3
Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa
Nuuti ammalle ifi saaduu jalqabaarraa? Yookiin akkuma worri gariin godhu xalayaa deeggarsaa gara keessan fidatuu yookiin isin irraa fudhatuu nu barbaachisaa ree? Xalayaan keenna ka akka nami duudiin beekuu fi dubbisuuf gadhaa keenna keessatti barreeffameeru isinuma. Isin tajaajila keennaan xalayaa Kiristoosii te'uun keessan ifa. Xalayaan kun hallu'uun adoo hin te'in, Ayyaana Waaqa jiraata'aatiin, gabatee dhaka'aa irratti adoo hin te'in gadhaa namaa keessatti barreeffameera.
Nuuti karaa Kiristoosiitiin Waaqatti addii waan qannuuf tana jenna. Nuuti dandeettii teennaan tana goona waan jennu takkaalle hin qannu; dandeettiin teenna Waaqa irraa dhutti. Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu'uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube'een barreeffameetii moti. Seerri qube'een barreeffame du'a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna.
Seerri dhakaa baxxicha irratti qube'een bocameeraayyu; ifi yennaa seerri kenname jiru kuun badaa ka deemu te'ulle, kolbaan Israa'elii fuula muuse'eetitti ila qaddee ilaaliisaaf hin dandeenne. Eegasuu seerri du'a fide ulfinna akkanaatiin yoo mudhate, tajaajilli karaa Ayyaana Woyyichaatiin dhaggamu ulfinna kana caalu attam hin qabaanne ree? Tajaajilli yakkaa namatti muru ulfinna haganaa ka qabu yoo te'e, tajaajilli nama balchoonsu attam ulfinna caalu qabaatuu dhaba ree? 10 Ulfinni duuba irraa ka akka malee caalu waan te'eef, ulfinni dur tare akka woy hin qanneetitti laakkowama. 11 Wonni caararrowaa deentuuyyuu ulfinna haganaa ka qaddu eega teete, wonni haga bara baraa jiraatu ammoo ulfinna akka malee caalu attam hin qabaanne ree?
12 Addii akkanaa waan qannuuf, sodaa malee dubbanna. 13 Nuuti akka muuse'eetii moti; inni calalaqa fuulaa ka badu san kolbaan Israa'elii akka hin dhaggineef fuula ifii gollate. 14 Qalbiin isaanii dhugumaan dillootteerti; haga guyyaa adhaalle kitaaba Gondooroo Qaraa yennaa dubbisanu qalbiin isaanii gollaa saniin akkuma gollanteen jirti. Gollaan tunille karaa Kiristoosii qofaan ka baddu waan teeteef tun teete. 15 Haga adhaalle yennaa isaan kitaaba Seera Muuse'ee dubbisanu mara, qalbiin isaanii golla'aan gollanti. 16 Ammoo yennaa nami gara Gootta'aa deebi'u gollaan hin baddi. 17 Goottaan Ayyaana; addee Ayyaanni Gootta'aa jirutti bilisummaan hin jirti. 18 Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw'iti'iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te'ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna.