6
Daawiti Saanduqa Gondooro'oo Gara Yerusaalemii Fide
Daawiti ammalle Israa'eloota keessaa namoota filamane kuma soddoma wolitti qabe. Daawitii fi namooti isaa marti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, ka maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irra tee'eeruutiin waamame, qachaa Ba'aalaa ka Yihudaa keessaatii fidiisaaf achi deemane. Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa garreettaa fardaan harkifamu haareya irra keyanee, mana Abinaadaabii ka kooba irra jiru keessaa fuudhanee fidane; ilmaan Abinaadaabii Uzaa fi Ahiiyon garreettaa fardaan harkifamu haareya san, Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa irra jiruun yennaa oofanu, Ahiiyoti duraan deemaayyu. Daawitii fi kolbaan Israa'elii duudiin, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, bilibilaa fi sibiila qilillisuun hunna ifii guutu'uun faaruu faarsaa ulfinna Mootii Waan Maraatiif firinxiixane.
Isaan eeddummee Naakonii bira yennaa geyane, qotiyyooti garreettaa san harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa hiixatee qabe. Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa waan faanshesseef, aariin Mootii Waan Maraa isa irratti bobeette; tanaaf Waaqi isa xixee, inni Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa biratti achumatti du'e. Mootiin Waan Maraa aaree Uzaa waan ijjeeseef, Daawiti aare; addeen sun haga adhaa, «Pherez-Uzaa*Pherez-Uzaa: Afaan Ibrootaatiin badiisa Uza'aa jechu'u.» jedhanti.
Daawiti guyyaa san Mootii Waan Maraa waan sodaateef, «Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa attam gara kiyya dhufuu dande'a ree?» jedhe. 10 Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa san gara qachaa ifii geessiisa waan hin barbaanneef, gara mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii geesse. 11 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii keessa ji'a sad ture; Mootiin Waan Maraalle Obed-Edoomii fi maatii isaa mara eebbise.
12 Mootiin Waan Maraa Obed-Edoomii fi maatii isaa, waan inni qabu maralle sababa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif akka eebbise mooticha Daawititti himane; maarre Daawiti achi dhaqee Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa mana Obed-Edoomiitii gara qachaa ifii gammada gudda'aan fide. 13 Worri Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'ate tarkaaffii jaa akkuma deemanuun, Daawiti korma tokkoo fi dardara cooma tokko ciincaa dhikeessaayyu. 14 Daawiti woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee hunna ifii guutu'uun Mootii Waan Maraa duratti firinxiixe. 15 Akka kanaan Daawitii fi kolbaan Israa'elii marti ilillisaa, tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ol fidane.
16 Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii yennaa galu intalti Saa'olii Mikaal foddaa manaatiin ilaalte; mootichi Daawiti Mootii Waan Maraa duratti utaalaa firinxiixuun dhaggitee, gadhaa ifii keessatti isa tuffatte. 17 Namooti Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabe keessa addee inni qopheesse keyane; Daawitille kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Mootii Waan maraa duratti dhikeesse. 18 Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesseen duuba, maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin kolbaa eebbise. 19 Daawiti kolbaa Israa'elii dhiiraa fi dubartii duudi'iif tokko tokkoo isaaniitiif, daabboo tokko tokko, foon gumaa tokko tokkoo fi xaltaa midhaan woyni'ii tokko tokko qoode; achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii deemane.
20 Daawiti maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii yennaa deebi'e, intalti Saa'olii Mikaal isa fudhatiisaaf gad baatee, «Mootiin Israa'elii adha dubartoota tajaajiltoota qondaaltota isaa duratti akka nama bu'aa hin qannee qullaa dhaggamiis ulfinna attamii ti!» jette.
21 Daawiti deebisee Mikaaliin, «Mootii Waan Maraa ka abbaa keeti yookiin worra mana isaa keessa jiranu caalaa, kolbaa ifii Israa'el irratti na muudee mootii na godhe duratti gammadee firinxiixe. Ammalle ani Mootii Waan Maraa duratti hin firinxiixa. 22 Ani tana caalaa isa duratti ifi gad hin qaba; ila teeti duratti hin salphadha. Te'uu malee, garboolee ati maqaa dhootte duratti ammoo ulfinna hin dhaggadha» jedhe. 23 Tanaaf, intalti Saa'olii Mikaal adoo hin deyin duute.

*6:8 Pherez-Uzaa: Afaan Ibrootaatiin badiisa Uza'aa jechu'u.