elii maqaa keeti beekanee akka si sodaatanu, Galmi ani ijaare kun maqaa keetiin akka waamamu akka beekanu waan ormi sun si gaafatu mara isaaf dhage'i.
34 «Kolbaan teeti diinota ifii loliisaaf gara ati isaan ergitu mara yennaa dhaqanu, gara qachaa ati filattee kanaa fi gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yennaa daadimatanu, 35 ati ol-gubbaa irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif.
36 «Nami hin yakkine waan hin jirreef, kolbaan teeti yoo si yakkitu, ati isaanitti aartee, diinota isaanii ka isaan booji'ee biyya fago'oo yookiin dhiko'oo isaan geessanutti dabarsitee yoo isaan kennitu, 37 kolbaan teeti lafa booji'ante san keessatti qalbii ifiitiin gara keeti deebitee, ‹Cubbuu hunyeerra; yakkineerra; waan hantuu tolchineerra› yoo jette, 38 Lafa itti booji'amane san keessatti gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti'iin gara keeti deebi'anee, gara lafa ati abbootii isaaniitiif kennitee, gara qachaa ati filattee, gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yoo daadimatane, 39 ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif; kolbaa teeti ta si yakkiteef araaramiifille'e.
40 «Amma, ee Waaqa kiyya, ilti teeti gara daadimata addee tanaa ilaaltuu ti; gurri keetille gara daadimata addee tanaa caqasuu ti. 41 Amma, ee Mootii Waan Maraa Waaqa ka'i! Saanduqa Gondooro'oo ka hunna teeti mudhisu woliin gara addee foora teeti koyi. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, hayyooti teeti fayyinna uffatanuu ti; woyyooti teeti dansummaa teetiin firinxiixanuu ti. 42 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ka muudde san hin lakkisin; jaalala keeti ka bara baraa ka tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte yaadadhu» jedhe.