4
1 Waaqaa fi Yesuus Kiristoosii worra jiruu fi worra du'elle'etti muru'uuf jiru duratti, deebi'ee dhufiisaa fi mootummaa isaa yaadataa jabeessee si gorsa. 2 Jecha Waaqaa lallabi; yennaan toltulle, toluu dhabaattulle qophow; ossa gudda'aan namoota balleessanu sirreessaa, xixaa, jajjabeessaa barsiisi. 3 Yennaan namooti barsiisa sirrii te'e dhage'uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan. 4 Isaan dubbii dhuga'aa dhage'uu didanee, gurra ifii gara oduu durii deebifatan. 5 Ati ammoo haala mara keessatti ititi; rakkoo ossadhu; hujii lallaba Oduu Gammadaa huji; hujii itti ergante mara muummessi.
6 Ani akka dhibaayyu'uu dhibaafamuu geyeera; yennaan ani du'u geetteerti. 7 Ani akka dansaa wodhaantoo qabadheera; doggommii tiyya fixadheera; dhugeeffannaa tiyyalle eegadheera. 8 Yoona ammaa achi badhaas balchumma'aa naaf qophoweera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi naaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te'in, worra deebi'ee mudhinnaan dhufa isaa dharra'aan eegatu duudi'iif hin kenna.
Yaadachiisa Phawuloosii
9 Ariiti'iin akka teete te'ii koy. 10 Sababille Deemaas biyya lafaa tana jaalatee, na lakkisee gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqeera. Kiresqes biyya Galaatiya'aa, Tiitoos ammoo biyya Dalmaatiya'aa dhaqeera.Qol. 4:14; Film. 24; 2 Qor. 8:23; Gal. 2:3; Tit. 1:4 11 Luqaas qofattuu na bira jira. Maarqoos huji'iin waan ana qarqaaruu dande'uuf, yennaa dhuttu isa fidii koy.Qol. 4:14; Film. 24; HuE. 12:12; 25; 13:13; 15:37-39; Qol. 4:10 12 Xikiqoos ammoo gara qachaa Efesoonii ergeera.HuE. 20:6 13 Yennaa dhuttu gorfa ani Kaarphoos biratti Xiro'aasitti lakkise, kitaabota maramaalle, keessattuu ka gogaa duugama'aan hujame naaf fidi.
14 Iskindiriin sibiila tumu akka malee na miidhe; Goottaan akkuma hujii isaatitti isaaf hin kenna.1 Xim. 1:20; Rom. 2:6 15 Inni dubbii teenna jabeessee waan mormeef, atille isa irraa ifi eegadhu.
16 Ani waan itti himatameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle na qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin! 17 Ammoo ergaan isaa guutuun karaa kiyyaan lallabantee worri Yihudoota hin te'in duudiin akka dhage'anu, Waaqi cinaa tiyya dhaabbatee hunna naaf kenne. Afaan neenqaa irralle'ee na hambure. 18 Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba'aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te'u! Ameen.
Nageya Muumme'ee
19 Phirisqiilaa, Aqiila'aa fi worra mana oneesiforosiititti nageya naa himi.HuE. 18:2; 2 Xim. 1:16-17 20 Eraasxoos Qorontoositti hafe; Xirofimoosille waan dhibameeruuf ani qachaa Miilexoosiititti isa lakkise.HuE. 19:22; Rom. 16:23; HuE. 20:4; 21:29 21 Adoo ganni hin dhufin akka teete te'ii koy.
Yubuloos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiya'aa fi dhugeeffattooti*Dhugeeffattooti: Kitaab Giriikii obboleeyyan jedha dhibiille nageya sii dhaamaneeran.
22 Goottaan ayyaana keeti woliin jiraatu.
Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.
4:10 Qol. 4:14; Film. 24; 2 Qor. 8:23; Gal. 2:3; Tit. 1:4
4:11 Qol. 4:14; Film. 24; HuE. 12:12; 25; 13:13; 15:37-39; Qol. 4:10
4:12 HuE. 20:6
4:14 1 Xim. 1:20; Rom. 2:6
4:19 HuE. 18:2; 2 Xim. 1:16-17
4:20 HuE. 19:22; Rom. 16:23; HuE. 20:4; 21:29
*4:21 Dhugeeffattooti: Kitaab Giriikii obboleeyyan jedha