9
Kolbaan Israa'elii Ajajamuu Didde
1 Ee Israa'el! Dhage'i. Ati adha qachoota gugurdaa dalleenni isaanii ka dhaka'aa haga gubba'aa ol dheeratu, gosa biyya adda addaa ta si caalaa bacattuu fi si caalaa hunna qaddu irraa fudhatiisaaf laga Yordaanosii gamatti hin buuta. 2 Kolbaan Aanaaqotaa kolbaa jajjadduu dhedheertu'u. Ati marroo isaanii hin beetta; «Aanaaqota eentu ifi irraa dhooggatiisa dande'a» jedhanuun dhageetteerta. 3 Te'uu malee akka ibidda gubuu si'iin dura ka gamatti bu'u Mootii Waan Maraa Waaqa keeti akka te'e adha beeki. Inni isaan hin balleessa; fuula keeti duratti isaan hin injifata. Ati Akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa sii galetti ariitee isaan hin baatta; ariitiille'een isaan hin fixxa.
4 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti isaan si duraa ari'ee baaseen duuba, «Balchummaa tiyyaan akka ani lafa tana qabadhuuf, Mootiin Waan Maraa as na fide» jettee hin yaadatin. Balchummaa teetiinii moti; isaan hamoolee waan te'aneef, inni si duraa ari'ee isaan baase. 5 Ati lafa isaaniititti galtee wonni dhaaltuuf, balchummaa teetii fi qajeelummaa teetiin adoo hin te'in, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti abbootii teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif waan kakate muummessiisaaf, gosa biyya adda addaa tana marroo hammeenna isaaniitiif si duraa ari'ee baasa. 6 Ati waan mataa jabaattuuf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa dansaa tana ka sii kennuuf, balchummaa teetiif akka hin te'in beeki.
7 Goomolee keessatti Mootii Waan Maraa Waaqa keeti attam akka aarsite qaabadhu; ijjumaa hin dedhin. Guyyaa biyya Gibxi'iitii baatee jalqaddee, haga guyyaa as geettuutitti Mootii Waan Maraa irratti finqila kaatteerta. 8 Gaara Siina'aa irratti, haga isin balleessiisaaf ka'utti Mootii Waan Maraa guddoo mufachiittane. 9 Ani dhakaa baxxicha lama, dhakaa baxxicha lama ka gondooroo Mootiin Waan Maraa isin woliin gondooree fuudhiisaaf gara gaaraa yennaa ol baye, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gaara san irra ture; sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne. 10 Mootiin Waan Maraa dhakaa baxxicha lama ka seerri kudhan quba Waaqaatiin irratti barreeffameeru natti kenne. Guyyaa wolde'aa, ajaji Mootiin Waan Maraa gaara irraa, ibidda keessaa isinitti dubbate marti irra jiraayyu. 11 Mootiin Waan Maraa dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaa sanitti, dhakaa baxxicha gondooro'oo san natti kenne.
12 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte waan battootteef, ariifadhuutii gaara kana irraa gad bu'i. Isaan yoosuma waan ani isaan ajaje irraa goranee, waaqota dharaa sibiila irraa baqisiisanee hujataneeran» jedhe.
13 Ammalle Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kolbaan tun kolbaa mataa jabaattu akka teete ani dhugumaan dhaggeera. 14 Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii lafa irraa haxowu na lakkisi; ani isaan caalaa gosa jadduu bacaa si hin godha» jedhe.
15 Maarre ani ibiddi gaara irraa adoo bobe'uu, dhakaa baxxicha gondooro'oo lamaan san harka kiyya lamaanitti qabadhee deebi'ee gaara irraa gad bu'e. 16 Ani yennaa ilaale, isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan irratti cubbuu hujjaneertanuun dhagge; isin waaqa dharaa fakkii jabbi'iitiin baqisiittanee hujattane. Karaa Mootiin Waan Maraa isin ajaje irraa ariifattanee gortane. 17 Tanaaf ani dhakaa baxxicha lamaan san harka kiyya irraa qolaansee isin duratti caccasse. 18 Achiin duuba ammalle, isin ila Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu isa aarsu hujiisaan, cubbuu hujjane maraaf, ani sagalee adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama fuula isaa duratti gombifame. 19 Mootiin Waan Maraa aaree isin balleessiisaaf waan ka'eef, ani aari'ii fi mufii isaa sodaadhe. Mootiin Waan Maraa ammoo ammalle naaf dhage'e. 20 Mootiin Waan Maraa Aaron balleessiisaaf itti aare; ani yennaa san Aaroniif daadimadhe. 21 Ani hujii cubbittii teessan, waaqa dharaa fakkii jabbi'iitiin hujjane sanille fuudhee ibiddaan gube. Achiin duuba fakkii san butuchee daakee bulleessee bukuu san bisaan gaara irraa gad bu'utti naqe.
22 Isin Tabeera'atti, Maasa'aa fi Qibrot-Hatawaalle'etti Mootii Waan Maraa aarsitane. 23 Mootiin Waan Maraa Qaadesh-Barne'aa yennaa isin baase, inni, «Dhaqa'aatii lafa ani isiniif kennu qabadha'a» jedhe. Isin ammoo ajaja isaa irratti finqila kaattane malee, isatti hin addanne yookiin isaaf hin ajajanne. 24 Yennaa ani isin beekeen jalqaddanee, isin Mootii Waan Maraa irratti finqiluma kaasiisatti jirtan.
25 Mootiin Waan Maraa, «Isin balleessa» waan jedheeruuf, ani fuula Mootii Waan Maraa duratti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama gombifame. 26 Ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee, «Ee Gootta'a, Mootii Waan Maraa, qabeenna keeti ka te'ane, kolbaa teeti ta hunna teeti guddo'oo fi irree teeti jaddu'uun wodattee biyya Gibxi'ii keessaa baatte hin balleessin. 27 Tajaajiltoota teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob qaabadhu. Mataa-jabeenna, hammeennaa fi cubbuu kolbaa tanaa hin ilaalin. 28 Yoo akkas hin te'in, worri Gibxi'ii nu'uun: Mootiin Waan Maraa lafa isaanii waadaa galetti isaan galchuu waan dadhabeef, inni waan isaan jibbeef goomolee keessatti isaan ijjeesiisaaf isaan baase hin jedhan. 29 Isaan ammoo qabeenna keeti ka te'ane, kolbaa teeti ta ati hunna teeti guddo'oo fi irree teeti diriirsitee biyya Gibxi'ii keessaa baatte» jedhe.