5
Ajajoota Kudhan
(Bay. 20:1-17)
1 Muuseen kolbaa Israa'elii mara wolitti waamee, «Kolbaa Israa'elii seerataa fi seera akka isin barattanu ani adha isinitti himu kana dhage'a'a. Miidhassa'aa eegadha'a. 2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna gaara Siina'aa irratti nu woliin gondooroo gondooreera. 3 Inni abbootii teenna woliin adoo hin te'in, nu worra amma as jiru'uun jirru mara woliin gondooreera. 4 Mootiin Waan Maraa gaara gubba'atti fuula keessan duratti ibidda keessaa isinitti dubbate. 5 Yennaa san isin ibidda sodaattanee, gara gaaraa waan hin bayiniif, ani wodhakkaa teessanii fi Mootii Waan Maraa dhaabbadhee jecha isaa isiniif lallabe.
«Mootiin Waan Maraa, 6 ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa si baase.
7 «‹Ana malee waaqota dhibii hin waaqonfatin.
8 «‹Waaqota dharaa fakkii waan ol-gubba'aatiin yookiin waan gad lafa irraatiin yookiin waan bisaan keessa lafa jala jiruutiin hin hujatin. 9 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha, cubbuu abbootii na jibbituutiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadii fi afurii waan adabuuf, ati waaqota dharaatiif hin sagadin; hin waaqonfatinille'e. 10 Worra na jaalatuu fi ajajoota kiyya eegatu kumootaaf jaalala kiyya ka bara baraa isaaniif hin mudhisa.
11 «‹Ani Mootiin Waan Maraa nama maqaa kiyya akkasumaan dhowu adabu malee waan hin lakkinneef, ati maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetii akkasumaan hin dhowin.
12 «‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma si ajaje, guyyaa Sanbataa woyyoonsii eegadhu. 13 Guyyaa jaa hujadhu; hujii teeti mara muummessi. 14 Guyyaan torbeesso'oo ammoo guyyaa ati ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf foorfattu. Guyyaa san ati, ilmi keeti yookiin intalti teeti, tajaajilaan keeti ka dhiiraa yookiin tajaajiltuun teeti ta dubarti'ii, qotiyyoon teeti yookiin harreen teeti yookiin horiin keeti marti yookiin ormi qachaa keeti keessa le'u hujii tokkolle hin hujina'a. Tajaajiltooti teetille akkuma keeti foorfatanuu ti. 15 Ati biyya Gibxi'iititti garba akka teete, ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hunna guddo'oo fi irree tiyya diriirsee achi keessaa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati guyyaa sanbataa ulfeessitee foorfattu si ajaje.
16 «‹Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iif kennu keessa bara dheeraa akka leetu, wonni ati gootu marti akka sii toltu, akkuma ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.
17 «‹Hin ijjeesin.
18 «‹Hin gaarayyeeffatin.
19 «‹Hin hatin.
20 «‹Nama irratti dharaan dhugaa hin bayin.
21 «‹Niitii namaa hin kajeelin. Mana namaa, lafa namaa, tajaajilaa namaa, loon namaa, harree namaa yookiin karra namaa mara hin halchin› jedha.
22 «Ajajooti Mootiin Waan Maraa qoonqoo guddo'oon gaara Siina'aa gubba'atti ibidda, duumensaa fi dukkana dimma keessaa gumii teessan duudi'itti dubbate isaan kana; inni waan tokkolle itti hin daballe. Achiin duuba inni dhakaa baxxicha lama irratti barreessee natti kenne.
23 «Gaara irratti ibiddi bobe'uun, dukkana dimma keessaa qoonqoo yennaa dhageettane, sooreyyiin gosa teessaniitii fi jaarsoleen teessan marti gara kiyya dhuttanee, 24 ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna ulfinnaa fi guddinna ifii nutti mudhisee, ibidda keessaa qoonqoo isaa dhageenneerra. Waaqi yoo isatti dubbatelle, nami le'uu akka dande'u nuuti adha dhaggineerra. 25 Amma ammoo, ibiddi guddaan kun nu fixa; haganaa achi qoonqoo Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa yoo dhageenne hin duuna; nuuti maaf duuna ree? 26 Sanyii namaa keessaa eennutti Waaqi jiraataan ibidda keessaa dubbatuun dhage'ee, akka keenna le'uu dande'e jiraa ree? 27 Ati itti dhikaadhuutii waan Mootiin Waan Mara Waaqi keenna jedhu mara dhage'i. Achiin duuba waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna sitti himu mara nutti himi. Nuutille dhageennee hin ajajanna› jettane.
28 «Mootiin Waan Maraa yennaa isin natti dubbatane dhage'ee, anaan, ‹Waan kolbaan tun siin jette dhage'eera. Wonni isaan jedhane marti dansa'a. 29 Hay, isaanii fi ijoollee isaaniitiif, haga bara baraa akka toltu, na sodaatiisaaf ajaja kiyya mara akka eegatanu yennaa mara gadhaa akkasii adoo qabaatanee attam attam dansa'a! 30 Dhaqiitii gara dunkaanii ifii akka deebi'anu itti himi. 31 Ati ammoo as na bira turi; lafa akka isaan dhaalanuuf ani isaaniif kennu keessatti akka eegatanu akka isaan barsiittuuf ani ajaja, seerataa fi seera kiyya mara sitti hin kenna› jedhe.
32 «Maarre waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara eegadha'a; isa irraa gara middaatitti yookiin gara bita'aatitti hin gorina'a. 33 Lafa dhaaltanu keessatti jiru'uun akka leetanu, akka isinii toltuu fi bara dheeraa akka leetanu karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara deema'a» jedhe.