8
Daani'el Korbeessa Hoole'eetii Fi Re'e'ee Mudhi'iin Dhagge
1 Belshaazaar mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti ani Daani'el, mudhii dur natti mudhatteen duuba mudhii dhibii dhagge. 2 Mudhii san keessatti ani qachaa Susa'aa, ka lafa Elaamii keessaa, ka dalleya dhaka'aatiin marfamee ijaarrame keessatti ifi dhagge; ani mudhi'iin irga laga Ulaayii bira jiraayyu. 3 Ani ol ilaalee korbeessa hoole'ee ka gaafa dhedheeraa lama qabu, irga lagaa dhaabbateeruun dhagge; gaafi tokkochi kaan caalaa dheerata; te'uu malee ka caalaa dheeratu sun ka duuba irra late. 4 Korbeessi sun gara aduun seentu, gara kaabaatii fi gara kibbaa gaarrifatuun dhagge; bineensoti tokkolle isa dura dhaabbatuu hin dandeenne; hunna isaa jalalle'ee ka bawuu dande'e hin jiru; inni waan fedhe mara godhe; guddoolle hunnaamessa te'e.
5 Ani marroo waan kanaa adoo yaadiisatti jiruu, korbeessi re'e'ee tokko, ka gaafa guddaa wodhakkaa lamaaniititti qabu, miilli isaa adoo lafa hin tuqin, gara aduun seentu irraa, fiigaa dhufe. 6 Inni gara korbeessa hoole'ee ka gaafa lamaan qabu, ka ani irga lagaa dhaabbateeruun dhagge sanii hunna guddo'oon itti fiige. 7 Gara korbeessa hoole'ee san dhikaatee, guddoo itti aaree, itti bu'ee gaafa isaa lamaanuu cassuun dhagge; korbeessi hoole'ee sun isa ifi irraa dhooggatiisaaf hunna dhabe; korbeessi re'e'ee sun korbeessa hoole'ee lafatti dhowee, irra sirbe; hunna isaa jalalle'ee eennulle isa baasuu hin dandeenne.
8 Achiin duuba korbeessi re'e'ee sun guddoo hunnaamessa te'e; yennaa guddoo hunnaamessa te'e ammoo, gaafi isaa dheerichi cabe; addee isaatitti gaafoti gugurdaan arfan, gara maddii arfaniititti daddabee late. 9 Gaafota arfan kana keessaa tokkocha irratti gaafi diqqichi dhibiin latee, gara kibbaa, gara aduun baatuu fi gara lafa Israa'elii bisile'etti guddoo guddate. 10 Gaafi diqqichi sun haga loltoota ol-gubba'aa bira gewutti guddate; loltoota san keessaa loltoota gari'ii fi urjoota garii gara lafaa gad qolaansee irra sirbe. 11 Inni sooressa loltoota ol-gubba'aatiin ifi qixxeesse; ciincaa guyyuma guyya'aan isaaf dhikaattulle akka isa irraa hafu godhee, addee Galma isaa batteesse. 12 Sababa cubbu'uutiif, loltooti sunii fi ciincaan guyyuma guyya'aan dhikaatu sunille isaaf dabarfamanee kennamane; inni dhugaa lafatti gad gate; wonni inni huju marti isaaf teete.
13 Achiin duuba ani woyyichi tokko dubbatuun dhage'e; woyyichi dhibiin, woyyicha dubbate saniin, «Mudhiin marroo ciincaa guyyuma guyya'aan dhikaatuu, ta hammeenna badii fiduu, akka inni irra sirbuuf, addeen woyyitti'ii fi loltooti isaaf dabarfamanee kennamane sun, yoom muummotti?» jedhe.
14 Inni deebisee, «Ciincaan guyyuma guyya'aan dhikaatu sun, haga ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadii tura; achiin duuba addeen woyyittiin sun sirri'itti hin deebiti» jedhe.
Ergamaan Waaqaa Gabri'eel Mudhii San Hiike
15 Ani Daani'el mudhii san dhaggee, hiikkaa isi'ii hubatiisaaf adoo ani wodhaaniisatti jiruu, ka nama fakkaatu tokko achi na dura dhaabbate. 16 Laga Ulaayii irraa qoonqoo namaa ta, «Gabri'eel, hiikkaa mudhii sanii namicha knatti himi» jettu dhage'e. 17 Maarre Gabri'eel dhufee yennaa na bira dhaabbate, ani rifadhee fuulaan lafatti gad gombifamee; inni ammoo, «Ilma namaa, mudhiin sun marroo bara muumme'ee akka teete hubadhu» naan jedhe. 18 Adoo inni natti dubbatiisatti jiruu, ani fuulaan lafatti jigee ifi wollaale; achiin duuba inni qabee ol na kaasee na dhaabbachiisee, 19 «Mudhiin marroo bara muumme'ee waan teeteef, guyyaa mufi'ii san waan te'u'uu jiru sitti hima.
20 «Korbeessi hoole'ee ka gaafa lama qabu ati dhaggite sun, mootota Medooniitii fi Faaresii ti. 21 Korbeessi re'e'ee mootii Giriikii ti; gaafi guddaan ila isaa lamaan wodhakka'aa sun, mootii Giriikii ka qaraa ti. 22 Gaafoti afur ka addee gaafa cabee sanitti late sun, kolbaa biyya sanii keessaa mootummoota afur ta ijaaramu'uu jirtu; ammoo akka mootummaa qaraa san hunna hin qabanu.
23 «Bulchiinsa mootummoota sanii gara dhumaa irratti, yennaa worri seera yakku akka malee hammaateeru, mootichi mati-jabaan, dharaamessi hin ka'a. 24 Inni guddoo jabaa hin te'a; ammoo hunna ifiitiinii moti. Inni badii hantuu hin fida; wonni inni huju marti isaaf hin teeti. Inni namoota jajjaba'aa fi kolbaa Waaqaa woyyoota hin balleessa. 25 Maltummaa isaatiin wonni marti isaaf hin teeti; ifumaan guddaa ifi hin godha. Adoo ifi hin eeggachiisin nama hedduu hin ijjeesa; qondaala qondaaltotaa irratti hin ka'a; te'uu malee hin bada; ka baduunille harka namaatiinii moti. 26 Mudhiin marroo ganamaa fi galgalaa sun dhuga'a. Ammoo yennaan mudhiin sun muummottu fagoo waan teeteef, dhossii qabadhu» anaan jedhe.
27 Maarre ani Daani'el dadhabee, bututee dhibamee, guyyaa hedduu irkadhe; achiin duuba ka'ee hujii mootichaa dhaqe. Ani mudhii dhaggeen rakkadhe; waanuma isi'iituu hin beenneeyyu.