10
Sanyiin Ahaabii Ijjeefante
1 Ahaab qachaa Samaariya'aa keessatti ilmaan torbaatama qabaayyu; maarre Yehuun xalayaa barreessee gara qachaa Samaariya'aa, bulchitoota Yizre'liitiif, jaarsole'ee fi worra ijoollee Ahaabii guddisu duudi'iif erge; xalayaan sun, 2 «Ilmaan goottaa keessanii isin bira eega jiraatte, garreettaa fardaan harkifamu, fardoo, meya woraanaatii fi qachaa dalleya dhaka'aatiin marfame eega qabaattane, akkuma xalayaan kun isin geyeen, 3 ilmaan goottaa keessanii keessaa irra caalaa dansaa ka te'ee fi dandeettii ka qabu fila'aatii, addee abbaa isaatitti isa mootii godha'aatii, sanyii goottaa keessaniitiif lola'a!» ka jedhu.
4 Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Moototi lamaan ka dande'anee Yehuu ifi irraa hin dhooggatin, nuuti attam dandeennee isa ifi irraa dhoogganna ree?» jedhane. 5 Maarre itti gaafatamaan mana mootumma'aa, bulchaan qacha'aa, jaarsole'ee fi worri ijoollee guddisu, «Nuuti tajaajiltoota teeti; waan ati nuun jettu mara hin goona; nuuti eennulle mootii hin goonu; waan irra caalaa dansaa sitti fakkaate atinuu godhi» jedhanee ergaa Yehu'utti ergane.
6 Achiin duuba Yehuun, «Isin yoo golii tiyya teetanee, naaf ajajatane, mataa ilmaan goottaa keessanii mura'aatii boru yennaa tana Yizre'elitti gara kiyya fida'aatii kowa'a» jedhee xalayaa lammeesso'oo isaanii barreesse.
Yennaa san ilmaan mootichaa torbaatam, sooreyyii qachaa Samaariya'aa worra isaan guddisu bira jirtiiyyu. 7 Yennaa xalayaan isaan dhaqqabe, isaan ilmaan mootichaa torbaatama maraayyuu ijjeesanee, mataa isaanii saaxaraa keessa keyanee, Yizre'elitti gara Yehu'uu ergane.
8 Namichi ergame sun yennaa achi geye, «Isaan mataa ilmaan mootichaa fidaneeran» jedhee Yehu'utti hime. Achiin duuba Yehuun, «Seensuma karra qacha'aatitti addee lamatti tuula'aatii, haga boru ganamaatitti achuma turuu ti» jedhee ajaje. 9 Boruyyaa ganama Yehuun gara seensuma karra qachaa sanii gad bayee, kolbaa achi jirtu mara dura dhaabbatee, «Isin balleessaa hin qaddanu. Mooticha Yoraamitti mala dhowee ka ijjeese ana; worra kana mara ammoo ka ijjeese eennuu? 10 Mootiin Waan Maraa karaa raagicha ifii Eliyaasiitiin waan dubbate waan muummesseef, waan inni marroo sanyii Ahaabii dubbate keessaa takkaalle lafa akka hin buune beeka'a» jedhe. 11 Maarre Yehuun worra sanyii Ahaabii keessaa hafee Yizre'el keessa jiru mara, sooressitoota isaa mara, jaalota isaa maraa fi hayyoota isaa mara, nama tokkolle adoo hin hamburin fixe.
Firri Mooticha Ahaaziya'aa Ijjeefame
12 Yehuun Yizre'elii ka'ee gara qachaa Samaariya'aa adoo deemuu, addee quttuma tissitootaa*Addee quttuma tissitootaa: Afaan Ibrootaatiin Bet-Eqed jedhama. yennaa geye, 13 firoota Ahaaziyaa mooticha Yihuda'aa dhaggee, «Isin eennuu?» jedhee gaafate.
Isaanille, «Nuuti firoota Ahaaziya'aa ti; maatii mootichaatii fi maatii haadha mootichaa dubbisiisaaf gara Yizre'elii dhaqaarra» jedhane. 14 Yehuun, «Worra kana jiru'uunuu booji'a'a!» jedhee ajaje. Maarre isaan namoota afurtamii lama jiru'uunuu booji'anee boolla Bet-Eqedii biratti fixane; isaan keessaa nama tokkolle hin hamburre.
Worri Mana Mootummaa Ahaabii Keessatti Hafe Marti Ijjeefame
15 Yehuun achii ka'ee yennaa deeme, ilmi Rekaabii Yonaadaab isa dhaggiisaaf dhufuun, karaa irratti dhaggee, nageya fuudhee, «Akkuma gadhaan kiyya si'iif jiru gadhaan keeti naaf jiraa?» jedhee gaafate.
Yonaadaab deebisee, «Eeti'i» jedhe.
Yehuun deebisee, «Yoo akkas teete harka kiyya qabadhu» jedheen. Maarre inni harka isaa qabate; Yehuulle isa qarqaaree, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra isa yaassisee, 16 «Ana gula koyiitii hinaaffaa ani Mootii Waan Maraatiif qabu ilaal» jedhe. Maarre Yehuun garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra isa yaassisee deemane. 17 Yehuun qachaa Samaariya'aa yennaa geye, worra mana mootummaa Ahaabii keessatti hafe mara ijjeese; akkuma Mootiin Waan Maraa raagicha Eliyaasitti dubbate, inni isaan balleesse.
Worri Ba'aal Waaqonfatu Ijjeefame
18 Achiin duuba Yehuun kolbaa qachaa Samaariya'aa mara wolitti qabee, «Mootichi Ahaab waaqa Ba'aalii diqquma tajaajile; ani Yehuun ammoo isa caalaa hin tajaajila. 19 Tanaaf amma, raagota Ba'aalii mara, tajaajiltoota isaatii fi hayyoota isaa mara naaf waama'a. Ani ciincaa guddaa Ba'aaliif waan dhikeessuuf, nami tokkolle hin hafin! Nami hafe hin ijjeefama» jedhe. Yehuun ammoo tajaajiltoota Ba'aalii balleessiisaaf mala kana dhowe. 20 Tanaan duuba Yehuun, «Ulfinna Ba'aaliitiif yaa'ii lassa'a!» jedhee ajaje. Maarre isaan lassane. 21 Yehuulle lafa Israa'elii duudi'itti ergaa dabarse; tajaajiltooti Ba'aalii marti tokkolle adoo hin hafin wolitti qabamane; isaan gara galma Ba'aalii seenanee, qacce'ee haga qacce'eetitti guutane. 22 Achiin duuba Yehuun namicha mana woya'aa eeguun, «Tajaajiltoota Ba'aaliitiif woyaa gad baasiif» jedhe. Maarre inni woyaa isaaniif gad baase. 23 Achiin duuba Yehuun, ilma Yonaadaabii Rekaab woliin gara galma Ba'aalii seenee, tajaajiltoota Ba'aaliitiin, «Tajaajiltoota Ba'aalii malee, tajaajiltooti Mootii Waan Maraa isin woliin as akka hin jirre hubadha'aatii ilaala'a» jedhe. 24 Maarre Yehu'uu fi Yonaadaab ciinca'aa fi kennansa gubamu dhibiille Ba'aaliif dhikeessiisaaf gara keessaa seenane; yennaa san Yehuun namoota saddeettama galmaan alatti dhaabbachiisee, «Isin keessaa, namoota ani isinitti kennu keessaa nami tokkolle akka miliqu ka godhe, inni addee nama miliqe sanii hin ijjeefama!» jedhee isaan ifi eeggachiise.
25 Yehuun akkuma kennansa gubamu dhikeessee hobbaaseen, eeddotaa fi qondaaltota loltootaatiin, «Seena'aatii isaan ijjeesa'a! Nami tokkolle hin miliqin!» jedhee ajaje. Maarre isaan shallaaga'aan isaan ijjeesane; eeddotii fi qondaaltoti loltootaa reeffa isaanii mara alatti baasanee gatane. Achiin duuba isaan gara kolloo galma Ba'aalii ta gara keessaa dhaqanee, 26 soodduu woyyittii galma Ba'aalii keessaa gad baasanee gubane. 27 Maarre isaan soodduu woyyittii Ba'aalii caccassanee, galma Ba'aaliille diiganee, haga adhaa mana faalowaa godhatane.
28 Akka kanaan Yehuun waaqonfatiisa Ba'aalii Israa'el keessaa balleesse. 29 Te'uu malee, inni cubbuu Yerobi'aamiin ilmi Nebaatii, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante, ta Israa'elooti Bet'elii fi Daan keessatti akka waaqonfattu godhe san irraa hin deebine. 30 Mootiin Waan Maraa, Yehu'uun, «Ati na duratti waan dansaa gootee, waan ani yaade mara, sanyii Ahaabii irratti waan gooteef, sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhe. 31 Yehuun ammoo seera Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gadhaa tokkochaan hin eeganne; inni cubbuu Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine.
Du'a Yehu'uu
32 Bara san Mootiin Waan Maraa lafa Israa'elii dhiphisuu jalqabe. Mootichi Sooriya'aa Hazaa'el lafa Israa'elii, 33 laga Yordaanosii irraa gara baya adu'uu lafa Giil'aadii mara, Baashaan lafa gosi Gaadii, gosi Ruubeniitii fi gosi Minaase'ee keessa le'anu, haga qachaa Aro'erii ka laga Aarnonii qabate.
34 Wonni dhibiin ta Yehuun huje duudi'ii fi jannummaan isaa kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 35 Yehuun du'ee, qachaa Samaariya'a keessatti awwaalame; ilmi isaa Yeho'ahaaz addee isaatitti mootii te'e. 36 Yehuun Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa diddamii saddeeti Israa'el irratti mootii te'e.