7
Dubbii Isxifaanos Dubbate
Hayyichi guddaan, «Wonni siin jedhanu kun dhuga'aa?» jedhee Isxifaanos gaafate.
Isxifaanosille deebisee, «Obboleeyyanii fi abbootii tiyya, na dhage'a'a! Abbaan keenna Abrahaam lafa Kaaraanii le'iisaaf adoo hin deemin dura, ulfinni Waaqaa Mesophotaamiyaa keessatti isatti mudhatee, ‹Fira keetii fi biyya teeti lakkisiitii gara lafa ani si'itti mudhisuu deemi› jedheen. Achiin duuba inni biyya ifii Kaldiyaa lakkisee, Kaaraan keessa le'iisaaf deeme. Abbaan isaa du'een duuba, Waaqi gara lafa amma isin leetanu tanaa isa fide. Teetuu malee Waaqi lafa haga faana miilalle isaaf hin kennine; ammoo yennaa san Abrahaam ilma qabaatuu dhabulle, Waaqi lafa san isaa fi sanyii isaatiif akka kennu, waadaa galeeraayyu. Waaqi karaa kanaan Abrahaamiin, ‹Sanyiin teeti lafa ormaa keessa galtuu teetee hin leeti; achitti garboontee haga woggaa dhibba afurii hin cunqurfanti. Ani ammoo kolbaa isaan garboonsite sanitti hin mura; achiin duuba sanyiin teeti lafa san keessaa baatee asitti na hin waaqonsiti› jedheera. Achiin duuba Waaqi gondooroo haqanqaba'aa Abrahaamiif kenne; maarre Abrahaam ilmi isaa Yisihaq dhalateen duuba, guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabe; akkasuma Yisihaqille ilma ifii Yaaqoob haqanqabaa qabe; Yaaqoobille abbootii gosa Israa'elii ka te'ane, ilmaan ifii kudhanii lama haqanqabaa qabe.
«Ilmaan Yaaqoobii obboleessa ifii Yoseef hinaattee, garba akka te'uuf biyya Gibxiititti isa gurgurte; Waaqi ammoo isa woliin jiraayyu; 10 rakkoo mara keessalle'ee isa baase. Yoseef mooticha lafa Gibxi'ii Fara'oon dura yennaa dhikaate, Waaqi arnyaa fi qarooma isaaf kenne; mootichille bulchaa biyya Gibxi'iitii fi ajajaa qabeenna mana ifii isa godhe. 11 Bara san biyya Gibxi'iitii fi Kana'aanii maratti beelti rakkoo guddoo fidde; abbootiin teennalle waan nyaattu dhaggatuu hin dandeenne. 12 Yaaqoobille biyya Gibxi'ii keessa midhaan akka jiru yennaa dhage'e, yennaa jalqabaatiif, abbootii teenna ka te'ane, ilmaan ifii achi erge. 13 Yennaa isaan lammeessoo dhaqane, Yoseef eennummaa ifii obboleeyyan ifiititti hime; mootichi biyya Gibxi'iille maatii Yoseefii beeke. 14 Maarre Yoseef, worri duudiin nami torbaatamii fi shan martinuu, gara biyya Gibxi'ii akka dhufanu, abbaa ifii Yaaqoobitti erge. 15 Tanaaf Yaaqoob gara biyya Gibxi'ii dhaqee, innii fi ilmaan isaalle achitti du'ane. 16 Lafeen isaanii gara lafa Sheekem jedhantu geeffantee, addee awwaalaa lafa Abrahaam beesee ifiitiin gosa Hamoorii irraa bitetti awwaalante.
17 «Waadaan Waaqi Abrahaamiif gale muummowisaaf yennaa dhikaate, laakkossi kolbaa teennaa ka biyya Gibxii keessaa heddataa deeme. 18 Muummee irratti, mootichi marroo Yoseefii hin beenne tokko biyya Gibxi'ii bulchiisa jalqabe. 19 Mootichi kun abbootii teenna gowwoonsee gadhaa itti jabaatee, daa'immaan isaanii akka duutuuf, ala baasanee akka gatanu dirqansiise*Dirqansiise: Hunnaan tolche. 20 Bara san Muuseen dhalate; inni daa'ima shaggicha; haga ji'a sadii mana abbaa ifii keessatti guddate. 21 Inni yennaa alatti gatame, intalti Fara'oonii isa fuutee, akka ilma ifiititti gudditte. 22 Muuseen qarooma worra Gibxi'ii duudii baratee dubbi'ii fi hujiile'een nama jabaa te'e.
23 «Inni woggaa afurtama yennaa geye, kolbaan Israa'elii akka itti jirtu ilaaliisaaf yaadate. 24 Muuseen yennaa namichi biyya Gibxi'ii tokko nama Israa'elii tokko miidhuun dhagge rogeefii, namicha biyya Gibxi'ii dhowee ijjeese. 25 Muuseen karuma isaatiin Waaqi bilisa akka isaan baasu, kolbaan waan hubattu seyeeyyu; isaan ammoo hin hubanne. 26 Boruyyaa nami lama ka gosa Israa'elii wol lolanuun dhaggee, wolitti araarsiisaaf barbaadee, ‹Jarana, isin obboleeyyan; maaf wol loltan?› jedheen. 27 Namichi lola kaase ammoo Muusee achi darbee, ‹Nu'u irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe? 28 Akkuma kalee namicha Gibxi'ii ijjeette, analle ijjeesuu barbaaddaa?› jedheen. 29 Muuseen yennaa tana dhage'e, biyya Gibxi'ii keessaa dheetee, gara lafa Miidiya'aa galee le'e. Achitti ijoollee lama uumate.
30 «Woggaa afurtamaan duuba, lafa goomole'ee keessatti Gaara Siina'aa biratti bobe'a tusee gabbattuu keessatti, ergamaan Waaqaa Muuse'etti mudhate. 31 Muuseen waan kana yennaa dhagge baaseffatee, ilaaliisaaf itti dhikaate. Ammoo inni qoonqoo Gootta'aa, 32 ‹Ani Waaqa abbootii teetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqiitii fi Yaaqoobii ti› jettu dhage'e. Muuseen soda'aan rorommee, ilaaliisaafille itti hin gamne. 33 Goottaan Muuse'een, ‹Addeen ati dhaabbatteertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu. 34 Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyyaa ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera. Ani iyya isaanii dhage'eera; isaan bilisa baasiisaafille gad dhufeera. Amma koy; ani gara biyya Gibxi'ii si ergaara› jedhe.
35 «Kolbaan Israa'elii Muuse'een, ‹Nu irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?› jettee isa jibbiteertiiyyu. Te'uu malee Waaqi Muusuma kana karaa ergamaa Waaqaa ka tusee keessatti itti mudhateetiin, bulcha'aa fi ka bilisa baasu godhee gara isaanii erge. 36 Inni Gibxi'ii fi abbaayaa diintuu irratti baasaa fi bilbaasa hujaa, kolbaa sooressaa, biyya Gibxi'ii keessaa baase. 37 ‹Waaqi akkuma na kaase, raagaa tokko odduu teessaniinuu isiniif hin kaasa› jedhe ka dubbate Muusuma kana. 38 Inni abbootii teenna woliin lafa goomolee keessa jiruun, gaara Siinaa gubba'atti ergamaan Waaqaa ka itti dubbate isuma; Jecha Waaqaa ka jiru'uu ka nu'uuf dabarselle Muusuma kana.
39 «Abbootiin teenna ammoo, isaaf ajajamuu diddee, gadhaa ifiititti gara biyya Gibxi'ii deebi'iisaaf yaadatte. 40 Maarre isaan Aaroniin, ‹Muuseen biyya Gibxii keessaa nu baase kun waan te'e wollaallee, waaqota nu sooressanu nuu huji› jedhane. 41 Yennaa san isaan waaqa dharaa jabbii fakkeessanee hujanee, ciincaa dhikeessaneef; waan hujane sanitti gammadane. 42 Waaqi ammoo isaan irraa garagalee, urjoota ol-gubba'aa akka sagadanuuf dabarsee isaan kenne; akkuma kitaaba raagotaa keessatti barreeffante,
«‹Ee, kolbaa Israa'elii!
Woggaa afurtama goomolee keessatti
horii qalmaatii fi ciincaa naaf dhikeessitanee ree?
43 Isin dunkaaniiDunkaanii: Godoo waaqa molokiitii fi,
fakkii urjii waaqa Reefaan jedhamuu,
harka keessaniin hujjanee, waaqonsiisaaf ba'attane.
Maarre anille biyya Baabilon irraa fagaattutti isin hin dabarsa› jedhe.
44 «Abbootiin teenna goomolee keessatti dunkaanii dhugaa bayaa qaddi. Dunkaaniin sun akka Waaqi Muuse'etti mudhisee, ‹Akkas huji› jedhetti ta hujante. 45 Abbootiin teenna dunkaanii san abbootii ifii irraa fudhatteen duuba, Iyaasuu woliin gara lafa gosa worra Waaqi isaan duraa ari'etti fudhatanee galane; dunkaaniin sunille haga bara Daawitii achi turte. 46 Daawiti Waaqa duratti fudhatama dhaggatee, Waaqa Yaaqoobiitiif mana ijaariisaaf gaafate. 47 Ammoo Waaqaaf ka mana ijaare Solomoon.
48 «Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u; kunille akkuma raagichi,
49 «‹Ol-gubbaan barcumaa mootummaa tiyyaa ti;
lattille ijjata miila kiyyaa ti.
Manni isin naaf ijaartanu ka attamii ti ree?
Addeen ani itti foorfadhu eessa ree?
50 Waan san duudii ka huje anaa motii? jedha Goottaan› jedhe.
51 «Isin worra mataa jabaatu! Gadhaan keessan akka gadhaa worra Waaqa hin dhugeeffannee, gurri keessan akka gurra worra Waaqa hin dhageennee ti. Isin akkuma abbootii teessanii yennaa mara Ayyaana Woyyicha mormitan. 52 Raagaan abbootiin teessan hin miidhin tokkolle hin jiraa? Isaan raagota woggaa heddu'uun dura dhufa balchichaa odeessane ijjeesaneeran. Amma isinille isa dabarsitanee kennitanee ijjeettaneertan. 53 Isin karaa ergantoota Waaqaatiin seera Waaqaa fudhattaneertaniiyyu; isin ammoo hin ajajanneef» jedhe.
Isxifaanos Dhaka'aan Tumame
54 Korri Mura'aa waan Isxifaanos jedhe yennaa dhage'ane, aaranee gubatanee, itti ciniinnatane. 55 Isxifaanos ammoo, Ayyaana Woyyichaan guutamee, gara ol-gubba'aa ilaalee, ulfinna Waaqaatii fi Yesuus midda Waaqaa dhaabbateeruun dhaggee, 56 «Kunoo, ol-gubbaan banantee, Ilmi Namaalle midda Waaqaa dhaabbateeruun ani dhagge» jedhe.
57 Korri Mura'aa iyyee gurra ifii qabate; achiin duuba isaan martinuu itti fiiganee, 58 qachaa keessaa harkisanee baasanee, dhaka'aan tumane. Dhugaa bayooti woyaa isaanii akka eeguuf dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko bira keyatane. 59 Adoo isaan dhaka'aan tumiisatti jiranuu, Isxifaanos, «Goottaa Yesuus, ayyaana kiyya fudhadhu» jedhee daadimate; 60 jilbiiffateelle qoonqoo ol qabatee, «Gootta'a, cubbuu tana isaanitti hin laakkowin» jedhee iyyee, du'e.

*7:19 Dirqansiise: Hunnaan tolche

7:43 Dunkaanii: Godoo