15
Woggaa Liqaan Namaaf Itti Lakkifamu
(Lew. 25:1-7)
1 Dhuma woggaa torbeesso'ootitti liqaa worra si irraa liqeeffatee lakkisiif. 2 Akki ati liqaa namaaf lakkittu asii gad jira; Mootiin Waan Maraa liqaan akka namaaf lakkifamu waan lasseeruuf, nami liqeessu marti, obboleessa ifii nama Israa'eliitiif liqaa liqeesse isaaf lakkisuu ti. 3 Liqaa ormaaf liqeessite gaafatuu hin dandeetta; liqaa obboleessi keeti nami Israa'elii si irraa liqeeffate maraayyuu lakkisiif.
4 Te'uu malee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltuuf, sii kennu keessatti, guddoo waan si eebbisuuf, odduu teeti hiyyeessi hin jiraatu. 5 Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, ajaja ani adha sii kennu kana maralle miidhassitee yoo eegatte qofa tun sii teeti. 6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma waadaa sii gale waan si eebbisuuf, ati gosa biyya adda addaa heddu'uuf hin liqeessita malee, eennu irralle'ee hin liqeeffattu. Ati gosa biyya adda addaa hedduu hin bulchita malee, eennulle si hin bulchu.
7 Obboleessi keeti Israa'elichi qachoota lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessa worra le'anu keessaa nami tokko hiyyeessa yoo te'e, inni obboleessa keeti waan te'eef, gadhaa itti jabaattee, isa qarqaaruu hin didin. 8 Tanaa mannaa, arjoomiitii haga isaaf barbaachisu mara liqeessiif. 9 Ati, «Woggaan torbeesso'oo ka liqaan namaaf itti lakkifamu geyeera» jettee, yaad hamaan qalbii teeti keessa seenee, obboleessa keeti dhabaa sanitti gadhaa jabaattee, adoo isaaf woy hin kennin hin hafin; innille gara Mootii Waan Maraa iyyee, ati yakkaamessa akka hin teene ifi eegadhu. 10 Ati yennaa isaaf kennitu gammadaan kenniif malee hin qucuucamin. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii teeti maraa fi waan harki keeti tuqe maraan si hin eebbisa. 11 Worri hiyyeeyyiin yoomille lafa irraa hin dhabamu. Tanaaf, ani obboleeyyan teeti Israa'elootaaf, worra hiyyeeyyi'ii fi worra rakkataa lafa teeti keessaatiif akka kennitu si ajaja.
Garboolee Bilisa Baasuu
12 Sanyii Ibrootaa keessaa dhiirti yookiin dubartiin yoo sitti gurguramane, nami sitti gurgurame sun woggaa jaa si tajaajiluu ti; woggaa torbeesso'oo keessa nami sun si irraa bilisa bayuu ti. 13 Yennaa inni si irraa bilisa bayu, ati harka duwwaa isa hin lakkisin. 14 Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si eebbisetti hoole'ee fi re'ee teeti keessaa, midhaan eeddummee teeti keessaatii fi daadhii woyni'ii teeti irraa isaaf kenni. 15 Ati biyya Gibxi'ii keessatti garba teeteertuun, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti bilisa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani adha si ajaja.
16 Garbichi keeti sun ammoo, si bira tee'iisi waan isatti toleef, si'ii fi maatii teeti waan jaalateef, «Ani si biraa hin deemu» yoo siin jedhe, 17 gara balbala mana keetii geessiitii, muta'aan gurra isaa uri; achiin duuba inni bara jiruu ifii garbicha keeti hin te'a. Garbittii teetille akkasuma godhi. 18 Yennaa bilisa isa baattu, tajaajilaan qaxarame tokko woggaa jaa ka sii huju caalaa dachaa lama, waan sii hujeef, isa bilisa baasuun sitti hin ulfaatin. Ati tana godhi; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti waan ati gootu maraan si hin eebbisa.
19 Loon keeti keessaa jiboota, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa korbeeyyii qara dhalatanu, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif adda baasi. Jiboota qara dhalatteen hin qotin; korbeeyyii hoole'ee ta qara dhalatte rifeensa irraa hin murin. 20 Addee Mootiin Waan Maraa filatutti atii fi maatiin teeti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti woggaa wogga'atti jibootaa fi korbeeyyii san hin nyaattan. 21 Horiin sun ammoo fafa tokko yoo qabaate, naafa yookiin ballaa yookiin fafa hamaa yoo qabaate, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif hin ciincessin. 22 Horii akkasii kana qachuma keessan keessatti akkuma buddanne'ee yookiin akkuma gadansaa nyaatuu hin dandeettan. Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti nami qulqulluu te'e yookiin ka qulqulluu hin te'inille nyaatuu hin dande'a. 23 Dhiiga horii sanii ammoo, akkuma bisaanii lafatti dhangalaasa'a malee hin nyaatina'a.