Kitaaba Moototaa Ka Lammeesso'oo
Seensa
Kitaab moototaa ka lammeesso'oo addee dabarsii kitaab moototaa ka qaraa itti dhaabbachiise irraa jalqabee marroo mootummoota lama ta Israa'elootaa dubbata. Kitaab kun kutaa lamatti qoodamuu dande'a.
1. Dabarsii mootummoota lamaa ta dhaloota Kiristoosiitiin duraa, wodhakkaa jaarraa sagaleesso'ootii jalqabee, haga jinnana Samaariya'aatii fi haga dhuma mootummaa kaabaa ta dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba torbaa fi diddamii lama keessaa dubbata.
2. Dabarsii mootummaa Yihuda'aa ta jinnana mootummaa Israa'eliitiin jalqaddee, haga mootiin Baabilonii Nebukadnezaar dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi saddeettamii jaa keessatti Yerusaalem qabatee balleessee dubbata.
Kitaab kun Gadaaliyaan bulchiisa Baabilonii jalatti bulchaa biyya Yihuda'aa akka te'ee fi mootichi Yihuda'aa Yo'aakin Baabilon keessatti mana hidha'aa keessaa akka baye himiisaan buufata.
Moototi, kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa Waaqaaf addatamummaa waan dhabaneef, badiin tun biyyatti dhutte. Badiis Yerusaalemiitii fi booji'amiis kolbaa hedduu Yihuda'aa jijjiirama guddaa dabarsii Israa'elootaa ti.
Kitaaba Moototaa ka lammeesso'oo keessatti raagichi beekkame ka addee Eliyaasii bu'e Elsaa'i.
Haadhoo Dubbi'ii
Mootummaa Qoqoodante1:1—17:41
Raagicha Elsaa'i1:1—8:15
Mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii8:16—17:4
Jinnana Samaariya'aa17:5-41
Mootummaa Yihuda'aa18:1—25:30
Hisqiyaas Irraa Jalqabee Haga Yosiyaasii18:1—21:26
Bulchiisa Yosiyaasii22:1—23:30
Mootota Yihuda'aa Ta Dhuma Irraa 23:31—24:20
Jinnana Yerusaalemii25:1-30
1
Raagicha Eliyaasii Fi Mooticha Ahaaziyaa
Mootichi Israa'elii Ahaab du'een duuba biyyi Mo'aabii Israa'el mormitee finqilte.
Yennaa san mootichi Israa'elii Ahaaziyaan, Samaariyaa keessatti kolloo mana mootummaa ifii ta gubba'aa irraa bu'ee miidhamee irkateeraayyu; maarre inni, «Ani dhibee tana irraa ka fayyu yoo te'e, Ba'aal Zebub waaqa qachaa Eqroonii Filisxeemotaa dhaqa'aatii naaf gaafadha'a!» jedhee namoota erge. Ergamaan Waaqaa ammoo, Eliyaasii Tishbeetichaan, «Ka'iitii namoota mootichi Samaariya'aa erge dhaggiisaaf ol bayiitii, ‹Waaqi Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf dhaxxanii?› jedhii gaafadhu. Tanaaf Mootiin Waan Maraa, ‹Ee Ahaaziyaa, ati dhugumaan hin duuta malee, taqee irra irkatte tana irraa hin kaatu!› jedha» jedhe.
Achiin duuba Eliyaas deeme. Namooti ergamane sun gara mootichaa yennaa deebi'ane, mootichi, «Maaf deebitanee dhuttane?» jedhee isaan gaafate.
Isaanille, «Nami tokko karaa irratti nu dhaggee, gara mooticha isin ergee deebi'a'aatii, Mootiin Waan Maraa, ‹Waaqi Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf, namoota ergitaa? Tanaaf dhugumaan hin duuta malee, taqee irra irkatte tana irraa hin kaatu!› jedheera» jedhanee deebisane.
Mootichille, «Nami karaa irratti isin dhaggitanee, tana isinitti dubbate nama attam jiru?» jedhee isaan gaafate.
Isaanille, «Namicha dabbasicha*Namicha dabbasicha: Afaan Ibrootaatiin namicha woyaa dabbasittii uffateeru jedhamuulle hin dande'a., hidha ifii teephaan hidhateeru» jedhanee deebisane. Mootichille, «Inniin sun, Eliyaasii Tishbeeticha!» jedhe.
Achiin duuba mootichi ajajaa shantamaa, loltoota shantama isaa woliin gara Eliyaasii erge; ajajaan shantamaa sun gara Eliyaasii qaccee koobaa irra tee'eeruu dhaqee, «Nama Waaqaa, mootichi, ‹Koy, gad bu'i› si'iin jedha» jedheen.
10 Eliyaasille, ajajaa shantamaa saniin, «Ani nama Waaqaa yoo te'e, ibiddi ol gubbaa irraa bu'ee, si'ii fi loltoota teeti shantama muxuqi godhuu ti!» jedheen; yoosuma ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee, ajajaa shantamaatii fi loltoota isaa shantama san muxuqi godhe.
11 Mootichi ammalle ajajaa shantamaa dhibii loltoota isaa shantama woliin erge; ajajaan shantamaa sun gara Eliyaasii dhaqee, «Nama Waaqaa! Mootichi, ‹Ammuma koy, gad bu'i› si'iin jedha» jedheen.
12 Eliyaasille deebisee, «Ani nama Waaqaa yoo te'e, ibiddi ol gubbaa irraa bu'ee, si'ii fi loltoota teeti shantama muxuqi godhuu ti!» jedheen; yoosuma ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee, ajajaa shantamaatii fi loltoota isaa shantama san muxuqi godhe.
13 Mootichi ammalle ajajaa shantamaa ka sadeesso'oo loltoota isaa shantama woliin erge; ajajaan shantamaa ka sadeesso'oo kun gara Eliyaasii ol bayee, isa duratti jilbiiffatee, «Nama Waaqaa! Maganne'ee, jiruu tiyyaa fi jiruu tajaajiltoota teeti shantama tanaa marari! 14 Kunoo, ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee ajajjoota shantamaa lamaa fi loltoota isaanii mara muxuqi godheera; amma ammoo jiruu tiyyaaf marari!» jedhee kadhate.
15 Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa Eliyaasiin, «Isa woliin gad bu'i; isa hin sodaatin» jedhe. Tanaaf, Eliyaas ka'ee ajajaa shantamaa san woliin gara mootichaa gad dhaqee, 16 mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Waaqi isin gaafattanu Israa'el keessa waan hin jirreef, Ba'aal Zebubii waaqa qachaa Eqroonii gaafatiisaaf, namoota ergitee? Tanaaf dhugumaan hin duuta malee, taqee irra irkatte tana irraa hin kaatu!› si'iin jedha» jedheen.
17 Maarre akkuma jecha Mootiin Waan Maraa karaa Eliyaasiitiin dubbate, mootichi Ahaaziyaan du'e; Ahaaziyaan ilma waan hin qanneef, obboleessi isaa Yehoraam addee isaatitti mootii te'e. Tunille ilmi Yoshaafaaxii Yehoraam Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti teete.
18 Wonni dhibiin ta mootichi Ahaaziyaan huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.

*1:8 Namicha dabbasicha: Afaan Ibrootaatiin namicha woyaa dabbasittii uffateeru jedhamuulle hin dande'a.