2
Ani isinii fi worra Laa'odiiqeyaatiif, akkasuma worra fuula kiyya hin dhaggin maraaf attam akka elowiisatti jiru akka beettanu barbaada. Akka gadhaan isaanii jajjabaatuu fi jaalalaan wolitti hidhamanee, hubantii durummaa addachiittuu maraa fi dhossaa Waaqaa ka te'e Kiristoos akka beekanuuf tana godha. Karri qaroomaatii fi beekkumaa marti Kiristoos keessa dhoffantee jirti.
Akka eennulle jecha dansaa fakkaatuun isin hin sonneef ani tana jedha. Ani fooniin isin woliin jiraachuu dhabulle ayyaanaan isin woliin jira; seera dansa'aan le'uu keessanii fi dhugeeffannaa jadduu isin Kiristoositti qaddanu dhaggiisatti hin gammada.
Yoona Yesuus Kiristoos Goottaa godhattanee, akkuma fudhattanetti isaan le'a'a. Akkuma barattanetti hidda gadi naqadha'aatii, isatti ijaarama'aatii, dhugeeffannaa teessaniin jabaadha'a; galata guutee dhangala'ulle dhiyeessa'a.
Akka barsiisa Kiristoosiititti adoo hin te'in, qarummaa namaatii fi gowwoonsiisa waan tokko ifi keessaa hin qanne, ka aadaa namaatii fi ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu irratti hundayeen, eennulle akka isin hin boojine ifi eegadha'a. Guutummaan waaqumma'aa mijuun Kiristoosiin nafaan mudhattee jiraatti. 10 Isinille Kiristoosii dada ifii duudii irratti mataa bulchiisaatii fi baallii maraa te'een, jiruu guutuu dhaggattane.
11 Isin waan isaan jirtanuuf haqanqabaa qabattaneertan; haqanqabaa qabatuun keessan kunille namummaa foonii cubbicha balleessiisaaf ka Kiristoosiin te'e malee, ka harka namaatiin te'ee moti. 12 Yennaa cuuphantane Kiristoos woliin awwaalantane; isa wolille'een du'aa kaataneertan; hunna Waaqaa ka Kiristoos du'aa kaasetti waan dhugeeffattaneef, du'aa kaatane. 13 Cubbaaleyyii te'uu keessanii fi foon cubbaalessi keessan sun waan haqanqabaa hin qabatiniif isin worra du'eeru; amma ammoo Waaqi Kiristoos woliin jireeyyii isin godheera; yakkaa teessanille duudii isiniif araarameera. 14 Inni barreeffama beenya'aa*Beenya'aa: Lafa tokko tokkotti beenna'aa jedhan. ka seera keessa jiru, ka nu himataa nu'uun mormaa ture san balleesseera; fannoo irralle'etti diree nu irraa balleesseera. 15 Worra hunnaa fi baallii ayyaanaa qabu fannoo saniin injifatee, hidhata isaaniille hiissisee, badhinnatti bayanee akka mudhatanu godhee itti geerare.
16 Yoona marroo nyaataatii yookiin marroo unto'ootii, marroo guyyaa jilaatii yookiin marroo baatii laakkowu'uu, yookiin marroo Sanbata ulfeessu'uutiif eennulle isinitti hin murin. 17 Isaan kun waan gara duraa dhufuuf akka gaaddiddu'uu ti; dhugaan ammoo Kiristoos keessa jirti. 18 Nami sobee ifi gadi qabiisaa fi ergantoota ol-gubba'aa waaqonsiisaan ifi jaju, worra gatii hin qanne akka isin hin goone ifi eegadha'a; nami akkasii kun marroo mudhii dhagguutiif ifi saadee, waan gatii hin qanneef yaada fooniitiin ifi jaja. 19 Nami akkasii, Kiristoosii mataa nafaa te'eerutti qabatiisa lakkiseera; nafa duudii mitika'aaMitikaa: Yookiin mikitaa fi ribu'uun wolitti qassiisee ka nyaachisu mata'a; akkasiin guddinna Waaqi fedhu nafi guddata. 20 Eega Kiristoos woliin duutanee, ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu jalaa bilisa baatane, maaf akka waan ka biyyaa lafaa teetaneetitti leetan ree? Maaf seera, 21 «Kana harkaan hin qabin, san afaaniin hin qabin, kaan hin tuqin!» jedhuuf ajajantan ree? 22 Kun maraa ajaja nami baasee fi barumsa namaa irratti waan hundayeeruuf, hujii irra ooleen duuba bu'aa hin qabu. 23 Seeroti akkasii kun, waaqonfannaa fedha ifii, ifi gad qabiisa dharaatii fi nafa ifii rakkisuu irratti waan xiyyeeffatanuuf, waan qarooma qabanu fakkaatan; karaa halchaa foonii toowatiisaatiin ammoo gatii hin qabanu.

*2:14 Beenya'aa: Lafa tokko tokkotti beenna'aa jedhan.

2:19 Mitikaa: Yookiin mikitaa