12
Addee Waaqonfanna'aa Takkattii
Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii, lafa akka qabattanu isinii kennu keessa bara leetanu mara, seerataa fi seerri isin ifi eegatiisaan muummessitanu isaan kana. Addee gosi biyya adda addaa ta isin akka isaan isin duraa ka'anu gootanu, ta isaan waaqota ifii itti waaqonfatanu ta gaarota dhedheera'aa fi koobota irraa, ta muka banqaaqaa mara jalaalle ijjumaa balleessa'a. Addee ciinca'aa ta isaanii caccassa'aa diiga'a; soodduu woyyittii isaanii butucha'a; utuboota waaqa dharaa ta isaanii ta, «Asheeraa» jedhantuu ibiddaan guba'a; waaqota isaanii ka dharaa mura'aa jissa'a; maqaa isaanii addee san irraa balleessa'a.
Isin karaa isaan waaqota ifii ka dharaa waaqonfatanuun, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hin waaqonfatina'a. Isin ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan gosa teessan mara keessaa, addee maqaan isaa akka itti waamamu, addee bultoo ifii godhatiisaafille inni filatu barbaada'aatii, achi dhaqa'a. Achitti kennansa gubamuu fi ciincaa, kudhan keessaa tokkoo fi kennansa addaa, kennansa kenniisaaf waadaa galtane, kennansa fedhii teessanii, loon, hoole'ee fi re'ee teessan keessaa ka qara dhalatu dhikeessa'a. Achitti fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii duratti hin nyaatin. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin eebbiseef, isinii fi maatiin teessan Waan harka keessaniin hujjaneen hin gammaddan.
Isin akka nuuti adha nami martinuu akkuma itti fakkaatte godhu kana hin godhina'a; Sababille isin addee fooraa lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennu ammalle hin geenne. 10 Te'uu malee, laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan dhaala godhee isinii kennu keessa yennaa qabattanu, nageyaan akka leetanu, inni diinota adaala keessan jiranu mara irraa isin hin foorfachiisa. 11 Achiin duuba addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka maqaan isaa itti waamanuuf, addee bultoo ifii godhatiisaaf filatetti, waan ani isin ajaju mara: kennansa gubamuu fi ciincaa, kudhan keessaa tokkoo fi kennansa addaa, qabeenna Mootii Waan Maraatii kenniisaaf waadaa galtanee adda baafattane hin fiddan. 12 Achitti isin, ilmaan teessan, durra teessan, tajaajiltoota teessan ta dhiiraatii fi dubarti'ii, Lewwoota qachoota keessan keessa le'anu ka qooda yookiin lafa ifii hin qanne woliin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti gammada'a. 13 Kennansa keeti ka gubamu adduma dhaggitetti akka hin ciincessine ifi eegadhu. 14 Gosa teeti keessaa addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti filatu qofatti ciincaa san ciincessi; achitti waan ani si ajaju mara godhi.
15 Te'uu malee akkuma eebba Mootiin Waan Maraa sii kennetti, qachoota keeti kamiiyyuu keessatti horii keeti, akkuma buddanne'ee yookiin gadansaa qaliitii foon haga barbaadde nyaadhu; akka aadaa dhugeeffanna'aatitti nami qulqulluu te'e yookiin qulqulluu hin te'inille foon san nyaatuu hin dande'a. 16 Dhiiga isaanii ammoo akka bisaanii lafatti gad dhangalaas malee hin nyaatin. 17 Midhaan, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa teeti harka kudhan keessaa harka tokko yookiin loon, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa ka qara dhalate yookiin waan kenniisaaf waadaa galte mara, yookiin kennansa fedhii teetiin kennitu yookiin kennansa keeti ka addaa qachaa keeti keessatti hin nyaatin. 18 Addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii filutti ati, ilmaan teetii, durra teeti, tajaajiltoota teeti ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii, Lewwoota qachaa keeti keessa le'anu woliin Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti kennansa kana nyaadhu; waan harka keetiin hujjelle'een gammadi. 19 Lafa teeti keessa haga leetu, worra Lewwootaa akka hin deene ifi eegadha'a.
20 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma waadaa sii galetti, lafa teeti yennaa sii badhisu, ati foon dharraatee, «Ani foon fedha» yennaa jette, akkuma barbaaddetti foon nyaatuu hin dandeetta. 21 Addeen Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka itti waamamuuf filate si irraa guddoo yoo fagaatte, akkuma ani si ajajetti loon yookiin hoole'ee fi re'ee Mootiin Waan Maraa sii kenne keessaa qalattee, qachaa keeti keessatti haga barbaadde nyaatuu hin dandeetta. 22 Eennulle nami aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu te'e yookiin qulqulluu hin te'in akkuma foon gadansaa yookiin foon buddanne'ee nyaatuu hin dande'a. 23 Ati ammoo dhiiga akka hin nyaanne hubadhu; dhiigi lubbuu waan te'eef, lubbuu foon woliin hin nyaatin. 24 Dhiiga akkuma bisaanii lafatti dhangalaas malee hin nyaatin. 25 Ati ila Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e yennaa hujju, si'ii fi ijoollee si'iin duubaatiif akka toltu dhiiga hin nyaatin. 26 Waan keeti ka woyyuu te'ee fi waan Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa galte ammoo fudhadhuutii gara addee Mootiin Waan Maraa filante san dhaqi. 27 Kennansa keeti ka gubamu foonii fi dhiiga addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii irratti dhikeessi. Dhiigi ciincaa keetii addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii cina'atti dhangalaafamuu ti; foon ammoo nyaatuu dandeetta. 28 Ila Mootii Waan Maraa Waaqa keetii duratti waan dansa'aa fi sirrii te'e waan hujjuuf, si'ii fi ijoollee teeti ta si'iin duubaatiif haga bara baraa akka toltuuf, ajajoota ani adha siif kennu mara muummessiisaaf ifi eegadhu.
29 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, lafa ati qabatiisaa dhaxxu irraa gosa biyya adda addaa si duraa ijjumaa hin balleessa; atille lafa isaan irraa fudhatte keessa yennaa qabutte, 30 isaan badaneen duuba, «Anille akkuma isaanii akka godhuuf, gosi biyya adda addaa tun attamiin waaqota ifiitiif tajaajilan?» jettee marroo waaqota isaanii iyyaafattee tiyyo'otti akka hin galle ifi eeggadhu. 31 Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keeti karaa isaan waaqonfatanuun hin waaqonfatin. Sababille isaan waaqota ifii yennaa waaqonfatanu, waan diqachiisu ka Mootiin Waan Maraa jibbu mara godhan. Isaan ijoollee ifiituu ilmaan fi ijoollee ifii ta durraa ibidda addee ciinca'aa irratti waaqota ifiitiif ciincessan.
32 Kunoo, waan ani si ajaje mara godhi; waan tokkolle itti hin dabalin yookiin irraa hin dhidhisin.