11
«Daariyos nami biyya Medoonii mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, isa qarqaariisaa fi jabeessiisaaf, ani isa bira dhaabbadheeraayyu. Ammalle ani waan dhuga'aa sitti hima» jedhe.
Mootota Kaabaatii Fi Kibbaa
Ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, «Moototi dhibiin sadiin biyya Faaresii keessatti hin kaati; ka arfeesso'oo isaan caalaa hin durooma; inni yennaa durummaa ifiitiin jabaate, biyya mara mootummaa Giriikii irratti hin kakkaasa.
«Achiin duuba mootichi jabaan lola jaalatu, ka hunnaan bulchuu fi ka waan fedhe godhu tokko hin ka'a. Akkuma hunni isaa jabaatteen ammoo, mootummaan isaa diigantee, maddii afuritti gargar hin qoodanti; mootummaa isaa isa irraa fudhatantee worra dhibi'iif waan kennantuuf, sanyii isaatitti hin dabartu; akka qaraalle hunna hin qabaatu.
«Mootichi kibbaa hin jabaata; abbootii duulaa isaa keessa ammoo, tokko isa caalaa jabaatee hin bulcha; mootummaan isaalle mootummaa guddoo hin teeti. Woggoota diqqo'oon duuba mootichi kibbaa, mooticha kaabaa woliin wolii galan. Intalti mooticha kibbaa, wolii galtee isaanii jabeessiisaaf mooticha kaaba hin heerumti; isiin ammoo hunna ifiitiin turuu hin dandeettu; innii fi hunni isaalle jabaattee hin leetu; tanaaf isiin, dhirsi isi'ii, worri isii gara biyya sanii geessee fi abbaan isi'ii hin ijjeefaman. Sanyii isi'ii keessaa tokko mootii kibbaa te'ee, loltoota mootii kaabaa hin lola; kushee isaaniille diigee isaan hin injifata. Inni fakkii waaqota isaanii, meya gatii guddo'oo meeti'ii fi worqi'ii booji'ee gara biyya Gibxi'ii hin geessa; woggoota diqqo'oof inni mootii kaabaa hin lolu. Achiin duuba mootiin kaaba mootii kibbaa hin lola; ammoo dheetee gara biyya ifii hin deebi'a.
10 «Ilmaan isaa mootii kibbaa loliisaaf qophowanee, loltoota bacaa wolitti hin qabatan. Isaan keessaa tokko akka lolaa bisaanii te'ee, kushee diinotaa irra hin dhangala'a. 11 Achiin duuba mootiin kibbaa aari'iin ka'ee, loltoota bacaa mootiin kaabaa san hin injifata. 12 Loltooti bacaan yennaa booji'ante inni hin koora; loltoota kaabaa ta kuma heddu'utti laakkowantu hin fixa; inni ammoo injifachaa saniin jabaatee hin le'u.
13 «Mootiin kaabaa ka duraa caalaa loltoota bacaa waan qopheeffatuuf, woggoota diqqo'oon duuba loltoota ifii hedduu ta meya woraanaa guutuu hidhatte fudhatee deebi'ee hin dhufa. 14 Bara san kolbaan hedduun mootii kibbaa irratti hin ka'an; Daani'el, mudhiin teeti akka muummottuuf, kolbaa teeti keessalle'ee worri hunnaan nama irratti ka'anu hin ka'an; ammoo hin injifataman. 15 Achiin duuba mootiin kaabaa qachaa dalleenni dhaka'aa itti ijaarame tokko marsee hin qabata. Loltooti kibbaa ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu; loltooti filamaneeyyuu, ifi irraa dhooggatiisaaf hunna hin qaabatanu. 16 Mootiin kaaba sun waan fedhe hin godha; ka isa ifi irraa dhooggatiisa dande'u hin jiru. Inni lafa Israa'elii bisilee hin qabata, isii balleessiisaafille hunna hin qabaata.
17 «Inni loltoota mootummaa ifii duudii woliin duuliisaa hin yaadata; mootii kibbaa woliin wolii galtee nageyaa hin godha; mootummaa san balleessiisaaf, intala ifii mooticha kibbaa hin heerumsiisa; ammoo yaadi sun isaaf hin te'u yookiin isa hin qarqaaru. 18 Achiin duuba inni gara lafa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aa hin deebi'a; kolbaa hedduulle hin qabata; ammoo abbaan duulaa tokko isa injifatee, koora isaa hin dhaabbachiisa; dhugumaan dubbii inni kooraan dubbattelle isuma irratti hin deebisa. 19 Achiin duuba mootichi kaabaa gara kushee biyya ifii hin deebi'a; inni ammoo gufatee hin jiga; deebi'eelle hin dhaggamu.
20 «Mootiin addee isaa bu'u, ulfinna mootummaa ifii eegisiisaaf nama gibira guuru hin erga; te'uu malee woggaa diqqo'oon duuba aarii kolba'aatiin yookiin woraanaan adoo hin te'in, mootichi sun hin du'a.
Mooticha Hamaa Kaabaa
21 «Isaan duuba nami tuffatamaan tokko hin ka'a; ulfinni mootumma'aa isaaf hin kennamu; adoo kolbaan dedhuma jirtuu, malaan dhufee sobiisaan mootummaa hin qabata. 22 Inni loltoota hunnaameyyii bacaa, sooressa gondooro'oo injifatee haxowee hin balleessa. 23 Kolbaan biyya adda addaa hedduun isaa woliin wolii galan; inni ammoo isaan hin soba; hunna guddoo hin qabaata; ammoo kolbaa diqqo'otti isa qarqaara. 24 Inni kolbaan lafa bisilee keessaa dedhuma adoo jirtuu, hin lola; waan abbootiin isaa ta durii hin godhin hin godha. Inni meyaa fi karra booji'e mara worra isa gula deemuuf hin qooda; kushee jissiisaaf mala dhowa; ammoo yennaa diqqoo qofaaf isaaf teeti.
25 «Inni loltoota guddoo qopheeffatee, mootii kibbaa loliisaaf hunnaa fi jabeenna ifii hin kakkaasa; mootiin kibbaalle loltoota baca'aa fi jajjadduu hin qopheeffata; isaan isa irratti mala waan dhowaneef, inni ammoo ifi irraa dhooggatuu hin dande'u. 26 Worri isaa woliin nyaatuuyyu isa balleessiisaaf hin wodhaanan; loltooti isaa hin haxowaman; hedduun isaaniille hin du'an. 27 Moototi lamaanuu gadhaa ifii keessatti hammeenna qabatanee, qorii takka'atti nyaatiisaaf hin tee'an; wolille hin soban; muummee isaaniitiif yennaan Waaqi murteesse waan hin geyiniif ammoo, isaaniif hin teetu. 28 Mootichi kaabaa karra booji'e fudhatee, gara biyya ifii hin deebi'a; yaad isaa ammoo gondooroo woyyittii balleessiisa; waan fedhe godheen duuba gara biyya ifii hin deebi'a.
29 «Yennaa murtootetti mootichi kaabaa deebi'ee mootii kibbaa hin lola; te'uu malee akka yennaa duraa isaaf hin teetu. 30 Worri Rooma'aa hobolo'oon dhufee waan loluuf, inni hin sodaata. Achiin duuba gara duuba deebi'ee gondooroo woyyitti'itti aarii ifii baya; deebi'eelle gorsa worra gondooroo woyyittii lakkisee hin fudhata. 31 Loltooti isaa Galmaa Waaqaatii fi dalleya Galma Waaqaa batteesane. Isaan ciincaa guyyaa guyya'aan dhikaatulle akka hafu godhanee, farra badi'ii hin dhaaban. 32 Inni worra gondooroo lakkise sossobiisaan qarqaarsa irraa dhaggata. Kolbaan Waaqaa ifii beettu ammoo, jabaattee isa mormiti. 33 Worri qarooleen odduu kolba'aa jiranu, kolbaa barsiisiisan; te'uu malee yennaa diqqo'oof shallaaga'aan hin ijjeefaman yookiin ibiddaan hin gubatan yookiin hin booji'aman, yookiin hin saamaman. 34 Rakkoo san keessa isaan qarqaarsa diqqaa hin dhaggatan; worri bacaan sobaan isaanitti hin dabalama. 35 Haga yennaan Waaqi murteesse geettutti, akka isaan dhimbiibamanu, akka qulluu te'anuu fi qulqulloomanu, qaroolee san keessaa worri diqqaan hin ijjeefama.
36 «Mootiin kaabaa waan fedhe hin godha. Inni ifi ol qabee, waaqota mara ka caalu ifi seya. Waaqa waaqota caalu irratti arraba hamaa hin dubbata. Wonni murteeffame marti te'u'uuf waan malteef, yennaan mufii Waaqaa haga muummottutti wonni marti hin teetiif. 37 Inni waaqota abbootii ifii ta duriitiif yookiin waaqota dubartooti jaalattuuf ulfinna hin kennu; inni ka mara caalu waan ifi seyuuf waaqota dhibii tokkolle'eef ulfinna hin kennu. 38 Addee isaanii, waaqa, ‹Kushee eega› jedhamuuf ulfinna hin kenna; waaqa abbootiin isaa ta durii hin beenne tokkoof, worqi'ii fi meetii, dhakaa gatii guddo'ootii fi kennansa gatii guddo'oo kenniisaan ulfinna hin kenna. 39 Kolbaa waaqa orma waaqonfatuun kushee diinaa ta kushee mara caalaa jaddu'uu hin lola; worra akka bulcha'aatitti isa fudhatuuf ulfinna gudda hin kenna; kolbaa dhibii hedduu irratti bulchitoota isaan hin godha; galata isaan isaaf godhaneef, lafa isaaniif hin qooda.
40 «Barri yennaa geye mootiin kibbaa mootii kaabaa hin lola; mootiin kaabaalle garreettaa woraanaa ka fardaan harkifamu heddu'uun, abbootii fardaatii fi hoboloo heddu'uun akka hobonbolatti'ii itti ori'a. Akka lola'aa haxowaa biyya hedduu hin lola. 41 Inni lafa Israa'elii bisiltuulle hin lola; biyya hedduulle hin injifata; Edoom, Mo'aabii fi sooreyyiin Amoonii ammoo, harka isaa jalaa hin miliqan. 42 Inni biyya hedduu harka ifii jalatti hin bulcha; biyyi Gibxi'iille isa jalaa hin baatu. 43 Worqi'ii meeti'ii, fi karra Gibxi'ii mara hin fudhata; worri Liibiya'aatii*Liibiyaa: Afaan Ibrootaatiin Fuxi jedh. fi Itoophiya'aaItoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali., isaaf hin ajajaman. 44 Oduun gara aduun baatuu fi gara kaabaa irraa dhuttu ammoo mootii kaabaa hin sodaachitti; inni kolbaa hedduu balleessiisaaf aarii guddo'oon hin baya. 45 Inni abbaaya'aa fi gaara woyyicha dansaa wodhakka'atti dunkaanota mootummaa ifii hin dhaabbata; muummee irratti inni hin du'a; nami tokkolle isa hin qarqaaru» jedhe.

*11:43 Liibiyaa: Afaan Ibrootaatiin Fuxi jedh.

11:43 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.