7
Kolbaa Waaqaa
1 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa ati dhaaliisaaf itti galtutti yennaa si fide, lafa san keessaa gosa biyya adda addaa hedduu ta isin caalaa bacattuu fi hunna qaddu torba Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kana'aanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota si duraa hin ari'a. 2 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa tana mara harka keetitti dabarsee yennaa kenne, atille yennaa isaan injifatte, isaan mara balleessuu qadda. Isaan woliin wolii galtee hin godhin; isaaniifille hin mararin. 3 Isaan woliin hin soddoomin; durri teeti ilmaan isaanii hin heerumsiisin yookiin ilmaan teeti durra isaanii hin fuusisin. 4 Sababille isaan ijoollee teeti ana Mootii Waan Maraa irraa deebisanee, akka isaan waaqota dhibii waaqonfatanu hin godhan; aariin ana Mootiin Waan Maraalle si irratti bobeettee, ariiti'iin si hin balleessiti. 5 Tanaaf ati addee ciinca'aa ta isaanii diigi; soodduu woyyittii isaanii caccassi; utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantu ta isaanii jissi; waaqota dharaa ka isaaniille ibiddaan gubi. 6 Sababille ati kolbaa woyyittii Mootii Waan Maraa Waaqa keetii ti. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa biyya lafaa mara keessaa qabeenna isaa ka addaa akka teetuuf si filateera.
7 Mootiin Waan Maraa waan isin gosa dhibii caalaa guddoo bacattaneef jaalatee isin hin filane; isin gosa dhibii caalaa guddoo diqqaattan. 8 Mootiin Waan Maraa ammoo waan si jaalateef, waadaa abbootii teetiif gale eeguu waan barbaadeef, hunna ifii guddo'oon lafa garbumma'aa keessaa harka Fara'oonii mooticha Gibxi'ii jalaa si wode. 9 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa akka te'e beeki; inni Waaqa addatama'a; worra isa jaalatuu fi ajaja isaa eegatanuuf haga dhaloota kumaatitti gondooro'oo fi jaalala ifii ka bara baraa hin eega. 10 Worra isa jibbu ammoo balleessiisaan adoo isaan dhagganuu haluu hin baya; worra isa jibbu adoo isaan dhagganuu haluu bayiisaaf hin turu. 11 Tanaaf ajaja, seerataa fi seera ani adha si ajaje midhassii eegi.
Eebba Ajajamiisa Irraa Dhufu
(Kes. 28:1-14)
12 Ajajoota kana caqattee miidhassitee yoo eedde, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma abbootii teetiif kakate, gondooro'oo fi jaalala ifii ka bara baraa si'iif hin eega. 13 Inni si jaalata, si eebbisa, laakkossaan keeti hin baceessa; inni lafa sii kenniisaaf abbootii teetiif waadaa gale keessatti ijoollee teeti, oorruu lafa teetiitii fi midhaan fichaa keetii, woyni'ii fi zayitii ejersaa teeti haareya, jabbilee loon keetii, ilmoolee hoole'ee fi re'ee teetii hin eebbisa. 14 Ati kolbaa dhibii caalaa hin eebbifanta; nama keeti keessaa dhiirtii fi dubartiille finna hin dhabanu; horii keeti keessalle'ee ka maseenu hin jiraatu. 15 Mootiin Waan Maraa dhukkuba mara irraa si eega; inni dhukkuba guddoo sodaachisu ka ati biyya Gibxi'ii keessatti beettu, worra si jibbu irratti fida malee si irratti hin fidu. 16 Kolbaa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti harka keetitti dabarsee kennu mara balleessi malee, isaaniif hin mararin. Isaan tiyyoo waan sitti te'anuuf, waaqota isaanii hin waaqonfatin.
17 Ati, «Kolbaan biyya adda addaa tun nu caalaa jajjaddu'u; nuuti attam dandeennee ariinee isaan baanna» jettee yaadda fa'a. 18 Isaan hin sodaatin. Waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti mooticha biyya Gibxi'iitii fi worra Gibxi'ii mara irratti godhe midhassii qaabadhu. 19 Balaa gugurdaa bilbaasota, maadee, hunna guddo'oo fi irree diriirsee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si baase ila teetiin dhaggiteerta. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, kolbaa biyya adda addaa ati amma sodaattu tana mara akkasuma hin godha. 20 Kana irralle'etti worri hafee si duraa dhokate, haga balleeffamanutti Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, sardama*Sardama: Afaan Ibrootaatiin Soonsa jedha isaanitti hin erga. 21 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, Waaqi guddaan sodaachisaan waan si woliin jiruuf, isaan si hin rifachiisin. 22 Mootiin Waan Maraa kolbaa biyya adda addaa tana diqquma diqqo'oon si duraa ari'ee hin baasa. Bineensi akka sitti hin bacanne, mara isaanii yennuma takka'aan hin balleessin. 23 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, diinota keeti harka keetitti dabarsee kennee, haga isaan badanutti waan godhanu isaan hin wollaalchisa. 24 Inni mootota isaanii harka keetitti dabarsee hin kenna. Ati maqaa isaanii lafa irraa hin balleessita. Eennulle si dura dhaabbatuu hin dande'u; ati isaan mara hin balleessita. 25 Waaqota isaanii ka dharaa ibiddaan gubi. Meetii yookiin worqii irratti maxxanfanteertu halchitee hin fudhatin yookiin isiin Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ta diqachiittu waan teeteef, gufuu sitti teeti. 26 Waaqota dharaa diqachiisaa kana gara mana keetii yookiin gara keeti hin fidin; yoo fidde atille akkuma isaanii hin badda. Isaan badi'iif waan adda bayaneeranuuf, ijjumaa diqadhu.