2
Daawiti Mootii Yihuda'aa Te'e
Kanaan duuba Daawiti, «Qachoota Yihuda'aa keessaa gara qachaa tokkoo ol bayuu?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate.
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Eeti'i ol bayi» jedhe.
Daawitille, «Gara qachaa kamii deema?» jedhee gaafate.
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Gara qachaa Kebroonii deemi» jedhe. Maarre Daawiti niitota ifii lama Ahiino'aamii intala nama qachaa Yizre'eliitii fi Abigaayii ka Naabaal nami biyya Qarmelosii irraa du'e woliin gara qachaa Kebroonii ol baye. Daawiti namoota isa woliin jiranu maatii isaanii woliin fuudhee deemee, isaanille qachaa Kebroonii keessa le'ane. Achiin duuba namooti Yihuda'aa gara Kebroonii dhufanee, achitti Daawiti sanyii Yihuda'aa irratti mootii akka te'u muudane.
Worri Saa'ol awwaalle namoota qachaa Yaabesh-Giil'aadii akka te'ane Daawititti yennaa himane, Daawiti namoota qachaa Yaabesh-Giil'aadiititti namoota ergee, «Goottaa keessan Saa'ol awwaaliisaan arjummaa waan mudhittaneef, Mootiin Waan Maraa isin eebbisu; Ammalle Mootiin Waan Maraa jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa ifii isinitti mudhisu! Isin tana waan gootaneef, anille akkasuma waan dansaa isiniif hin godha. Goottaan keessan Saa'ol waan du'eef, sanyiin Yihuda'aa na muuddee mootii ifii na godhatteerti; tanaaf jabaadha'a! Jajjabaadha'a!» jedhe.
Lola Mootummaa Daawitiitii fi Mootummaa Saa'olii Wodhakka'atti Te'e
Yennuma san ajajaan loltoota Saa'olii ilmi Neerii Abneer ilma Saa'olii Ish-Bosheet gara Mahanaayimii geessee, lafa Giil'aadii, lafa Asheerii, lafa Yizre'elii, lafa Efreemiitii fi lafa Beniyaaminii irratti, Israa'el mara irralle'etti isa mootii godhe. 10 Ilmi Saa'olii Ish-Bosheet Israa'el irratti yennaa mootii te'e nama woggaa afurtamaa ti; inni woggaa lama bulche.
Kolbaan Yihuda'aa ammoo Daawiti hordofane. 11 Daawiti qachaa Kebroon keessa tee'ee, woggaa torbaa fi ji'a jaa Yihudaa bulche.
12 Ilmi Neerii Abneer tajaajiltoota Ish-Bosheetii ilma Saa'olii woliin Mahanaayimii ka'anee, gara qachaa Giibe'onii dhaqane. 13 Yo'aab ilmi Zeruyaan deettee fi namooti Daawitii bayanee baleessa Giibe'onii biratti isaan woliin wolde'ane. Gareen Daawitii baleessa irraa as garanaan, gareen Ish-Bosheetii baleessa irraa gara kaaniin tee'ane. 14 Achiin duuba Abneer Yo'aabiin, «Dargaggooti teennaa fi teessan ka'anee nu duratti wol lolanuu ti» jedhe;
Yo'aabille, «Dansa'a! Wol lolanuu ti» jedhee deebise.
15 Maarre, dargaggooti kudhanii lama gosa Beniyaaminii keessaa ilma Saa'olii Ish-Bosheetiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane; dargaggooti kudha lama Daawitiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane. 16 Achiin duuba nami tokko tokkooyyuu mataa diina ifii qabee shallaaga'aan cinaacha hordee woraanee wol qabatanee jigane; tanaaf addeen sun Giibe'on keessatti, «Helkaat-haazuriim*Helkaat-haazuriim: Afaan Ibrootaatiin Dirree shallaaga'aa jechu'u.» jedhante.
17 Lolli guyyaa sanii guddoo jabaatee, Abneerii fi namooti Israa'elii namoota Daawitiitiin injifatamane. 18 Ilmaan sadiin ta Zeruyaan deette Yo'aab, Abiishaayii fi Asaahel achi jiraniiyyu; Asaahel akka buddanne'ee nama ariiti'iin fiigu. 19 Inni gara middaa yookiin gara bita'aa adoo hin gorin Abneer ari'e. 20 Abneer ifi duuba ilaalee, «Ati Asaahelii?» jedhee isa gaafate;
Asaahelille, «Eeti'i, anuma» jedhee deebise. 21 Achiin duuba Abneer isaan, «Gara middaa yookiin gara bita'aa goriitii, dargaggoota keessaa tokko qabiitii meya woraanaa ka isaa irraa fudhadhu!» jedhe; Asaahel ammoo isa ari'iisa hin lakkinne. 22 Abneer ammalle Asaaheliin, «Na ari'iisa lakkis! Ani maaf si ijjeesa? Fuula obboleessa keeti Yo'aabii attam te'ee ilaala?» jedhe. 23 Asaahel ammoo isa ari'iisa lakkisuu didate; maarre Abneer qaccee eboo ifiitiin gadhaa isaa woraanee, eboon duuddaan fullaatee baate. Asaahelille achumatti jigee du'e; nami marti addee Asaahel jigee du'e san yennaa geye achuma dhaabbate.
24 Yo'aabii fi Abiishaayi ammoo Abneer ari'ane; isaan adoo isa ari'anuu karaa gara goomolee Giibe'on geessu gara kooba Amaa ka Giiyaa biraa yennaa geyane aduun seente. 25 Achiin duuba namooti Beniyaaminii wolitti qabamanee Abneer bira dhufane; isaan garee tokko te'anee qaccee gaaraa irratti addee qabatane. 26 Abneer Yo'aab waamee, «Haga bara baraa shallaaga'aan wol lollaa ree? Dubbiin tun wol fixiisatti akka nu geessitu ati hin hubattuu? Namooti keeti obboleeyyan ifii ari'iisa akka lakkisanu ati maaf hin ajajin?» jedhe.
27 Yo'aab deebisee, «Dhugaa Waaqa jiraata'aa! Adoo ati tana hin dubbatin, namooti haga ganamaatitti obboleeyyan ifii ari'iisa hin lakkisanuuyyu» jedhe. 28 Maarre Yo'aab tultullaa afuufee, namooti marti Israa'el ari'iisa lakkisanee lollille dhaabbate.
29 Abneerii fi namooti isaa halkan ideemaa bulanee Arabaayi dabaranee deemane; laga Yordaanosii bu'anee bayanee, Bethiroon keessa dabaranee gara Mahanaamii dhufane.
30 Achiin duuba Yo'aab Abeneer ari'iisa lakkisee deebi'ee namoota ifii mara wolitti qabe; namoota Daawitii keessaa, Asaahel adoo itti hin dabalin namooti kudhanii sagal dhabamane. 31 Namooti Daawitii ammoo namoota Beniyaaminii ka Abneerii woliin jiranu keessaa namoota dhibba sadii fi jaatama ijjeesane. 32 Isaan Asaahel addee du'ee fuudhanee, addee awwaala abbaa isaa Betlihemitti awwaalane. Achiin duuba namooti halkan deemaa bulanee, yennaa latti bariitu lafa Kebroonii geyane.

*2:16 Helkaat-haazuriim: Afaan Ibrootaatiin Dirree shallaaga'aa jechu'u.