Ergaa Phawuloos
Gara Ximootewoosii Erge
Ta Lammeesso'oo
Seensa
Ergaan Phawuloos Ximootewoosiif barreesse ta lammeesso'oo tun, gorsa inni qarqaaraa isaa ka itti dhiyeennaan isa woliin hujatu, dargaggeessa Ximootewoosiif kenne ifi keessaa qaddi. Yaadi gorsa kanaa irra caalaa marroo ossaan jabaatiisatti. Phawuloos akka Ximootewoos marroo Yesuus Kiristoosii addatamaan dhugaa bayu, barsiisa dhuga'aa ka Oduu Gammadaatii fi Gondooroo Qaraa akka qabaatu, rakko'oo fi moromaan yoo itti guddattelle, barsiisiisaa fi hujii Oduu Gammadaa lallabiisatti akka jabaatu gorse.
Gorsi kun keessumattuu akka Ximootewoos moromaa gowwitti'ii fi bu'aa hin qanne irraa fagaatuuf kenname. Sababille wonni akkasii worra waan akkasii dhage'u balleessiti malee, womaa bu'aa hin qaddu.
Kana duudii keessatti Ximootewoos wonni qabatiisaa male, jiru'uu fi kaayoo leetoo Phawuloosii, keessumattuu dhugeeffannaa, ossata, jaalala, jajjabeenna isaatii fi miidhaa keessatti rakkoo isa dhaqqadde akka fakkeennaatitti hordofu'u.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa1:1-2
Galataa fi gorsa1:3—2:13
Gorsaa fi ifi eeggannoo2:14—4:5
Akka Phawuloos ifiif keessa jiru4:19-22
Yaada buufataa4:19-22
1
Ana Phawuloosii, waadaa jiru'uu ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf, fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa:
Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif,
Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadha, mararti'ii fi nageya siif kennu.
Phawuloos Ximootewoos Jajjabeesse
Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkanii fi guyya'aa keessatti yennaa si qaabadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu'uun tajaajilu hin galateeffadha. Imimmaan teeti qaabataa, akka gammadaan guutamu, si dhaggiisaaf guddoo barbaada. Dhugeeffannaa dhuga'aa ta ati qaddu hin qaabadha; dhugeeffannaa akkasii akkoon teeti Lo'isii fi haati teeti Ewuniiqeen hin qabaniiyyu. Akka atille qaddu hubadheera. Tanaaf kennaa Waaqi yennaa ani harka kiyya mataa keeti irra keye siif kenne, tuxxee akka gabbittu si qaabachiisa. Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti.
Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif na woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani Kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin. Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te'in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu'uun dura karaa Kiristoosiitiin nu'uuf kenname. 10 Amma ammoo karaa dhufiisa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii du'a balleessee, karaa Oduu Gammadaatiin jiru'uu fi badii irraa hafuu, gara ifaa fideetiin, nutti mudhifameera. 11 Ani Oduu Gammadaa tanaaf lallabaa, ergama'aa fi barsiisaa te'ee filameera. 12 Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne'een natti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande'u addadheera. 13 Barumsa fayyaalessa*Fayyaalessa: Sirrii akka fakkeennaatitti hordofiisaaf na irraa baratte, dhugeeffanna'aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu. 14 Waan dansaa maganne'een sitti kenname san, hunna Ayyaana Woyyicha nu keessa jiruutiin eegi. 15 Worri biyya Asiya'aa keessa jiru duudiin, Fiigelosii fi Heromogenesis fa'alle akka na bagane hin beetta. 16 Oneesiforos yennaa hedduu waan na jajjabeesseef, Goottaan maatii isaatiif mararuu ti. Inni ani waan hidhameef hin fokkifanne; 17 ammoo akkuma biyya Rooma'aa geyeen, asii fi achi barbaadee na dhagge. 18 Guyyaa muumme'ee san Goottaan marartii isaaf godhu. Biyya Efesooniititti attam akka inni naaf ergame atinuu akka dansaa beetta.

*1:13 Fayyaalessa: Sirrii