3
Nabukadnezaar Akka Nami Duudiin Fakkii Worqi'ii Waaqonfatu Ajaje
Mootichi Nabukadnezaar fakkii worqi'ii ta hojjaan isi'ii ciqilee jaatamaatii fi badhinni isi'ii ciqilee jaa hujisiisee, kutaa biyya Baabilonii keessaa dirree afaan isaaniitiin, «Duraa» jedhantu keessa dhaabe. Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitooti, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin eebba fakkii inni dhaabee irratti akka dhaggamanuuf waansise. Maarre sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin, eebba fakkii mootichi Nabukadnezaar dhaabeef wolitti qabamanee fakkii san dura dhaabbatane. Achiin duuba nami lassii lassu qoonqoo guddo'oon, «Ee kolbaa heddu'u, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattanu duudiin dhage'a'a! Yennaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii dhageettanu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiga'aatii sagada'a. Nami gad jigee hin saganne yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa darbama» jedhe. Tanaaf isaan duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii akkuma dhage'aneen, kolbaan duudiin, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiganee sagadane.
Jaaloti Daani'elii Sadiin Himatamane
Yennaa san worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara mootichaa dhikaatee, Yihudoota himate. Isaan mooticha Nebukadnezaariin, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! 10 Ee mooticha, ati ‹Nami duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhage'u fakkii worqi'iitiif jigee sagaduu ti; 11 eennulle nami jigee hin sagadin bobe'a ibiddaa keessa darbamuu ti› jettee ajaja baatteerta. 12 Worri Yihudootaa ka ati kutaa biyya Baabilonii akka bulchanuuf muudde, Shaadraak, Meshaak fi Abed-neegoon, ajaja keeti hin muummessanu; isaan waaqota keeti hin tajaajilanu, hin waaqonfatanulle'e» jedhane.
13 Mootichi Nebukadnezaar yennaa tana dhage'e guddoo aaree, Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo gara isaa akka fidanu ajaje; isaanille mooticha duratti isaan dhikeessane. 14 Nebukadnezaar isaaniin, «Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'o! Isin dhugumaan waaqota kiyya hin tajaajiltanuu? Fakkii worqi'ii ta ani dhaabelle hin waaqonfattanuu? 15 Ammaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhageettanu, fakkii worqi'ii ta ani dhaabeef sagaddanee yoo waaqonfattane guddoo dansa'a. Yoo isi'iif sagaduu dhaddane ammoo, yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa hin darbatantan; waaqi harka kiyya keessaa isin baasu dande'u eennu?» jedhe.
16 Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon mootichaan, «Ee Nebukadnezaar, waan kana irratti nuuti deebii falmataa siif kennuu hin barbaachisu. 17 Ee mooticha, nuuti bobe'a ibiddaa keessatti yoo darbatanelle, Waaqi nuuti tajaajillu nu baasuu hin dande'a; harka keeti keessalle'ee nu hin baasa. 18 Yoo nu baasuu dhabelle, nuuti waaqota keeti akka hin tajaajille, fakkii worqi'ii ta dhaaddelle akka hin waaqonfanne beeki» jedhane.
Jaaloti Daani'elii Sadiin Bobe'a Ibiddaatitti Darbatamane
19 Achiin duuba Nebukadnezaar guddoo aaree, fuulli isaalle Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'otti jijjiirame; inni bobe'a ibiddaa ka dur gabbatu caalaa dachaa torba akka gabbisanu ajaje. 20 Inni loltoota ifii keessaa worri jajjabi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo hidhanee, bobe'a ibiddaatitti akka darbanuuf ajaje. 21 Maarre namooti sadiin sun akkuma uffatanee jiranuun woyaa isaanii, lukee isaanii, marata mata'aa woliin hidhamanee, bobe'a ibiddaatitti darbamane. 22 Ajaji mootichaa jabaa waan te'eef, ibiddi akka malee gabbatiisatti waan jiruuf, bobeenni ibiddaa worra Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo geessee ibiddatti darbe gubee ijjeese. 23 Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon isaan sadiinuu akkuma hidhamanee jiranuun bobe'a ibiddaa san keessatti jigane.
24 Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar maadeffatee ariifatee ol ka'ee, «Namooti nuuti hiinee ibidda keessa darbine sadii motii?» jedhee gorsitoota ifii gaafate.
Isaanille deebisanee mootichaan, «Eeti'i» jedhane.
25 Innille deebisee, «Ani ammoo kunoo, namooti afur hiikamanee, adoo hin miidhamin ibidda keessa deddeemanuun dhagga; ka arfeesso'oolle ilma waaqotaa fakkaata» jedhe.
Namooti Sadiin Ibidda Keessaa Bayanee Bulchitoota Te'ane
26 Nebukadnezaar gara balbala bobe'a ibiddaa dhikaatee, «Isin tajaajiltoota Waaqa ol-aana'aa Shaadraak! Meshaak! Abed-neego'o! Kowa'a as baya'a!» jedhe. Isaanille ibidda keessaa bayane. 27 Sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti mana mootumma'aa adaala isaaniititti wolitti qabamanee, ibiddi nafa namoota sanii akka hin miidhin, rifeensi mataa isaanii akka hin gubatin, woyaan isaanii akka hin gubatinii fi fooleen ibiddaatuu akka isaan irraa hin dhowin dhaggane.
28 Achiin duuba Nebukadnezaar, «Waaqi Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo ka ergamaa ifii ergee, tajaajiltoota ifii ta isatti addattu ka baase eebbifamuu ti. Isaan Waaqa ifiititti addatanee, ajaja mootichaa didanee, Waaqa ifii malee, waaqota dhibii tajaajiliisa yookiin waaqonfatiisaan irra, nafi isaanii akka gubatuuf dabarsanee kennane.
29 «Tanaaf akka kana ka baasuu dande'u waaqi dhibiin waan hin jirreef, kolbaan, gosi duudi'ii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu duudiin, ta Waaqa Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo faanshessitu, harkii fi miilli isaanii cicciramee, manni isaanii diigamee tuulaa kosi'ii akka te'uuf, ani ajaja baaseera» jedhe. 30 Achiin duuba Mootichi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo kutaa biyya Baabilonii irratti bulchitoota godhe.