25
Jinnana Yerusaalemii
(2 Dab. 36:13-21; Erm. 52:3-11)
1 Zedeqiiyaan mootii Baabilonii irratti ka'e; tanaaf, bara Zedeqiiyaan bulche keessa woggaa sagaleesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, loltoota ifii mara fudhatee Yerusaalemitti duule. Inni qacha'aan duuba dunkaanii dhaabatee, adaala qacha'aa marsanee yaabbannoo itti ijaarane. 2 Zedeqiiyaan mootii te'ee, haga woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, qachaan sun akkuma marfametti ture. 3 Wogguma san keessa ji'a arfeesso'oo, guyyaa sagaleesso'ootitti, beelti waan hammaatteef kolbaan sagalee nyaattu dhadde. 4 Achiin duuba dalleenni qacha'aa cabe; loltooti Baabilonii qachaa marsanulle, loltooti mootii biyya Yihuda'aa halkaniin karra dalleya dhaka'aa lama odduu jirtu, ta oorruu mootichaa biraatiin miliqanee bayane. Isaan gara dhooqa Yordaanosii baqatane. 5 Loltooti Baabilonii ammoo, Zedeqiiyaa mooticha ariitee, diida Yeriko'oo keessatti isa dhaqqadde; loltooti isaa marti isa lakkittee baqatte. 6 Loltooti Baabilonii Zedeqiiyaa qaddee, gara Nebukadnezaarii qachaa Riiblaa keessa jiruutitti geessite; inni achitti isatti mure. 7 Isaan ilmaan Zedeqiiya'aa, isuma duratti ijjeesane; achiin duuba ila isaa lamaanuu keessaa baasanee, wodaroo sageettu'uutiin hidhanee gara Baabilonii geessane.
Jinnana Galma Mootii Waan Maraa
(Erm. 52:12-23)
8 Nebukadnezaar mootii Baabilonii te'ee woggaa kudhanii sagaleesso'ootitti, ji'a shaneesso'oo, guyyaa torbeesso'ootitti, ajajaan loltoota mooticha eeganuu tajaajilaan mootii Baabilonii Nebuzaraadaan, gara qachaa Yerusaalemii dhufe. 9 Inni Galma Mootii Waan Maraa, mana mootumma'aa, mana Yerusaalem keessaa mara gube; mana gugurdaa mara gubee balleesse. 10 Loltooti Baabilonii ta ajajaa loltoota mooticha eeganuun sooreffamanu, dalleya dhaka'aa ka qachaa Yerusaalemiititti marfameeru diigane. 11 Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, namoota qachaa keessatti hafane, worra mootii Baabiloniititti harka kennatanee fi kolbaa taan woliin booji'ee, gara Baabilonii geesse. 12 Worra hiyyeeyyii ijjumaa wo hin qanne garii ammoo, muka woyni'ii akka dhaabanuu fi fichaa akka qotanu lafa Yihuda'aa keessatti lakkisee deeme.
13 Worri Baabilonii utuboota sageettuu irraa hujamane, waan meya irra keyanu ka korboo qabanuu fi waabaa bisaanii ka sageettuu irraa hujamane, ka Galma Mootii Waan Maraa keessa jiranu caccassanee, sageettuu san gara biyya Baabilonii geessane. 14 Akkasuma isaan okkotee sageettu'uu, akkaafaa sageettu'uu, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu ka sageettu'uu, girgiraa sageettu'uu, meya sageettuu irraa hujame ka Galma Waaqaa keessatti ittiin tajaajilanu mara, fudhatanee deemane. 15 Ajajaan loltoota mooticha eedduu, waan ibidda irratti bobeessanuu fi qorii, waan worqi'ii fi meetii irraa hujame mara fudhatee deeme. 16 Madaalliin utuboota lamaa ka sageettu'uu, waabaa bisaanii ka sageettu'uu, waan meya irra keyanu ka sageettu'uu ka korboo qabanuu, ka mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif hujee hagana hin jedhamu. 17 Hojjaan utubaa tokkoo ciqilee kudhanii saddeeti; hojjaan guutuu utuba'aa ciqilee sad; marsa guutuu utuba'aa irratti seesa caccoo sageettu'uutii fi sageettuu midhaan muka rumaanii fakkaatuun seefameera. Utubaan lammeesso'oolle akkasuma seefamee hujameera.
Kolbaan Yihuda'aa Gara Baabilonii Booji'ante
(Erm. 52:24-27)
18 Ajajaan loltoota mooticha eedduu Nebuzaraadaan, Seraayaa hayyicha sooressa, hayyicha itti aanaa Sefaaniya'aatii fi eeddota karraa sadiin booji'e. 19 Qachaa keessatti worra hafane keessaa ajajaa loltootaa, gorsitoota mootichaa shanan, barreessaa ajajaa loltootaa ka kolbaa lafa sanii duulaaf filuu fi namoota dhibii ka qachaa san keessatti dhaggamanu jaatama fuudhee deeme. 20 Ajajaan loltootaa Nebuzaraadaan, isaan mara gara mootii Baabilonii ka qachaa Riiblaa keessa jiruu geesse. 21 Mootiin Baabilonii lafa Haamaatii Riiblaa keessatti isaan ijjeesise.
Maarre kolbaan Yihuda'aa lafa ifii irraa booji'amane deemane.
Gedaaliyaan Bulchaa Yihuda'aa Te'e
(Erm. 40:7-9; 41:1-3)
22 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, kolbaa biyya Yihuda'aa keessatti lakkise irratti akaakoo Shaafaanii, ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa bulchaa godhe. 23 Ajajjooti loltoota biyya Yihuda'aa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilmi Qaareha'aa Yohaanaan, ilmi Tanhumetii nama qachaa Netofa'aa Seraayaan, ilmi namicha Ma'akichaa Ya'azaaniyaanii fi loltooti isaanii martinuu, mootiin Baabilonii akka Gedaaliyaa bulchaa godhe yennaa dhage'ane, gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufane. 24 Gedaaliyaan isaaniin, «Qondaaltota Baabilonii hin sodaatina'a; lafuma tana keessa le'a'a; mootii Baabilonii tajaajila'a; wonni marti isiniif hin teeti» jedhee isaaniif kakate.
25 Wogguma san keessa ji'a torbeesso'ootitti ammoo, sanyii moototaa ka te'e akaakoon Eliishaama'aa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin Miisphaa dhaqee, Gedaaliyaa, namootaa Yihuda'aatii fi worra Baabilonii ka isa woliin jiranu lolanee ijjeesane. 26 Achiin duuba kolbaan marti worra Baabilonii waan sodaatteef, diqqa'aa haga gudda'aatitti, ajajjoota loltootaa woliin ka'anee, gara biyya Gibxi'ii baqatane.
Yehoyaakiin Hidha'aa Hiikame
27 Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo, ji'a kudhanii lammeesso'oo, guyyaa diddamii torbeesso'ootitti, Ewiil-Marodaak Baabilonitti mootii te'ee, woggaa tokkeesso'ootitti Yehoyaakiin hidha'aa hiike. 28 Ewiil-Marodaak gadhi-laafinnaan Yehoyaakiin dubbisee, mootota dhibii ta isa woliin Baabilonii keessa jirtu caalaa ulfinna guddaa kenneef. 29 Maarre yennaa sanii jalqabee Yehoyaakiin woyaa ifii ta mana hidha'aa jijjiiratee, haga jiruu ifii qorii mootichaa keessaa nyaate. 30 Haga jiruu isaa, guyyuma guyya'aan waan isaaf kennamu'uuf barbaachisu mootichi qooda isaaf baase.