7
Awwaannisa, Ibiddaa Fi Tumbii
1 Kun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise:
Midhaan mootichaa haammamee galeen duuba,
haaga'een yennaa lattu
Mootiin Waan Maraa awwaannisa buuse.
2 Awwaannisi marra lafa irraa nyaatee yennaa fixe,
ani, «Ee Gootta'a Mootii Waan Maraa,
maganne'e Israa'eliif araaram;
Israa'el hunna waan hin qanneef,
attam waan kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe.
3 Maarre Mootii Waan Maraa marroo waan kanaa gaabbee,
«Tun hin teetu» jedhe.
Mudhii Ibiddaa
4 Tun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise: Goottaan Mootiin Waan Maraa ibidda mura'aa waame; ibiddi sun abbaayaa qile'ee gossee lafa luxub godhe. 5 Achiin duuba ani, «Ee Gootta'a Mootiin Waan Maraa,
ibidda kana akka dhaamu godhi;
Israa'el hunna waan hin qanneef,
attam ibidda kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe.
6 Maarre Mootiin Waan Maraa
marroo waan kanaa gaabbee, «Tun hin teetu» jedhe.
Mudhii Tumbi'ii
7 Mootiin Waan Maraa mudhii dhibii natti mudhise:
Kunoo Mootiin Waan Maraa tumbii qabatee,
dalleya dhaka'aa ka tumbi'iin qajeelfame
ijaarsa bira dhaabbateeraayyu.
8 Inni anaan, «Amos!
Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate.
Anille, «Tumbii dhaggiisatti jira» jedheen.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa,
«Kunoo, ani tumbii kolbaa tiyya Israa'el odduu hin keya;
haganaa achi ani adoo isaan hin adabin
irra hin dabaru.
9 Addeen waaqonfanna'aa ta Yisihaqii hin baddi;
addeen woyyittiin Israa'eliille hin diiganti;
sanyii Yerobi'aamii mootichaa irratti
ani shallaagaa kiyyaan hin ka'a» jedhe.
Amosii fi Amaasiyaas
10 Achiin duuba hayyichi Bet'elii Amaasiyaas,
gara Yerobi'aamii mootii Israa'elii ergaa ergee,
«Kunoo Amos kolbaa Israa'elii oddu'utti
mala si'itti dhowiisatti jira;
waan inni dubbatiisa jiru
latti tun ba'atiisa hin dandeettu.
11 Inni, ‹Yerobi'aam shallaaga'aan hin du'a;
kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii
booji'antee hin ideenti› jedha» jedheen.
12 Achiin duuba Amaasiyaas Amosiin,
«Ee ati nama mudhii dhaggitu,
gara biyya Yihuda'aa baqadhuu asii deemi;
achitti raaga dubbataa,
sagalee ittiin nyaadhu.
13 Bet'el addee woyyittii mootichi itti sagadu,
Galma Waaqaa ka mootumma'aa waan teeteef,
addee tanatti deebitee raaga hin dubbatin» jedheen.
14 Amosille deebisee Amaasiyaasiin,
«Ani nama horii tissaa,
muka harru'uulle kunuunsu malee
raagichaa moti
yookiin ilma raagichaalle'ee moti.
15 Mootiin Waan Maraa ammoo
addee ani horii tissuu na fuudhee,
‹Dhaqiitii kolbaa tiyya Israa'elitti
raaga dubbadhu› naan jedhe.
16 Ammalle ati
jecha Mootii Waan Maraa dhage'i;
ati, ‹Israa'el irratti raaga hin dubbatin;
kolbaa Israa'elii
sanyii Yisihaqiititti hin lallabin!›
naan jetteerta.
17 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa,
‹Haati manaa teeti qachaa keessatti
sagaagaltittii hin teeti;
ilmaan teetii fi durri teeti
shallaaga'aan hin du'an.
Lafa teeti wodaro'oon mikanee hin qoodaman;
atille lafa worra Yihudoota hin te'inii keessatti hin duuta;
kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii booji'antee
hin ideenti› jedha» jedhe.