6
Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina'a jennee isin kadhanna. Waaqi,
«Yennaa na biratti fudhatama qaddutti
ani si caqase;
Guyyaa fayyinna keetii,
ani si qarqaare» jedha.
Kunoo dhage'a'a yennaan fudhatama qaddu amma; guyyaan fayyinnaalle adha.
Tajaajilli keenna akka hin tuffatanne, eennulle'eef gufuu hin teenu. Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina. Akki ifi dhikeessinulle: dikamiisaan, hidhamiisaan, raafamiisaan, huji'iin dadhabiisaan, hirriiba dhabiisaa fi beelaan; akkasuma qulqullumma'aan, beekkumsaan, ossaan, arjumma'aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga'aatiin, jecha dhuga'aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, mey keenna ka woraanaa balchumma'a. Nuuti ulfinnaa fi salphinnalle fudhanneerra; komatamiisaa fi leellifamiisalle fudhanneerra; dhugaameyyii adoo teeneerruu, dharaameyyii jedhanneerra; ka beekkanne adoo teeneerruu, akka hin beekkamin teene; du'aneeran yoo jedhanu, jiru'uun jiraannee dhagganna; dikannulle hin ijjeefanne; 10 gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna.
11 Worra Qorontoos keessa leetanu! Nuuti ifa tolchinee isinitti dubbanneerra; gadhaa keennalle badhinnee isinii banneerra. 12 Isinumatti gadhaa nu irraa kutate malee, nuuti isin irraa hin kutanne. 13 Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu'uuf badhadha'aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha.
Worra Hin Dhugeeffanne Woliin Hin Xaxamina'a
14 Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina'a. Balchumma'aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande'an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande'an? 15 Kiristoosii fi Seexanni attam wolii galuu dande'an? Nami dhugeeffatuu fi nami hin dhugeeffanne maan woliin qaba? 16 Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu,
«Mana kiyya kolbaa tiyya oddu'utti hin godha;
odduu isaaniille hin le'a;
Ani Waaqa isaanii hin te'a,
isaanille kolbaa tiyya hin te'an» jedhe,
nuuti Galma Waaqa jiraata'aa ti.
17 Ammalle Goottaan,
«Isin odduu isaaniitii fowama'atii baya'a;
waan battii te'e hin tuqina'a.
Anille isin hin fudhadha;
18 Ani Abbaa keessan hin te'a,
isinille ilmaan tiyya ta dhiiraatii fi durraa hin teetan
jedha Goottaan waan mara dande'u» jedheera.