20
Phawuloos Biyya Maqedooniya'aatii Fi Giriikii Dhaqe
Hogaan qabbanoween duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeessee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf ka'e. Inni lafa keessa dabaretti dhugeeffattoota gorsa heddu'uun jajjabeessaa, gara biyya Giriikii deemee, ji'a sad achi ture. Inni hobolo'oon Sooriyaa dhaqiisaaf adoo qophowuu, worri Yihudootaa akka mala itti dhowe yennaa beeke, karaa Maqedooniya'aatiin deebi'iisaaf murteeffate. Sophaaxros ilmi Phiirosii nami biyya Beeriya'aa, Arisxaarkosii fi Sekundos nami biyya Tasalonqe'ee, Gaayos nami biyya Derbe'ee, Ximootewoos, Xikiqoosii fi Xirofimoos nami biyya Asiya'aa, Phawuloos woliin deemane. Jarri tun nuun dura dhaxxee Xiro'aasitti nu eedde. Nuuti ammoo guyyaan Jila Daabboo Uukoo hin qanne dabareen duuba, Filiphisiiyuusii irraa hobolo'oon kaanee, guyyaa shaniin duuba isaaniin wol dhagginee, torbaan tokko achi turre.
Phawuloos Xiro'aasitti Dheeressee Lallabe
Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka'aa kolba'atti dubbate. Addee nuuti wolitti qabanne kolloo mana mana gubba'aa keessa ifi hedduun jiraayyu. Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko foddaa*Foddaa: Ifaa fi qilleensa fudhatiisaaf qowa mana uranee baasanu, ka cufanaa diqqaa qabu irra tee'eeraayyu; Phawuloos haasowa dheeressinaan, mugee dunquuqqayee, mana mana gubba'aatiin gubba'aa irraa bu'e; yennaa isaan ol isa fuudhane, inni du'eera. 10 Phawuloos ammoo gad bu'ee, gad itti jedhee hanqafatee, «Hin rifatina'a! Lubbuun isaa keessaa jirti» jedhe. 11 Achiin duuba inni gara mana mana gubba'aatitti ol deebi'ee, daabboo cassee nyaate; haga latti bariitu isaan woliin dubbateen duuba deeme. 12 Isaan Dargaggeessa jiraataa te'e san gara manaa geessanee, guddoo jajjabaatane.
Phawuloos Xiro'aas Irraa Gara Miilexoosii Dhaqe
13 Phawuloos karaa lafa irraa qachaa Asosii dhaqiisaaf waan yaadateef, nuuti isaan dura qachaa Asosii dhandhee, hoboloo akka isa yaabbachiinnu waan nu ajajeef, tana goone. 14 Asositti wol dhagginee, isa fudhannee hobolo'oon qachaa Mixileene'eetitti dabarre. 15 Boruyyaa hobolo'oon achii kaanee, oddoola Kiiyosii bira geenne. Guyyaa itti aanulle oddoola Saamosii dhandhee, boruyyaa qachaa Miilexoosii geenne. 16 Phawuloos kutaa biyya Asiya'aa keessatti turuu waan hin barbaadiniif, gara Efesoonii goruu lakkisee, hobolo'oon dabaru'uuf murteeffate. Yoo dande'ante guyyaa jila shantameesso'oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu Yerusaalem geyiisaaf ariifateeraayyu.
Phawuloos Jaarsolee Wolde'a Efesooniititti Nageya Dhaame
17 Phawuloos qachaa Miilexoosii irraa gara Efesoonii nama ergee, Jaarsolee wolde'a Efesoonii gara ifii waansise. 18 Isaan gara isaa yennaa dhufane, inni isaaniin, «Ani guyyaa qara lafa Asiya'aa dhufeen jalqabee, yennaa duudii attam akka isin woliin jiraadhe isinuu hin beettan. 19 Yihudooti mala natti dhowanee rakkadhulle, ani waan duudi'iin ifi gad qabee, imimmaaniin Goottaa tajaajile. 20 Waan isiniif te'u mara adoo hin hamburin, wolde'aa fi mana keessan irra deemaa, lallabee akka barsiise isin hin beettan. 21 Cubbuu irraa gara Waaqaatitti deebi'anee, Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffatanu, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'iniif ani dhugaa bayeera. 22 Amma kunoo achitti waan natti dhufu adoo hin beekin, akeettii Ayyaana Woyyichaatiin Yerusaalem dhaqaara. 23 Qachaa ani gewu duudii keessatti hidha'aa fi miidhaan akka ana eegattu, Ayyaanni Woyyichi natti himeera. 24 Te'uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus natti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittuu hin laakkowu.2 Xim. 4:7
25 «Ani odduu teessan deddeebi'ee, marroo mootummaa Waaqaa lallabeera; amma ammoo, nami tokkolle deebi'ee akka na hin dhaggine hin beeka. 26 Tanaaf isin keessaa nami tokko yoo bade, akka ani itti hin gaafatanne adha isinitti hima. 27 Sababille ani fedhii Waaqaa duudii isinitti himeera malee, waan isin irraa hambure hin qabu. 28 Maarre ifii fi hoolee Waaqaa akka isin eeddanuuf isinitti kennantelle'eef ifi eegadha'a; wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka inni dhiiga ilma ifiitiin ka ifii godhate tissa'a. 29 Ani deemeen duuba, worri akka yayyi'ii odduu teessan akka seenanu ani hin beeka. 30 Yennaan namooti gariin isinuma keessaa, dhugaa dassanee dhugeeffattoota ifi hordofachiisanu hin dhutti. 31 Tanaaf dammaqa'a! Ani woggaa sad halkanii fi guyyaa adoo gargar hin kutin imimmaaniin, tokko tokkoo keessan akka gorse qaabadha'a.
32 «Amma ani eeddoo Waaqaatitti, badhaadha ergaa isaa ka isin ijaariisa dande'uu fi eebba Waaqi kolbaa ifii duudi'iif kennutti, isin kenneera. 33 Ani meetii, worqii yookiin uffana eennulle hin kajeelle. 34 Anaa fi worra na woliin jiruuf waan barbaachisu maraa dhaggatiisaaf harka kiyyaan akka huje isinuu hin beettan. 35 Jecha Goottaa Yesuusii, ‹Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame› jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera» jedhe.
36 Phawuloos tana dubbatee fixeen duuba, isaan woliin jilbiiffatee daadimate. 37 Isaan duudiin bowaa morma isaatitti maratanee sunqatane. 38 Keessattuu inni isaaniin, haganaa achii deebitanee na hin dhaggitanu waan jedheef guddoo gaddane; achiin duuba isaan haga hobolo'oo isa woliin deemane.

*20:9 Foddaa: Ifaa fi qilleensa fudhatiisaaf qowa mana uranee baasanu, ka cufanaa diqqaa qabu

20:24 2 Xim. 4:7