22
Mootii Yihuda'aa Yosiyaas
(2 Dab. 34:1-2)
1 Yosiyaas yennaa mootii te'e nama woggaa saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa soddomii tokko bulche. Maqaan Haadha isaa Yidiida'a; isiin intala Adaayaa nama qachaa Bozqaa ti. 2 Yosiyaas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; inni karaa abbaa ifii Daawitii mara hordofee, middaa fi bitaa irraa hin gorre.
Kitaab Seeraa Dhaggame
(2 Dab. 34:8-25)
3 Yosiyaas mootii te'ee, woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, barreessaa mana mootumma'aa akaakoo Meshulaamii ilma Azaaliya'aa Shaafaan gara Galma Mootii Waan Maraa ergee, 4 «Gara Hilqiiyaa hayyicha gudda'aa dhaqiitii, ‹Beesee eeddoti karra Galma Mootii Waan Maraa, kolbaa irraa guurtee, gara Galma Mootii Waan Maraa fidde akka inni laakkowu godhi. 5 Eeddoti sun beesee san itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennanuu ti; isaanille worra Galma Mootii Waan Maraa haaressuuf, 6 worra muka bocuuf, worra dhaka'aan ijaaruu fi worra dhakaa bocuuf kaffalanuu ti; akkasuma Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf mukaa fi dhakaa bocame ittiin bitanuu ti. 7 Isaan ka addatamane waan te'aneef, beesee isaanitti kennante hin qorqorina'a› jedhiitii itti himi» jedhe.
8 Hayyichi guddaan Hilqiiyaan, barreessaa mana mootumma'aa Shaafaaniin, «Kitaaba Seeraa Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggeera» jedhee, kitaaba san Shaafaanitti kenne; Shaafaanille irraa fuudhee dubbise. 9 Achiin duuba barreessaan Shaafaan gara mootichaa dhaqee, «Tajaajiltooti teeti beesee Galma Mootii Waan Maraa keessa jirtu fuutee, itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kenniteerti» jedhee itti hime. 10 Achiin duuba barreessaan Shaafaan mootichaan, «Hayyichi Hilqiiyaan kitaaba tokko natti kenneera» jedhee, qoonqoo ifii ol qabatee kitaaba san mootichaaf dubbise.
11 Mootichi dubbii kitaaba seeraa keessaa dubbifante yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase. 12 Achiin duuba mootichi hayyicha Hilqiiyaa, ilma Shaafaanii Ahiiqaam, ilma Miikaaya'aa Akbor, barreessaa Shaafaanii fi tajaajilaa mootichaa Asaayaa ajajee, 13 «Abbootiin teenna ta durii jecha kitaaba kana keessaatiif waan hin ajajaminiif, waan achi keessatti nu'uuf barreeffame mara waan hin hujiniif, Mootiin Waan Maraa guddoo nutti aareera; marroo jecha kitaaba dhaggame kanaa anaaf, kolba'aaf, kolbaa Yihuda'aa maraafille jedha'aatii Mootii Waan Maraa gaafadha'a» jedhe.
14 Maarre Hayyichi Hilqiiyaan, Ahiiqaam, Akbor, Shaafaanii fi Asaayaan gara Huldaa raagitti'ii gaafatiisa dhaqane; isiin haadha manaa Shaalumii ilma Tiiqiwa'aa akaakoo Harhaasii ka uffana eeguu ti; isiin kutaa qachaa Yerusaalemii haareya keessa leeti. 15 Isiin isaaniin, «Dhaqa'aatii waan Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii jedhu namicha isin gara kiyya ergetti hima'a. 16 Mootiin Waan Maraa, ‹Ani balaa kitaaba mootiin Yihuda'aa dubbise keessatti barreeffame mara addee tanaa*Addee tana: Addeen tun qachaa Yerusaalemii ti. fi kolbaa addee tanaa irratti hin fida. 17 Isaan na lakkisanee waaqota dhibi'iif hixaana aarsanee, waaqota dharaa ka harki isaanii hujeen akka ani aaru waan godhaneef, aariin tiyya addee tana irratti hin bobeetti; hin dhaantulle'e› jedhe. 18 Mootii Yihuda'aa akka isin Mootii Waan Maraa gaafattanuuf ka isin ergeen ammoo, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ‹Dubbii dhageette saniif, 19 biyyi tunii fi kolbaan biyya tanaa akka badduu fi akka abaarantu ta ani dubbadhe yennaa dhageette, gadhaan keeti tuqamee Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qaddee, gadditee woyaa teeti tarsaattee, na duratti waan bootteef, anille si'iif dhage'eera. 20 Tanaaf balaa ani addee tana irratti fidu mara adoo hin dhaggin, akka addee dhuga'aatitti galtu si hin godha; nageyaan hin awwaalanta› jedheera» jette.
Maarre isaan deebi'anee ergaa tana mooticha Yosiyaasitti himane.