18
Miikiyaasiin Raagichi Ahaab Ifi Eeggachiise
(1 Mot. 22:1-28)
1 Yoshaafaaxiin mootichi guddoo duroomee, ulfinna guddaalle yennaa dhaggate, fuudhaa fi heerumaan Ahaabii mooticha woliin firoome. 2 Inni woggoota diqqo'oon duuba Ahaab dubbisu'uuf gara qachaa Samaariya'aatitti yennaa gad bu'e, Ahaab loon heddu'uu fi hoolee hedduu isaa fi namoota isaatiif qalchiisee, akka inni qachaa Raamoot-Giili'aadii loluuf dhugeeffachiise. 3 Mootichi Israa'elii Ahaab, «Ati na woliin Raamoot-Giili'aad loliisaaf hin dhaxxaa?» jedhee, mooticha Yihuda'aa Yoshaafaax gaafate; Yoshaafaax deebisee, «Ani akkuma keeti; kolbaan tiyyalle akkuma kolbaa teetii ti; nuuti si woliin dhandhee hin lolla» jedheen. 4 Yoshaafaaxille mooticha Israa'eliitiin, «Qara, waan Mootiin Waan Maraa jedhu gaafadhu» jedhe. 5 Achiin duuba mootichi Israa'elii Ahaab raagota dhibba afur wolitti qabee, «Raamoot-Giili'aad dhandhee lolla moo yookiin ani hafu woyya?» jedhee gaafate; isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa qachaa san harka keetitti dabarsee waan kennuuf, dhaqii loli» jedhane. 6 Yoshaafaax ammoo, «Isaan kana malee ka nuuti gaafannu raagaan Mootii Waan Maraa ka dhibiin as hin jiruu ree?» jedhe. 7 Mootichi Israa'eliille Yoshaafaaxiin, «Nami nuuti karaa isaatiin Mootii Waan Maraa gaafatuu dandeennu ka dhibiin tokkolle hin jira; garuu inni marroo tiyya yennaa mara ijjumaa waan hantuu malee, waan dansaa raaga waan hin dubbanneef, ani isa hin jibba; innille ilma Iimla'aa Miikiyaas» jedhee Yoshaafaaxiif deebise. Yoshaafaaxille, «Ee mooticha! Ati dubbii akkasii hin dubbatin!» jedhe. 8 Achiin duuba mootichi Israa'elii qondaaltota keessaa tokko waamee, «Dhaqiitii, ilma Iimla'aa Miikiyaas ariiti'iin fidi!» jedhee ajaje. 9 Mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax woyaa mootumma'aa ta ifii uffatanee karra qachaa Samaariya'aa dura eeddummee keessa barcumaa mootumma'aa ta ifii irra tee'anee, raagoti martinuu isaan duratti raaga raagane. 10 Raagota san keessaa ilmi Kine'aanaa Zedeqiiyaan sibiila akka gaafaa hujatee, Ahaabiin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worra Sooriya'aa haga lafa irraa balleessitutti, gaafota kanaan isaan hin woraanta› jedha» jedhe. 11 Raagoti worri kuun martinuu raaganee, «Raamoot-Giili'aaditti ol bayiitii loli! Hin injifatta. Mootiin Waan Maraa dabarsee harka keetitti kenna» jedhanee raaga dubbatane.
12 Namichi akka Miikiyaas waamuuf ergamee dhaqe sun, «Kunoo, raagoti martinuu afaan tokkochaan marroo mootichaa waan dansaa dubbataneeran; maganne'e atille akkuma isaanii waan dansaa itti dubbadhu» jedheen. 13 Miikiyaas ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Waanuma Waaqi kiyya natti dubbate qofa hin dubbadha» jedhe. 14 Raagichi gara mootichaa yennaa dhufe, mootichi, «Miikiyaas, Raamoot-Giili'aaditti hin duulla moo yookiin hin lakkinna?» jedhee gaafate; raagichille deebisee, «Qachaan sun dabarfamee harka keetitti waan kennamuuf, hin injifattaatii ol bayii loli» jedheen. 15 Mootichi ammoo isaan, «Waan dhugaa te'e malee, waan dhibii maqaa Mootii Waan Maraatiin akka natti hin dubbanneef, ani yennaa meeqa si kakachiisuu na barbaachisa ree?» jedheen. 16 Miikiyaasille deebisee, «Loltooti Israa'elii marti akka hoolota tissee hin qannee koobota irra bittinnootteertuun dhagge; Mootiin Waan Maraalle, ‹Isaan kun sooressitoota waan hin qanneef, nageyaan gara mana ifii deebi'anuutii gad lakkis› anaan jedheera» jedhe. 17 Mootiin Israa'elii Yoshaafaaxiin, «Namichi kun marroo tiyya waan hantuu malee, waan dansaa raaga akka hin dubbanne ani sitti hin hinnee ree?» jedhe. 18 Miikiyaasille itti dabalee, «Waan Mootiin Waan Maraa dubbatu dhage'i; ani Mootiin Waan Maraa barcumaa mootumma'aa ka ifii irra tee'eeruun, ergantooti isaa middaa fi bitaa isaa dhaabbateertuun dhagge. 19 Mootiin Waan Maraa, ‹Mootichi Israa'elii Ahaab dhaqee Raamoot-Giili'aad akka loluuf, achitti akka ijjeefamuufille eentu isa gowwoonsa ree?› jedhe; tokko waan tokko kuun waan dhibii jedhe. 20 Achiin duuba Ayyaanni tokko gara duraa dhufee, Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, ‹Ani isa hin gowwoonsa› jedhe; Mootiin Waan Maraa isaan, ‹Maaniin isa gowwoonsita?› jedhee gaafate. 21 Ayyaanni sun, ‹Ani dhaqee ayyaana dharaan raagota Ahaabii mara raaga dharaa dubbachiisu hin te'a› jedhe. Mootiin Waan Maraalle, ‹Ee, sii hin milkoottii, dhaqiitii tolchi!› jedheen. 22 Tanaaf, kunoo, Mootiin Waan Maraa afaan raagota teeti tanaa keessa ayyaana dharaa keyeera. Marroo teeti balaa dubbateera» jedhe.
23 Achiin duuba ilmi Kine'aana'aa Zedeqiiyaan gara Miikiyaasii dhaqee boqoo isaa keessa kabalee, «Ayyaanni Mootii Waan Maraa kun karaa kamiin na bira dabaree sitti dubbate?» jedhee isa gaafate. 24 Miikiyaasille deebisee, «Kunoo, gaafa dhokatiisaaf kolloo gara keessaa seente hin dhaggita» jedheen. 25 Mootiin Israa'elii Ahaab, «Miikiyaas qaba'aatii gara Amoonii bulchaa qacha'aatii fi gara Yo'aasii ilma mootichaa geessa'a! 26 Isaaniin, ‹Mootichi: Nama kana hidha'a! Haga ani nageyaan deebi'utti sagale'ee fi bisaan malee, waan dhibii itti hin kennina'a jedheera› jedha'aan» jedhe. 27 Miikiyaas deebisee, «Yoo ati nageyaan deebite, Mootiin Waan Maraa natti hin dubbanne» jedhe. Inni itti dabalee, «Kolbaan tun marti, dhage'a'a!» jedhe.
Injifatamiisaa Fi Du'iisa Ahaabii
(1 Mot. 22:29-35)
28 Achiin duuba mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax Raamoot-Giili'aaditti duulane. 29 Mootiin Israa'elii Yoshaafaaxiin, «Eennulle akka na hin beenneef, woyaa dhibii uffadhee duula hin dhaqa; ati ammoo woyaa teeti ta mootumma'aa uffadhu» jedhe. Tanaaf mootichi Israa'elii Ahaab eennulle akka isa hin beenneef woyaa dhibii uffatee duule. 30 Yennaa san mootiin Sooriya'aa ajajjoota loltootaa worra garreettaa fardaan harkifamuutiin, «Mootii Israa'elii qofa malee, nama tokkolle hin lolina'a!» jedhe. 31 Ajajjooti garreettaa fardaan harkifamanuu sun, akkuma Yoshaafaax dhaggiteen, «Kun mootii Israa'elii ti» jedhane. Maarre isaan isa loliisaaf itti garagalane. Yoshaafaaxille qoonqoo ol qabatee iyyee, Mootiin Waan Maraalle isa qarqaare; Waaqi jara san irraa deebise. 32 Ajajjooti garreettaa fardaan harkifamanuu sun akka inni mootii Israa'elii hin te'in yennaa dhaggane, isa ari'iisa lakkisanee biraa deebi'ane. 33 Isaan keessaa namichi tokko duuchi-balleessii daaya ifii darbatee, uffana sibiilaa ka mootichi Ahaab uffateeru wodhakka'aan woraane; mootichi Ahaab nama garreettaa fardaan harkifamu oofuun, «Ani waan madoweef, garreettaa fardaan harkifamu gara duuba deebisiitii addee lolaa tana keessaa na fuudhii deemi!» jedhee ajaje 34 Gaafa san lolli o'ee, Ahaabiin mootichi gara worra Sooriya'aa fuula galee garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessa itti irkatee dhaabbate; inni galgaluma san du'e.