10
Daawiti Worra Amoonotaatii Fi Worra Sooriya'aa Injifate
Kanaan duuba mootiin Amoonotaa duunaan, ilmi isaa Hanuun addee isaatitti mootii te'e. Daawiti, «Abbaan isaa naaf waan dansaa akkuma godhe, anille ilma Nahaashii Hanuuniif waan dansaa hin godha» jedhee hede; maarre marroo du'a abbaa isaatiif akka isa jajjabeessanu, Daawiti namoota erge; namooti Daawiti erge gara lafa Amoonotaa yennaa dhufane, qondaaltoti Amoonotaa goottaa ifii Hanuuniin, «Daawiti namoota ergee si jajjabeessiis, du'a abbaa keetiitiif gaddee seetaa? Namooti inni erge qachaa akka qorqoranee, dooyanee akka balleessanuuf motii?» jedhane.
Maarre Hanuun namoota Daawiti erge san qabee areeda isaanii ka gara tokkoo irraa haadisiise; woyaa isaaniille haga hidha isaaniititti irraa cirsiisee isaan ari'e. Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, namooti guddoo waan fokkifataneeranuuf, «Haga areedi keessan latutti Yerikoo tura'aatii, achiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedhee namoota isaanitti erge.
Amoonoti akka Daawiti isaan jibbe yennaa hubatane, qachaa Bet-Rehoobiitii fi qachaa Zobaatiitiin loltoota miilaa ta Sooriya'aa kuma diddama, mootiin Ma'akaa namoota isaa kuma tokko woliin, qachaa Xoobii keessalle'ee namoota kuma kudhanii lama qaxaratane. Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, loltoota lolaan beekkamane mara woliin Yo'aab erge. Amoonoti bayanee balbala seensuma karra qachaa isaanii duratti addee qabatane; worri Sooriya'aa ka qachaa Zoba'aatii fi ka qachaa Bet-Rehoobii akkasuma namooti qachaa Xoobiitii fi namooti Ma'akaa qofuu diida keessatti addee qabatane.
Yo'aab duraa fi duubaan loltoota diinaatiin akka marfame yennaa dhagge, loltoota Israa'elii keessaa loltoota gootota filee worra Sooriya'aa akka lolanuuf erge. 10 Worra hafe irratti obboleessa ifii Abiishaayi ajajaa godhee Amoonota akka lolanuuf erge. 11 Yo'aab obboleessa ifiitiin, «Worri Sooriya'aa yoo natti jabaate, ati na hin qarqaarta; worri Amoonotaa ammoo yoo sitti jabaatane ani dhufee si hin qarqaara. 12 Jabaadhu! Kolbaa teennaa fi qachoota Waaqa keennaatiif jannuma'aan lolluu ti. Mootiin Waan Maraa waan isa duratti dansaa te'e hin godha» jedhe.
13 Achiin duuba Yo'aabii fi loltooti isa woliin jiranu worra Sooriya'aa lolane; worri Sooriya'aalle isaan duraa baqate. 14 Worri Sooriya'aa akka baqatiisatti jiranu worri Amoonotaa yennaa dhaggane, isaanille Abiisaayi duraa baqatanee qachaa keessa timane; maarre Yo'aab Amoonota loliisa lakkisee gara qachaa Yerusaalemii deebi'e.
15 Worri Sooriya'aa akka Israa'elootaan injifatamane yennaa beekane ammalle wolitti qabane. 16 Mootichi Hadaad-Ezer namoota ergee worra Sooriya'aa ka laga Efraaxiisiitiin gama jiranu akka fidanu godhe; isaan Shofaakii ajajaa loltoota Hadaad-Ezeriitii sooreffamanee gara qachaa «Helaam» jedhamuu dhaqane. 17 Daawiti tana yennaa dhage'e, Israa'eloota mara wolitti qabee, Yordaanos gamatti bu'anee bayanee gara qachaa, «Helaam» jedhamu sanii dhaqane; worri Sooriya'aa hiriiranee Daawiti lolane; 18 te'uu malee Israa'eloota duraa baqatane; Daawiti namoota isaanii keessaa worra garreettaa fardaan harkifamu oofu dhibba torbaa fi loltoota miilaa kuma afurtama ijjeese; inni ajajaa loltoota isaanii Shofaakille ijjeese. 19 Moototi Hadaad-Ezer tajaajilanu marti akka Israa'elootaan injifatamane yennaa dhaggane, Israa'eloota woliin wolii galanee isaan tajaajilane; maarre worri Sooriya'aa yennaa sanii jalqabanee worra Amoonotaa qarqaariisa sodaatane.