3
Lola Wodhakkaa Israa'eliitii Fi Mo'aabiititti Te'e
Yoshaafaax Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, ilmi Ahaabii Yehoraam Samaariyaa keessa tee'ee, Israa'el irratti woggaa kudhanii lama mootii te'e. Inni akka abbaa ifiitii fi haadha ifii hammeenna hujuu dhabaatulle, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujeera; te'uu malee soodduu woyyittii Ba'aalii ta abbaan isaa huje san diige. Ammoo inni cubbuu Yerobi'aamii ilma Nebaatii, ka Israa'eloota cubbuu hujisiise hordofe malee irraa hin deebine.
Mootiin Mo'aabii Meshaa'i hoolee horsiisaayyu; inni buruusoo hoole'ee kuma dhibba tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee ta rifeensi irraa hin ciramin*Korbeeyyii hoole'ee ta rifeensi irraa hin ciramin: Afaan Ibrootaatiin Rifeensi korbeeyyii hoole'ee kuma dhibba tokkoo jedhamuulle hin dande'a. kuma dhibba tokko mootii Israa'eliitiif kennaayyuHiikkaan Aramayikii: Woggaa wogga'aan kenna Ka jedhu dabalata.. Mootiin Israa'elii Ahaab du'een duuba ammoo, mootiin Mo'aabii Meshaa'i Israa'el irratti ka'e. Maarre yennuma san Yehoraam Samaariya'aa bayee, loltoota Israa'elii mara wolitti qabe. Mootii Yihuda'aa Yoshaafaaxille'etti ergee, «Mootiin Mo'aabii na irratti waan ka'eef, isa loliisaaf na woliin hin dhaxxaa?» jedhee gaafate.
Yoshaafaax deebisee, «Ani si woliin hin dhaqa; ani akkuma keeti; kolbaan tiyya teeti; fardoon tiyyalle teeti; ammoo karaa kamiin itti duulla?» jedhee gaafate.
Mootichi Yehoraamille, «Karaa lafa goomolee Edoomiitiin» jedhee deebise.
Maarre mootiin Israa'elii, mootii Yihuda'aatii fi mootii Edoomii woliin duulaaf bayee ideeme; guyyaa torba deemaneen duuba, loltootaa fi horii itti fe'atanee deemanu duraa bisaan dhumate. 10 Mootichi Israa'elii Yehoraam qoonqoo ol qabatee, «Aannee nu'uuf! Mootiin Waan Maraa nu mootota sadiin tana harka worra Mo'aabiititti dabarsee kennu'uufii?» jedhe.
11 Mootichi Yoshaafaax ammoo, «Raagichi Mootii Waan Maraa ka nuuti karaa isaatiin Mootii Waan Maraa gaafannu as hin jiruu?» jedhee gaafate.
Tajaajiltoota mootii Israa'elii keessaa tokko, «Ilmi Shaafaaxii Elsaa'i ka dur Eliyaas tajaajilaa ture as jira» jedhee deebise.
12 Mootichi Yoshaafaaxille, «Inni dhugumaan raagicha Mootii Waan Maraa ti» jedhe. Maarre mootiin Israa'elii, mootiin Yihuda'aa Yoshaafaaxii fi mootiin Edoomii gara Elsaa'ii dhaqane.
13 Elsaa'i, mooticha Israa'eliitiin, «Nu maan wol irraa qanna? Gara raagota abbaa keetiitii fi haadha teetii dhaqii gaafadhu» jedhe.
Mootichi Israa'elii deebisee, «Waawwo'o! Nu mootota sadiin tana harka worra Mo'aabiititti dabarsee kenniisaaf ka waame Mootii Waan Maraa ti» jedhe.
14 Elsaa'ille, «Dhugaa Mootii Waan Maraa jiraataa, Waaqa Waan Mara Dadee, ka ani tajaajiluu, ulfinna Yoshaafaaxii mooticha Yihuda'aatiif malee, ani ilaanuu si hin ilaaluuyyu yookiin si dhaggu'uuyyuu hin barbaadu. 15 Ammoo nama kiraara dhowu naa fida'a» jedhe.
Adoo namichi kiraara dhowiisatti jiruu, hunni Mootii Waan Maraa Elsaa'i irratti buutee, 16 Elsaa'ille, «Mootiin Waan Maraa, ‹Dhooqi tun boolla bisaaniitiin hin guutanti. 17 Qilleensa yookiin bokkeya hin dhaggitanu; te'uu malee dhooqi tun bisaaniin hin guutanti; isinii fi loon keessan, horiin keessan ka dhibiille hin untan› jedha. 18 Tun Mootii Waan Maraatiif kaso'o; inni worra Mo'aabiille harka keessanitti dabarsee hin kenna. 19 Isin qachaa isaanii ka dalleenni dhaka'aa itti ijaaramee fi qachaa isaanii dadansaa hin qabattan; muka isaanii dadansaa mara hin murtan; madda isaanii mara hin duuchitan; fichaa isaanii dadansaa mara dhaka'aan hin balleessitan» jedhe.
20 Boruyyaa ganama yennaa ciincaan ciinceffamutti bisaan karaa Edoomiitiin lola'iisa jalqabee latti bisaaniin guutante.
21 Mo'aaboti marti akka moototi sadiin sun isaan loliisaaf dhufane yennaa dhage'ane, nama meya lolaa hidhatuu dande'u mara dargaggeeyyi'ii fi jaarsolee wolitti waamanee, meessaa biyya sanii irratti eegane. 22 Barii ganama yennaa ka'anu, aduun baatee bisaan irratti calalaxxee, worra fagoo jiranutti bisaan akka dhiigaa diimatee itti mudhatte. 23 Achiin duuba isaan, «Kun dhiiga! Moototi sadiin sun wol lolanee wol qalaneeran; Mo'aabota, Ka'aa dhandhee boojinaa!» woliin jedhane.
24 Yennaa Mo'aaboti addee quttuma Israa'elii dhufanu, Israa'elooti ka'anee haga isaan baqatanutti isaan lolane; Israa'elooti lafa san timanee Mo'aabota fixane. 25 Qachoota isaanii balleessanee, fichaan dadansaan isaaniille haga dhaka'aan guutamutti nami marti dhakaa itti dadarbate; madda isaanii mara duuchanee, muka dadansaa isaanii mara muranee jijjissane. Qachaa Qir-Heresii qofatti dhakaa ifii woliin hafe; qachuma sanuu loltooti looyya'aanLooyyaa: Yaadannoo 1 Sam. 17:40 irratti kenname ilaali. marsitee lolte.
26 Mootichi Mo'aabii lolli akka itti jabaate yennaa dhagge, namoota shallaagaa hidhatane dhibba torba fudhatee, karaa mooticha Edoomiitiin cassee seeniisaaf wodhaane; ammoo isaan hin dandeenne. 27 Achiin duuba mootichi Mo'aabii ilma ifii angaficha, ka addee isaatitti mootii te'uuf male, dalleya dhaka'aa ka qacha'aa irratti ciincaa dhikeesse; Israa'elooti tana rifatanee, isa lakkisanee gara lafa ifii deebi'ane.

*3:4 Korbeeyyii hoole'ee ta rifeensi irraa hin ciramin: Afaan Ibrootaatiin Rifeensi korbeeyyii hoole'ee kuma dhibba tokkoo jedhamuulle hin dande'a.

3:4 Hiikkaan Aramayikii: Woggaa wogga'aan kenna Ka jedhu dabalata.

3:25 Looyyaa: Yaadannoo 1 Sam. 17:40 irratti kenname ilaali.