30
Hisqiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilifate
1 Hisqiyaas kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase'eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanuuf waame. 2 Mootichii fi qondaaltoti isaa, gumiin Yerusaalemii marti Jila Irra Dabaramaa ji'a lammeesso'oo keessa jilifatiisaaf wolii galane. 3 Laakkossi hayyoota ifi woyyoonsanee guutuu waan hin te'iniif, kolbaalle Yerusaalemitti wolitti waan hin qabaminiif jila yenna'atti jilifatiisaaf hin dandeenne. 4 Mootichii fi gumiin marti karoora kanatti wolii galane. 5 Tanaan dura jila Irra Dabaramaa tana akka barreeffantetti bacatanee jilifatanee waan hin beenneef, lafa Israa'elii mara keessaa, Bersheeba'aa jalqabanee haga Daaniititti lassii lassanee, namooti marti gara Yerusaalemii dhufanee, Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanu murteeffatane. 6 Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessa deemane.
Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa'elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii deebi'a'a; innille gara keessan gara worra lubbu'uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi'a. 7 Isin akka abbootii teessan ta duriitii fi akka gosa teessan worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif hin addatannee hin te'ina'a; inni akkuma isin dhaggitanu waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan godhe. 8 Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama'a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina'a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa'a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila'a! 9 Isin gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arja'aa fi mararaa waan te'eef, worri fira keessanii fi ijoollee teessan booji'e gadhaa laafee akka isaan gara biyya ifii deebi'anu hin godhan. Isin gara isaa yoo deebitane innille fuula ifii isin irraa hin deebifatu» jedha.
10 Worri ergame sun biyya Efreemiitii fi Minaase'ee keessa qachaa kaan irraa gara qachaa kaanii dhaqanee haga biyya Zebuloonii deemane; kolbaan biyya sanii ammoo tuffi'ii fi murgo'oon itti kollane. 11 Te'uu malee gosa Asheerii, gosa Minaase'eetii fi Zebuloonii keessaa gariin gad ifi qabanee gara Yerusaalemii dhufane. 12 Biyya Yihuda'aa keessalle'etti kolbaan waan Mootichii fi qondaaltoti akka jecha Mootii Waan Maraatitti isaan ajajane gadhaa tokkochaan akka muummessanu Waaqi isaan qarqaare.
Jilti Irra Dabaramaa Jilifante
13 Ji'a lammeesso'ootitti jila daabboo uukoo hin qannee jilifatiisaaf kolbaan bacaan Yerusaalem keessatti wolitti qabante. 14 Isaan addee ciinca'aatii fi addee hixaana irratti aarsanu ta waaqota ormaa Yerusaalem keessaa bubuqqisanee, dhooqa Qedroonii keessatti gatane. 15 Isaan ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane. 16 Achiin duuba isaan akkuma seera Muusee nama Waaqaatitti addee addee ifii qabatane; hayyootille dhiiga harka Lewwootaatii fuutee fiffixxe. 17 Kolbaa san keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu waan hin te'iniif, Lewwooti worra ifi hin woyyoonsin saniif buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalanee Mootii Waan Maraa duratti isaan woyyoonsane. 18 Ammalle, gosa Efreemii, gosa Minaase'ee, gosa Yisaakoriitii fi Zebuloonii keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti adoo ifi hin qulqulleessin foon buruusota hoolee Jila Irra Dabaramaa nyaatane; Hisqiyaasiin mootichi isaaniif daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa akkuma arjummaa teetiititti ati isaaniif araaram! 19 Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqullummaa dhabanulle, worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif ajajamu maraaf araaram!» jedhe. 20 Mootiin Waan Maraa daadimata Hisqiyaasii dhage'e; inni kolbaa san fayyise; miidhaa tokkolle isaan gubbaa hin geessinne. 21 Lewwootii fi hayyooti meya faaru'uutiin bookarfamaa, guyyuma guyya'aan Mootii Waan Maraa leellifataa, gammada gudda'aan faarfataa, kolbaan Israa'elii ta Yerusaalemitti dhaggante guyyaa torba jila daabboo uukoo hin qannee jilifatane. 22 Hisqiyaasille Lewwoota waaqonfannaa Mootii Waan Maraa sooressiisaan dandeettii guddoo mudhisane leellise; maarre kolbaan guyyaa torba qooda ifii nyaataa, kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii galateeffatte. 23 Achiin duuba gumiin marti guyyaa itti aanu torba jila jilifatiisaaf wolii galane. Maarre guyyaa dhibii torba gammadaan jilifatane. 24 Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'ee kuma torba gumii saniif kenne; qondaaltotille dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'e'ee kuma kudhan kennane; hayyooti bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi woyyoonsane. 25 Gumiin Yihuda'aa marti, hayyootii fi Lewwooti, kolbaan worri Israa'el keessaa dhufane marti, worri alagaan ka Israa'el keessa qubataneeranuu fi Yihudaa keessa qubataneeranu marti gammadane. 26 Bara ilmi Daawitii Solomoon biyya Israa'elii duudii irratti mootii te'ee irraa jalqabee haga ammaatitti jilti akkanaa Yerusaalem keessatti jilifantee waan hin beenneef, qachaa Yerusaalemii keessatti gammad guddaan te'e. 27 Hayyootii fi Lewwooti ka'anee kolbaan akka eebbifantu daadimatane. Waaqille addee woyyittii ifii ta ol-gubba'aa irraa daadimata isaanii dhage'e.