20
Hisqiyaas Dhibamee Fayye
(Isa. 38:1-8,21-22; 2 Dab. 32:24-26)
1 Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen.
2 Hisqiyaas fuula ifii gara dhaaba manaa*Dhaaba manaa: Lafa tokko tokkotti gimoo manaa jedhama. garagalee Mootii Waan Maraa daadimatee, 3 «Ee Mootii Waan Maraa, ani addatamumma'aa fi gadhaa tokkochaan si tajaajilee, yennaa mara waan si duratti dansaa te'e akka huje qaabadhu» jedhee laaleffatee bowe.
4 Isaayaas achii gad bayee, badhinna mana mootumma'aa ka wodhakka'aa adoo hin dabarin jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee, 5 «Deebi'iitii Hisqiyaasii kolbaa tiyya sooressuun, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage'eera; imimmaan teetille dhaggeera. Ani si hin fayyisa; guyyaa sadeesso'oo gara Galma Mootii Waan Maraa ol hin baata; 6 bara jiruu teetii irratti woggaa kudhanii shan hin ede'a; si'ii fi qachaa kanalle harka mootii Asoorii jalaa hin baasa; ani ulfinna kiyyaa fi waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee, qachaa kana hin eega› jedhiin» jedhe.
7 Achiin duuba Isaayaas tajaajiltoota mootichaatiin, «Midhaan harru'uu irraa xaltaa huja'aatii fida'aa iita isaa irra keya'aaf» jedhe; isaanille akkuma ajajamane godhane; Hisqiyaasille fayye. 8 Mootichi Hisqiyaas, «Mootiin Waan Maraa akka na fayyisuu fi guyyaa sadeesso'oo akka gara galma Mootii Waan Maraa ol bayu beessisi maan?» jedhee, Isaayaas gaafate.
9 Isaayaas deebisee, «Gaaddis yaabbannoo kudhan gara duraa deemuu ti moo yaabbannoo kudhan gara duubaa deebi'uu ti? Mootiin Waan Maraa waadaa gale ka muummessu akka te'e, beessisi inni si'iif kennu kana» jedhe.
10 Hisqiyaasille, «Gaaddis yaabbannoo kudhan gara duraa deemiisi kasoo waan te'eef, yaabbannoo kudhan gara duubaa deebi'uu ti» jedhe.
11 Achiin duuba Isaayaasiin raagichi gara Mootii Waan Maraa daadimate; Mootiin Waan Maraalle yaabbannoo Akaaz huje irra, yaabbannoo kudhan gaaddis gara duubaa akka deebi'u godhe.
Ergantoota Baabilon Irraa Dhufane
(Isa. 39:1-8)
12 Yennaa san mootiin Baabilonii ilmi Baladaanii Merodaak-Baladaan, Hisqiyaas dhibamee akka fayye dhage'ee, xalaya'aa fi kennansa isaaf erge. 13 Hisqiyaas ergantoota san gammadaan fudhatee, karra mana karri mootumma'aa keessatti kuufame keessa jirtu mara meetii, worqii, uddowaa adda addaa, fiqiree gatii guddo'oo, mana meya woraanaa ka karra mana mootumma'aatii fi karra mootummaa isaa keessatti dhaggantu mara tokkolle adoo hin hamburin isaanitti mudhise. 14 Achiin duuba raagichi Isaayaas gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqee, «Worri kun maan si'iin jedhane? Isaan eessaa dhufane?» jedhee gaafate.
Hisqiyaas deebisee, «Isaan biyya fago'oo Baabilon irraa dhufane» jedhe.
15 Maarre Isaayaas, «Isaan mana mootumma'aa keeti keessatti maan dhaggane?» jedheen.
Hisqiyaas deebisee, «Isaan waan mana mootumma'aa kiyya keessaa mara dhagganeeran; karra tiyya keessaa wonni ani isaanitti hin mudhisin tokkolle hin jiru» jedhe.
16 Achiin duuba Isaayaas mootichaan, «Jecha Mootii Waan Maraa dhage'i! 17 Mootiin Waan Maraa, ‹Karri mana mootummaa teeti keessaatii fi karri abbootiin teeti ta durii haga adhaa wolitti qabatte marti gara biyya Baabilonii guyyaan fudhatamanu hin dhufa; wonni tokkolle si'iif hin hafu. 18 Ilmaan teeti ta uumattu keessaa gariin fudhatamanee, mana mootummaa mootii Baabilonii keessatti guneessota te'anee hin tajaajilan› jedha» jedhe.
19 Achiin duuba Mootichi Hisqiyaas, «Haga ani jiru nageennii fi gabbiin hin te'a» jedhee waan yaadateef, Isaayaasiin «Jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dansa'a» jedhe.
Du'a Hisqiyaasii
(2 Dab. 32:32-33)
20 Wonni dhibiin ta mootichi Hisqiyaas huje marti, hujiin jannummaa isaa, baleessa bisaanii attam akka baasee fi karaa bisaan lola'u baqassee gara qacha'aa attam akka fide, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 21 Hisqiyaas du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Minaaseen mootii te'e.