13
Baarnaabaasii Fi Saa'ol Ergamane
Wolde'a kiristaanaa ka Anxokiya'aa keessa raagotaa fi barsiisoti jiraniiyyu: isaanille Baarnaabaas, Simoon ka «Gurraacha» jedhamu, Luukiyoosii biyya Qareena'aa, Maanaa'enii Heroodisii bulchaa*Maanaa'enii Heroodisii bulchaa: Heroodisii bulchaa lafa Galiila'aa woliin guddatee fi Saa'ol fa'a. Isaan Goottaa tajaajilaa adoo laamanuu Ayyaanni Woyyichi isaaniin, «Baarnaabaasii fi Saa'ol hujii ani isaan waameef, isaan naaf fowa'a» jedhe.
Isaan laamanee daadimatanee, harka ifii isaan irra keyaneen duuba ergane.
Baarnaabaasii Fi Saa'ol Qophiroositti
Baarnaabaasii fi Saa'ol Ayyaana Woyyichaan ergamanee, gara qachaa seluuqiya'aatitti gad bu'anee, hobolo'oon gara oddoola Qophiroosii dhaqane. Isaan yennaa qachaa Salaamiisii geyane, Jecha Waaqaa mana waaqonfannaa Yihudootaatitti lallabane. Yohaannisiin Maarqoos jedhamulle isaan woliin jiraatee isaan qarqaare.
Isaan oddoola Qophiroosii keessa qaccee garanaatii haga qaccee taanii qaxxaamuranee, qachaa Phaafoosii yennaa geyane, namicha xanoo xanu Yihudicha Baar-Yesuus jedhamu tokko dhaggane; inni raagicha dharaamessa. Inni lansa bulchaa oddoolaa qalbicha ka Sergiiyosii Phawuloos jedhamuu ti. Bulchaan kun Jecha Waaqaa isaan irraa dhage'iisaaf barbaadee, Baarnaabaasii fi Saa'ol gara ifii waame. Namichi xanoo xanu ka afaan Giriikiitiin «Eliimaas» jedhamu ammoo, bulchaan biyya sanii akka hin dhugeeffanne barbaadee, isaaniin morme. Achiin duuba Phawuloos ka jedhame Saa'ol Ayyaana Woyyichaan guutamee, namicha xanoo xanu hubatee ilaalee, 10 «Ati ilma Seexanaa ti! Ati diina dhugaa maraa ti! Ati sobaa fi hammeenna duudi'iin guutanteerta; ati yennaa mara dhugaa Gootta'aa gara sobaa jijjiiriisa hin lakkittuu? 11 Ammalle harki Gootta'aa si hin dhowa; ballaa hin teeta; yennaa diqqoolle ifa adu'uu hin dhaggitu» jennaan,
Yoosuma hurri'ii fi dukkanti ila isaa qaddee, nama harka qabee isa sooressu adaala ifii qaqqabatiisa jalqabe. 12 Bulchaan waan te'e san yennaa dhagge, barsiisiisa Gootta'aa guddoo waan baaseffateef dhugeeffate.
Qachaa Pherge'eetii Fi Anxokiya'atti Lallabane
13 Phawuloosii fi hordofattooti isaa lafa Phaafoosiitii hobolo'oon ka'anee, gara qachaa Pherge'ee ka Phamfiliyaa keessatti dhaggamuu dhaqane; Yohaannisiin Maarqoos jedhamu ammoo, isaan lakkisee gara Yerusaalemii deebi'e. 14 Isaan ammoo lafa Pherge'eetii ka'anee, gara qachaa Anxokiya'aa ka lafa Phisiidiya'aa keessatti dhaggamuu dhaqane; guyyaa Sanbataa mana waaqonfannaa Yihudootaa seenanee tee'ane. 15 Kitaab Seera Muuse'eetii fi Raagotaa dubbifameen duuba, bulchitooti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa isaanitti erganee, «Obboleeyyan, jecha nama jajjabeessu yoo qabaattane dubbadha'a» jedhane. 16 Yoos Phawuloos ka'ee harkaan isaan haatatee: «Kolbaa Israa'eliitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu, waan ani jedhu dhage'a'a! 17 Waaqi kolbaa Israa'elii, abbootii teenna fowatee, yennaa isaan akka ormaatitti biyya Gibxii keessa le'ane, gosa guddoo isaan godhe. Inni hunna guddoo ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, 18 haga woggaa afurtamaa lafa goomole'ee keessatti isaan ossate. 19 Inni lafa Kana'aanii keessaa gosa biyya adda addaa torba balleessee, lafa isaanii kolbaa ifiitiif kenne. 20 Wonni kun duudiin gara woggaa dhibba afurii fi shantamaa keessatti teete.
«Kanaan duuba Waaqi haga bara Saamu'elii raagichaatitti abbootii mura'aa isaaniif kenne. 21 Yennaa isaan mootii nu'uuf kenni jedhanee gaafatanetti, Waaqi gosa Beniyaaminii keessaa Saa'olii ilma Qiishii isaaniif kenne; innille woggaa afurtama isaan bulche. 22 Saa'ol mootummaa irraa buuseen duuba, Waaqi Daawiti mootii isaanii godhe. Waaqi marroo isaatiif dhugaa bayee, ‹Ani, Daawitii ilma Iseyii nama akka gadhaa kiyyaa, ka fedhii tiyya duudii muummessu dhaggadheera› jedheera. 23 Waaqi akkuma waadaa galetti, sanyii namicha kanaa keessaa fayyisaa Yesuus kolbaa Israa'eliitiif fideera. 24 Dhufa Yesuusiitiin dura Yohaannis, kolbaan Israa'elii marti cubbuu irraa deebitee akka cuuphantuuf lallabeera.Mar. 1:4; Luq. 3:3 25 Yohaannis tajaajila ifii fixatiisatti adoo jiruu kolba'aan, ‹Isin eennu na seetan? Ani ka isin eegattanu sanii moti. Ammoo ka ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille hin teene, na duubaan dhufaara› jedheen.Mat. 3:11; Mar. 1:7; Luq. 3:16; Yoh. 1:20,27
26 «Obboleeyyan tiyya, isin sanyiin Abrahaamiitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu duudiin, ergaan fayyinnaa tun nu duudi'iif ergante. 27 Kolbaan Yersaalemiitii fi sooressitooti isaaniille Yesuus fayyisaa akka te'e hin beenne; isaan dubbii raagotaa ta Sanbata Sanbataan dubbifantu hubatuu dhabiisaan isatti muranee, dubbiin raagaa akka muummottu godhane. 28 Isaan sababa ittiin Yesuus ijjeesisanu dhabanulle, akka inni ijjeefamuuf Philaaxoos gaafatane. 29 Waan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif jedhu duudii muummessaneen duuba, muka irratti fannifame irraa gad buusanee awwaalane.Mat. 27:57-61; Mar. 15:42-47; Luq. 23:50-56; Yoh. 19:38-42 30 Waaqi ammoo du'a irraa isa kaase. 31 Inni guyyaa hedduu worra isa woliin Galiilaa irraa gara Yerusaalemii dhufanetti mudhate. Amma isaan kolbaa teennaaf dhugaa bayoota.HuE. 1:3
32 «Nuuti waan Waaqi abbootii teennaaf waadaa gale Oduu Gammadaa isinitti hinna. 33 Inni Yesuus du'aa kaasiisaan waadaa isaaniif gale, nu'u ijoollee isaaniitiif muummesseera. Kunille kitaaba Faaru'uu ka lammeesso'oo keessatti,
« ‹Ati Ilma kiyya;
ani adha si uumadheera› jedhantee barreeffanteerti.
34 Akka inni du'a irraa isa kaasee fi tortoree hin jirre Waaqi mirkaneessiisaaf,
‹Ani eebba woyyichaa fi addatamaa,
ka Daawitiif waadaa gale isiniif hin kenna› jedheera.
35 Tanaaf kitaaba Faaru'uu ka dhibii keessalle'etti,
‹Ati Woyyichi keeti awwaala keessatti akka tortoru hin lakkittu› jedha.
36 Daawiti bara ifiititti fedha Waaqaa tajaajilee du'eera; nafi isaalle abbootii isaa biratti awwaalamee tortoreera. 37 Ka Waaqi du'a keessaa kaase ammoo, nafi isaa hin tortorre. 38 Tanaaf obboleeyyan tiyya, araarri cubbu'uu karaa Yesuusiitiin akka isinii lallabame beeka'a. 39 Nami isatti dhugeeffatu duudiin, cubbuu seerri karaa Muuse'eetiin kenname bilisa baasiisaaf hin dandeenne duudii jalaa bilisa baya. 40-41 Tanaaf wonni raagoti,
« ‹Ilaala'a, isin worra shasheessitoota! Baaseffadha'a! Bada'a!
Waan eennulle yoo isinitti hime hin dhugeeffanne,
ani bara keessanitti hin huja› jedhantee ta dubbatante,
akka isin irratti hin muummonne ifi eegadha'a» jedhe.
42 Yennaa Phawuloosii fi Baarnaabaas Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa bayanee deemanu, Sanbata itti aanu dhufanee marroo waan kanaa akka itti himanuuf namooti isaan kadhatane. 43 Kolbaan wolde'a Mana Waaqonfannaa Yihudootaa irraa kaateen duuba, Yihudoota heddu'uu fi worri Yihudoota hin te'in ka gara dhugeeffannaa Yihudootaa deebi'ane, Phawuloosii fi Baarnaabaas hordofane. Phawuloosii fi Baarnaabaas isaan haasessanee, badhaadha Waaqaatiin jabaatanee akka jiraatanu isaan gorsane.
44 Sanbata itti aanu worra qachaa sanii keessaa hedduun Jecha Waaqaa dhage'iisaaf wolitti qabamane. 45 Worri Yihudootaa heddummaa namootaa yennaa dhagge, hinaaffa'aan guutamanee, waan Phawuloos jedhu moromanee isa arrassane. 46 Phawuloosii fi Baarnaabaas ammoo sodaa malee, «Jechi Waaqaa dursee isiniif himamuu qabaayyu; isin ammoo fudhatuu diddanee, jiruu bara baraatitti galiisaaf worra hin malle eega ifiin jettane, nuuti isin lakkinnee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqaarra. 47 Goottaan,
«‹Haga qaccee lafaa duudii fayyinna akka fiddu,
Ani worra Yihudoota hin te'iniif ifa si godheera› jedhee
nu ajajeera» jedhane.
48 Worri Yihudoota hin te'in tana yennaa dhage'e, gammadee jecha Waaqaalle ulfeesse; worri jiruu bara baraatiif filameeru duudiille dhugeeffate.
49 Jechi Gootta'aalle adaala biyya sanii maratti babadhatte. 50 Yihudooti ammoo, dubartoota dureeyyii ta dhugeeffannaa Yihudootaa hordottuu fi worra gugurdaa qachaa sanii, Phawuloosii fi Baarnaabaas irratti miidhaa akka kaasanu godhanee, adaala biyya sanii keessaa isaan baasane. 51 Phawuloosii fi Baarnaabaas tana isaanitti mormiisaaf bukuu miila isaanii dhodhowatanee, gara qachaa Iqoniiyumii deemane.Mat. 10:14; Mar. 6:11; Luq. 9:5; 10:11 52 Dhugeeffattooti qachaa Anxokiya'aa gammadaa fi Ayyaana Woyyichaan guutante.

*13:1 Maanaa'enii Heroodisii bulchaa: Heroodisii bulchaa lafa Galiila'aa

13:24 Mar. 1:4; Luq. 3:3

13:25 Mat. 3:11; Mar. 1:7; Luq. 3:16; Yoh. 1:20,27

13:29 Mat. 27:57-61; Mar. 15:42-47; Luq. 23:50-56; Yoh. 19:38-42

13:31 HuE. 1:3

13:51 Mat. 10:14; Mar. 6:11; Luq. 9:5; 10:11