18
Mootii Yihuda'aa Hisqiyaas
(2 Dab. 29:1-2; 31:1)
Ilmi Ela'aa Hose'a Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, ilmi Ahaazii Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'e. Hisqiyaas mootii yennaa te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Abiiya'a; isiin intala Zakaariyaasii ti. Inni akkuma abbaan isaa Daawiti huje, Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. Inni addee waaqonfanna'aa diigee, soodduu woyyittii caccassee, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu muree jisse; Israa'elooti haga bara saniititti fakkii bofaa ta Muuseen sageettuu irraa huje saniif hixaana waan aarsaneef, Hisqiyaas fakkii bofaa ta «Nehushtaan» jedhantu sanille caccasse. Hisqiyaas Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliititti addate; mootota Yihuda'aa keessaa, isaan dura yookiin isaan duuballe ta akka isaa hin jirtu. Inni Mootii Waan Maraatiif addatamaa waan te'eef, isa hordofiisa irraa hin deebinne; ajaja Mootiin Waan Maraa Muuse'eef kennelle eegate. Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiruuf, wonni huju marti isaaf teete; inni mootii Asoorii irratti finqila kaasee, isa tajaajiluu lakkise. Hisqiyaas haga Gaaza'aatii fi lafa adaala isi'iititti, olloota didiqqaa ka xelleephoo fichaa eegatanu qabuutii kaasee, haga qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabuutitti Filisxeemota injifate.
Hisqiyaas mootii te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'a mootii Israa'elii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, mootiin Asoorii Shalmaaneser qachaa Samaariya'aatitti duulee marsee, 10 dhuma woggaa sadeesso'ootitti qabate; Hisqiyaas mootii te'ee woggaa jayeesso'ootitti, Hose'a mootii Israa'elii te'ee woggaa Sagaleesso'ootitti, Samaariyaan qabante. 11 Mootiin Asoorii Israa'eloota booji'ee gara Asoorii geessee Haalaa keessa, Gozaan keessatti laga Haaborii biraa fi qachoota Miidiyaanii keessa qubachiise.
12 Israa'elooti Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif ajajamiisa didanee, gondooroo inni isaan woliin gondooree fi seera tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen isaan ajaje mara waan diiganeef tun teete; isaan ajaja hin dhageenne yookiin hin ajajanne.
Mootii Asoorii Senaaheriib
13 Hisqiyaasii mootii te'ee woggaa kudhanii arfeesso'ootitti, mootiin Asoorii Senaaheriib biyya Yihuda'aatitti duulee, qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara lolee qabate. 14 Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas gara mootii Asoorii ka qachaa Laakiishii keessa jirutti namoota ergee, «Ani yakkaa hujeera; waan ati na gaafattu mara ani si'iif hin kaffala, maganne'e lola ana irraa dhaabi» jedhe. Mootiin Asoorii meetii kiiloogiraamii kuma kudhanii*Meetii kiiloogiraamii kuma kudhanii: Afaan Ibrootaatiin meetii Taalentii dhibba sadii Jedha. fi worqii kiiloogiraamii kuma tokkoWorqii kiiloogiraamii kuma tokko: Afaan Ibrootaatiin worqii Taalentii soddoma Jedha. gaafate. 15 Maarre Hisqiyaas meetii Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessatti dhaggantu mara isaaf kenne. 16 Yennaa san Hisqiyaas worqii balbalaa fi mikikkila Galma Mootii Waan Maraatitti gonfeeru san, mootii Asooriitiif kenne. 17 Mootiin Asoorii ajajaa ajajjoota loltootaa, ajajaa hojjatoota mana mootumma'aatii fi ajajaa loltootaa, loltoota hedduu woliin qachaa Laakiishii irraa, gara Hisqiyaasii mooticha Yerusaalem keessa jirutti erge. Isaan Yerusaalem yennaa dhufane, bowii bisaan keessa yaa'u ka baleessa gatiitti'ii, ka karaa gara diida namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbatane. 18 Isaan yennaa Hisqiyaas mootichatti erganee isa waansisane, itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi barreessaan dabarsi'ii ilmi Asaafii Yo'aan gara isaanii gad bayane. 19 Ajajaan loltootaa Hisqiyaasitti isaan ergee, «Mootiin Asoorii guddaan: Ati maan addattee bidhaa malee teetta? 20 Ati ‹Mala lolaatii fi hunna loltootaa qaba› jetta; ammoo afaan qofa. Ati eennu addattee na irratti kaate? 21 Biyya Gibxi'ii ta akka shonbooqqoo caccaddee ta yennaa qabatanu harka namaa woraantee madeessituu addattaa? Mootiin Gibxi'ii nama isatti addatu maraaf akkasuma» jedhe.
22 Itti dabalee, «Isin, ‹Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti addanna› anaan yoo jettane, Hisqiyaas, worra Yihuda'aatii fi Yerusaalemiitiin, ‹Yerusaalem keessatti addee ciinca'aa tana duratti waaqonfatiisa qaddan› yennaa jedhee, addee waaqonfanna'aatii fi addeen ciinca'aa ta inni balleesse, ta Mootii Waan Maraatii motii ree? 23 Amma koyiitii goottaa kiyya mootii Asoorii woliin wol morki; namoota farda irra tee'anee loluu dande'anu abbootii fardaa yoo qabaatte, ani fardoo kuma lama si'iif hin kenna. 24 Ati garreettaa fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ka worra Gibxi'iititti addattulle, tajaajiltoota goottaa kiyyaa keessaa ka guddoo diqqa'aatuu ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu. 25 Ani biyya tana fedha Mootii Waan Maraatiin ala lolee balleessiisaaf dhufe seetaa? Mootii Waan Maraatittuu, ‹Biyya tanatti duuliitii balleessi› anaan jedhe» jedhe.
26 Achiin duuba ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, Shebnaa fi Yo'aan, ajajaa loltootaatiin, «Kolbaan dalleya dhaka'aa irra jirtu hin dhageettii, afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin; nuuti waan beennuuf, afaan worra Aaramiitiin nu tajaajiltoota teetitti dubbadhu» jedhane.
27 Inni deebisee, «Goottaan kiyya dubbii tana goottaa keessanii fi isin qofatti akka dubbadhuuf na erge isinitti fakkaataa? Namoota dalleya dhaka'aa irra jiranu, worra akkuma keessan udaan ifii nyaatu'uu fi fincaan ifii unu'uu jiruuf, akka dubbadhuuf na ergee motii ree?» jedhe.
28 Achiin duuba ajajaan loltootaa sun dhaabbatee, qoonqoo ol qabatee afaan Ibrootaatiin, «Dubbii mootii guddaa Asoorii dhage'a'a! 29 Mootichi, ‹Hisqiyaas harka kiyyaa isin baasuu waan hin dandeenneef, inni isin hin sobin› jedha. 30 Hisqiyaas, ‹Mootiin Waan Maraa dhugumaan nu hin baasa; qachaan kunille harka mootii Asooriititti dabarfamee hin kennamu› jedhee Mootii Waan Maraatitti akka addattanu isin hin godhin. 31 Waan Hisqiyaas jedhu hin dhage'ina'a. Mootiin Asoorii: Na woliin araarama'aatii, gara kiyya kowa'a; achiin duuba tokko tokkoon keessan midhaan woyni'ii keessanii fi midhaan harru'uu keessan hin nyaattan; boolla bisaan keessanii keessaa bisaan hin untan. 32 Tun haga ani dhufee lafa ta akka lafa teessanii fakkaattu, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii, lafa daabbo'ootii fi lafa muka woyni'ii, lafa zayitii ejersaatii fi lafa dammaatitti isin geessutti teeti. Maarre isin du'a adoo hin te'in jiruu filadha'a; Hisqiyaas: Mootiin Waan Maraa nu hin baasa jedhiisaan yennaa isin dokonkorsu isa hin caqasina'a. 33 Waaqota gosa biyya adda addaa keessaa, lafa ifii harka mootii Asoorii jalaa ka baase jiraa ree? 34 Waaqoti Haama'aatii fi Arphaadii eessa jiran ree? Waaqoti Sefarwaayimii, waaqoti Hena'aatii fi Iiwaa eessa jiran ree? Isaan qachaa Samaariya'aa harka kiyyaa baasaneeranii ree? 35 Waaqota biyyoota tanaa mara keessaa, lafa ifii harka kiyyaa ka baasuu dande'e kam ree? Eegasuu Mootiin Waan Maraa attam Yerusaalem harka kiyyaa baasuu dande'a ree?» jedhe.
36 Mootichi Hisqiyaas, «Deebii isaaf hin kennina'a» jedhee waan isaan ajajeeruuf, kolbaan cadhitte; waan tokkolle hin deebinne. 37 Achiin duuba itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi itti gaafatamaan galmee mana mootumma'aa ilmi Asaafii Yo'aan gaddanee woyaa ifii tarsaasane; gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, waan ajajaan loltoota Asoorii dubbate isatti himane.

*18:14 Meetii kiiloogiraamii kuma kudhanii: Afaan Ibrootaatiin meetii Taalentii dhibba sadii Jedha.

18:14 Worqii kiiloogiraamii kuma tokko: Afaan Ibrootaatiin worqii Taalentii soddoma Jedha.