3
Mootiin Baashaanii Oog Injifatame
(Lak. 21:31-35)
Tanaan duuba karaa gara Baashaanii geessutti deebinee ol baane; mootiin Baashaanii Oog loltoota ifii mara woliin Edraayitti nu loliisaaf dhufe. Mootiin Waan Maraa ammoo anaan, «Ani isa, loltoota isaa maraa fi lafa isaa dabarsee si'iif waan kennuuf, isa hin sodaatin. Mootii Amoorotaa Sihoon ka qachaa Heshiboonii keessa tee'ee bulchaa ture akkuma goote, Oogille akkasuma godhi» jedhe.
Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna mootii Baashaanii Oogii fi kolbaa isaa harka keennatti dabarsee kenne; nuutille nama tokkolle adoo hin hamburin isaan mara ijjeenne. Yennuma san nuuti qachoota isaa mara qabanne; qachoota jaatama naannoo Argoobii duudii, ka mootummaa Oogii ta Baashaan keessa jirtu keessaa qachooti nuuti hin qabatin tokkolle hin jiru. Qachooti kun marti dalleya dhaka'aa dhedheeraa, karraa fi danqaraa qabanuun marfamaneeran; ollaan gugurdaan hedduun dalleya dhaka'aa hin qannelle jiraayyu. Akkuma mootii Heshiboonii Sihoon goone, isaan ijjumaa balleessine; dhiira, dubarti'ii fi ijoollee qachaa sanii ijjumaa balleessine. Te'uu malee horii maraa fi waan qachoota isaanii keessaa saanne mara ifiif fudhanne.
Maarre yennaa san mootota Amoorotaa lamaan san irraa lafa laga Yordaanosiin gara aduun baatuu jirtu, laga Aarnoniitii haga gaara Hermoonii qabanne. Worri Sidoonii gaara Hermooniitiin «Siiriyon» jedha; worri Amoorotaa «Seniir» jedha. 10 Nuuti qachoota gooroo irraa, lafa Giil'aadii mara, lafa Baashaanii mara haga Saalka'aa fi Edraayii, qachoota mootummaa Oogii ka Baashaan keessaa mara fudhanne. 11 Worra Refaa'otaa keessaa ka hafe Oogii mooticha Baashaanii qofa; taqeen isaa ta sibiilaa ti; dheerinni isi'ii meetira afur, badhinni meetira lama. Taqeen sun haga ammaatitti Raabaa qachaa biyya Amoonii keessa jirti.
Gosoota Yordaanos Gara Aduun Baatutti Qubatte
12 Lafa qabanneen duuba qachaa Aro'erii ka laga Aarnonii bira jiruutiin jalqabee haga gamisa biyya koobittii Giil'aadii qachoota isaa woliin gosa Ruubeniitii fi gosa Gaadiitiif kenne. 13 Biyya Giil'aadii ta hatte, biyya Argoobii ta Oog bulche biyya Baashaanii mara gamisa gosa Minaase'eetiif kenne. Biyyi Baashaanii guutumatti biyya Refaa'otaa jedhamaa turte 14 Sanyiin Minaase'ee Yaa'iir biyya Argoobii ta haga meessaa worra Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa jirtu duudii fudhate. Inni ollooti sun maqaa isaatiin akka waamamanu godhe; tanaaf ollooti sun haga adhaatitti olloota Yaa'iirii jedhaman.
15 Ani Giil'aadi maakiiriif kennee, 16 gosa Ruubeniitii fi Gaadiitiif ammoo, lafa Giil'aadii irraa haga lafa laga qarqara laga Aarnonii kenneef; meessaan isaanii ka kibbaa wodhakkaa laga Aarnonii yoo te'u, gara kaabaatiin haga laga Yaaboqii meessaa Amoonotaa ti. 17 Karaa aduun seentuun haga laga Yordaanosii, laga Galiila'aa goodda kaabaa keessaa gara kibba Abbaayaa Sooddaatii fi gara gaara Phiisgaa aduun seentuutiin jalaatitti badhata.
18 Yennaa san ani «Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna lafa Yordaanos irraa ta gara aduun baatuu tana akka qabattanu isinii kenneera. Amma namoota lolanu keessan hidhachiisa'aatii, gosooti Israa'elii dhibiin lafa ifii haga qabatanu akka qarqaaranuuf laga Yordaanosiitiin gama isaaniin dura erga'a. 19 Te'uu malee, isin horii hedduu akka qaddanu waan beekuuf, haadhotiin manaa teessan, ijoolle'ee fi horiin keessan qachoota ani isiniif kenne keessa turanuu ti. 20 Tunille Mootiin Waan Maraa akkuma isiniif godhe, isaan lafa Yordaanos irraa gara aduun seentuu ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isaaniif kennu san haga qabatanu. Saniin duuba tokko tokkoon keessa gara lafa ani isinii kenne sanii hin deebitan» jedhe.
21 Yennaa san ani Iyaasuu ajajee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan mootota lama Sihoonii fi Oog waan godhe ati iluma teetiin dhaggiteerta; Mootiin Waan Maraa mootummoota ati itti dhaqaartu mara irralle'etti akkasuma hin godha. 22 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ifumaaf waan isinii loluuf isaan hin sodaatin» jedhe.
Muuseen Kana'aanitti Akka Hin Galle Dhooggame
23 Yennaa san ani jabeessee daadimadhee, 24 «Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati guddinnaa fi irree teeti jadduu ana tajaajilaa keetitti mudhisuu jalqaddeerta. Ol-gubba'aa fi lafa irratti waan ati gootuu fi hujii gugurdoo ati hujju ka hujuu dande'u waaqi dhibiin eennu inni? 25 Ani gamatti bu'ee, lafa dansaa laga Yordaanosiitiin gamaa biyya koobittii dansaa, gaara Libaanonille akka dhaggu naa eeyyam» jedhe.
26 Sababa keessaniif ammoo Mootiin Waan Maraa natti aaree, ana hin caqanne. Inni anaan, «Si geetti. Marroo waan kanaa deebitee natti hin dubbatin! 27 Qaccee gaara Phiisga'aatitti ol bayiitii gara aduun seentuu fi gara kaabaa, gara kibbaatii fi gara aduun baatu ilaali. Ati laga Yordaanosii gamatti waan hin buuneef, ila teeti qofaan ilaali. 28 Kolbaa sooressee gamatti buusee, lafa ati dhaggitu tana akka isaan dhaalanu ka godhu, Iyaasuu waan te'eef, isa ajajiitii jajjabeessi; akka inni jabaatu godhi» jedhe. 29 Maarre nuuti dhooqa Bet-phe'or bira jirtu keessa turre.